09/01/2026
Gamaaggamni Raawwii Hojii Paartii fi Mootummaa Kurmaana 2ffaa Guyyaa 2'f Turu Gaggeeffamuu Jalqabe !
God/Har/Bahaa Aanaa Gursumitti Gamaaggamni raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana 2ffaa qooda fudhattoota waliin gaggeeffamuu jalqabeera.
Gamaggamicha I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanichaa Obbo Beyan Mohammed argamuun haasaa baninsaa taasisaniin milkaa'inoota argaman itti fufsiisuu fi qormaatilee jiran irratti xiyyeeffachuun fayyadamummaa hunda galeessa mirkaneessuufi dhugoomsuuf hojjechuun daraan kan duraa caalaatti raawwaachuun murteessaadha jedhanii marii kana yeroo gaggeessinu fayyadamummaa ummata keenyaa hangam milkeessine kan jedhu bu'ura godhannee deemuu qabna jedhaniiru.
Gamaaggamicha irratti raawwiin hojii damee paartii aanichaa kan kurmanaa 2ffaa karaa I/G Damee Siyaasaa Paartii Aanichaa Obbo Ahmaddiin Durriin kan dhiyaate yemmuu tahu gabaasni raawwii hojii mootummaa immoo I/A Bulchaa fi I/G Waajjira Qonnaaf Lafaa Aanichaa Obbo Habtamu Taye walduraa duubaan dhiyaachaa jira.
Haaluma kanaan gabaasa dhiyaatan booda mariin haala qabatamaa aanichaan ballinan iratti nigaggeeffama jedhamee eeggama.
Gamaaggama kana irratti hoggansa aanaa, hoggansa gandootaa,I/G KIN Gandootaa, hoggansa Gamtaa miseensa hojjataa mootummaa argamaniiru.