Mana Murtii Aanaa Gursum-Gursum Worada Court

Mana Murtii Aanaa Gursum-Gursum Worada Court

11/08/2026
06/08/2026
10/07/2026
26/06/2026
26/06/2026

“Seerri sadarkaa federaalaatti ba’u naannolee kan hirmaachise ta’uu qaba”
- Obbo Gazzaalii Abbaa Simal
+++++++++

Pilaas| Waldhiituu seeraa yeroo garaagaraa mudatu maqsuuf seerri sadarkaa federaalaatti ba’u naannolee hirmaachisuu akka qabu Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gazzaalii Abbaa Simal ibsan.

Workishooppii dhiyeessii qorannoowwanii tibba darbe Inistitiyuutii Leenjiifi qorannoo Seeraa Oromiyaan (ILQSO) magaalaa Adaamaatti taasifamerratti Obbo Gazzaaliin akka jedhanitti, seerri sadarkaa federaalaafi naannoo Oromiyaatti ba’u yeroo baay’ee waldhiituusaan sirna haqaa diriirsuurratti danqaa uumaa tureera.

Itoophiyaan sirna federaalaan waan bultuuf naannoleefi federaalli aangoo mataasaanii qabaatanus yeroo baay’ee garuu walitti bu’iinsi daangaa seeraa bal’inaan mudata.

Akka seera biyyattiitti aangoon karaa sadiin kennama jedhanii; federaalaafi naannoleef seera mata mataatti kennuu, seera federaala qofaaf kennameefi seera waloon hojiirra ooludha. Naannoon Oromiyaa Caffeen bula waan ta’ee labsii Caffeen baasuun buluun dirqama. Ta’us labsiin naannichi baasuufi kan federaalaa walitti bu’uun hojiirra oolmaatti burjaajjiin jiraachuu dubbataniiru. Afaan seerri ittiin ba’us danqaa mataasaa qabaachuun qorannoon adda ba’eera.

Qorannoo ILQSOn taasiseen walitti bu’iinsa mudatu maqsuuf naannichis ta’e federaalli wayita seera baasan daangaa isaaniif kenname keessatti qofa hojjechuu akka qaban mul’isa jedhanii, gama biroon manneen murtii naannoo seera naannoon ba’e hojiirra oolchuu qabu. Hundaa ol garuu, seerri sadarkaa federaalaatti ba’u naannicha hirmaachisuun dirqama akka ta’e ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, federaallis ta’e naannooleen aangoo isaaniif kennameen qofa osoo wal hinhubatin seera baasu. Seerri ba’e kun kallattiin waldhiituun murtii haqaa kennuurratti gufuu guddaa ta’aa ture. Seerri sadarkaa federaalaatti ba’u haala qabatamaa naannoleen walsimachuu qofa osoo hintaane hirmaachisaa ta’uu qaba. Hojiirra oolmaa seera naannooleefi federaalaarrattis qaamoleen haqaa hubannoo gahaa argachuu qabu.

ILQSOn hundeessuuf kaayyoon inni guddaan gufuuwwan sirna haqaa keessatti mul’atan qorannoon adda baasuun furmaata waaraa diriirsuudha jedhanii; sirna haqaa cimaa qabaachuuf qaamoleen haqaa cimoon jiraachuu qabu. Qaamolee haqaa cimoo horachuuf ammoo dhaabbata cimaa qorannoon deggerame qabaachuun murteessaa ta’uun amanamee ILQSO hundeessuuf ka’umsa ta’uu yaadachiisaniiru.

Amanamummaa sirna haqaa olkaasuuf dhimmi naamusa qaamolee haqaa dhimma murteessaadha jedhanii, rakkoo naamusaa abbaa alangaafi mana murtii keessatti calaqqisu qorannoon adda ba’eera waan ta’eef qixa sirriin hojiirra oollaan rakkichi hundeerraa akka furamus himaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin
Maxxansa Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 17 bara 2018

Address

Gursum , East Harerghe , Oromia
Gursum

Opening Hours

Monday 08:30 - 17:30
Tuesday 08:30 - 17:30
Wednesday 08:30 - 17:30
Thursday 08:30 - 17:30
Friday 08:30 - 17:30

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Aanaa Gursum-Gursum Worada Court posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category