21/12/2024
Mariin fala rakkoo kamillee furuu danda'uudha > Perezidaant Sheyik Hajjii
Spider Media : Jumada II 20, 1446 AH
Konfaransiin nageenyaa sadarkaa biyyaalessaatti yeroo jalqabaatiif Yaa'ii Dhaabbilee Amantii Itoophiyaafi Yaa'ii Dhaabbilee Amantii Magaalaa Dirre Dhawaatiin qophaa'e mata duree "Amantaaleen nageenya, tokkummaa fi waliin jireenya akkasuma ijaarsa biyyaa keessatti shoora qaban" jedhuun guyyaa har'aa magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffameera.
Yaa'icha irratti kan argaman Perezidaantiin mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheyik Hajjii Ibraahim Tufaa haasawaa taasisaniin, shuuraan/mariin fala rakkoon kamillee ittiin furamuu danda'uudha jedhani.
Nageenya buusuuf sochiin taasifamaa jiru abdachiisaafi biyyaafi uummata keenyas kan fayyadu waan ta'eef qaamni martuu nageenya buusuuf sochii taasifamu kana tumsuu qabas jedhani.
Konfireensii kanarratti jiilli perezidaantii mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheyik Hajjii Ibraahim Tufaatiin duurfamu, Perezidaantonni majlisa naannolee, dursitoonni yaa'ichaa, kantiibaa magaalaa Dirre Dawaa obbo Kadir Johaar, abbootii amantii fi keessuummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.
© Amar Temam
Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>
Sacrifice of truth