13/10/2025
Eeyyen, Lolli Obbolaa Jidduu Haa Dhaabbatu! Garuu Akkamiin?
Torban dabre keessa duula "lolli obbolaa jidduu haa dhaabbatu" jedhu tokkotu marsaalee hawaasaa kanarratti geggeeffamaa ture. Namoonni duula san keessatti hirmaatan "atis kaleessa lolli akka dhaabbatu waywaataa turteeti amma maaf duula kana hin turmsine?" gaafii jedhu naaf kaasan. Namoonni gariin ammoo duulli sun "tooftaa Bilxiginnaan qabsoo ittin laaffisuuf gadiin baateedha" jechuun naaf bareessaa turan. Akeekni dhugaa duula sanii waan fedhes ta'u, abbaan fedhes duuba jiraatus, wal-waraansi waloo ummata keenya waggoota torban dabraniif goolaa jiru akka dhaabbatu hawwuun waanuma eebbifamaadha.
Garuu ammoo duulli kun hawwii bira dabree nagaa qabatamaa fiduu danda'aa? Shira yoo ta'e hoo ni milkaayaa? Gaafilee jedhan xiinxaluun barbaachisaadha.
Wal-waraansi humnoota ummata tokko keessaa bahan jiddutti taasifamu(Civil War)kan goolabamuu danda'u karaa lamaani. Kan duraa gareen tokko yoo injifateedha. Jechuunis, takkaa murni angoo mootummaa harkaa qabu riphee lolaa dhabamsiisuu yoo danda'e ykn ammoo riphee lolaan murna angorra jiru fonqolchee aangoo yoo too'ateedha. Karaan lammataa wal-waraansi itti goolabamu immoo murni lamaan araaraan dubbii yoo fixataniidha.
Kanarratti yoo waliif galle, duulli dhukaasni obbolaa jidduu haa dhaabbatu jedhu kun, karaalee lolli dhaabbatuunii danda'uun lamaan armaan olii keessaa kam filateeti taasifamaa jira? Gareelee wal-waraanaa jiran walitti araarsuuf moo isaan keessaa tokkorra aanee isa kaan dhabamsiisuun nagaa fiduufi? Mee karaa lamaanuu haa ilaallu.
Warri duula kana eegalan akeekni isaanii araara buusuu akka ta’e himu. Mee dhugaadha jennee haa fudhannuutii araara buusuuf ni milka’umoo gaafii jettu haa xiinxallinu. Wal-waraansi Oromiyaa keessaa sadarkaa manguddoo biyyaatiin "atis dhiisi atis dhiisi" jechuun dhaabbatu bira erga darbee bubbuleera. Kun waani ani jedhu osoo hin taane kan qaamonni walwaraanaa jiran lachuu amananii fudhataniidha. Bilxiginnaafi WBOnis dhugaa kana hubachuun bakka qaamonni sadaffaa jiranitti ifatti yeroo lama mari’atuun isaani ni yaadatama.
Maarree akeekni garee amma dhaadannoo "dhukaansi haa dhaabbatuutin" socho’uu warri wal-waraanu lamaan marii araaraa marsaa biraatiif akka taa’an dhiibbaa gochuudhaa laata? Yoo san ta’e xiyyeeffannaan duula isaanii irra caalaatti murna angorra jiru irratti ta’uu qaba ture. Sababnis, waliigaltee qaamota sadaffaa waliin taasise diiguun hoggansi WBO biyyatti akka hin deebine ugguruu yaaluun carraa marii marsaa sadaffaa kan dhiphise Bilxiginnaadha. Dabalataanis, waamicha diplomaatonni marii marsaa biraatiif irra deddeebiin taasisan kan dides murnuma angorra jiruudha. Kanaafuu akeekni duula kanaa araara buusuun walwaraansa dhaabsisuu yoo taate mootummaan marsaa biraaf akka qophaayu dhiibuun dabalatee, tarkaanfiilee abdiifi wal-amantaa uumuu danda’an ( confidence building measures) akka fudhatu taasisuu feesisa. Tarkaanfileen kunis ajjeechaa namoota nagayaa dhaabsisuu, warra hidhan gadi lakkisuuf kkf..dabalata. Garuu barreeffamota warri duula kana geggeessan maxxansan yoon ilaalu, waan akkasii argaa hin jiru.
Yoo akeekni duula kanaa injifannoo murna angorra jiruu mirkaneessuun wal-waraansa kanatti goolabbii taasisuu ta’e ammoo karaan kan biraati. Namoonni duula kana qindeessuun adda dureen maqaa dhayaman warra dursanii gara murna angorra jiruu goran waan ta'eef, akeekni duula kanaa mootummaan jabaatee riphee loltoota dhabamsiisuun nagaa akka buusuuf tumsuuf kan kaayyeffateedha shakkii jettutu jira. Mee shakkiin kun dhugaadha jennee fudhachuun carraa milkaayuu isaa haa ilaallu.
Murni angorra jiru tokko riphee lolaa dhabamsiisuuf waan lama gurguddoo goonfachuu isa barbaachisa.Kan duraa dirree lolaatti olaantummaa guddaa horachuu danda’uudha. Kan lammataa sababoota hawaas-diinagdeefi siyaasaa riphee lolaan ummata keessatti akka hidda gadi dheereffatu dandeessisan furuu danda'uudha.
Haala qabatamaa amma jiruun humni waraanaa murni angorra jiru of jalaa qabu dirree waraanaa Oromiyaa keessaas ta'ee kan Amaaraatti olaantummaa goonfachuu hin dandeenye. Inumaatuu humni isaa yeroo gara yerootti laaffataa deemaa akka jiru waan nama walfalmsiisuu miti. Oromiyaatti yoo xinnaate yeroo 25 caalaa, Amaarratti yeroo 7 "duula xumuraa" labsuun milkaayuun hin danda'amne. Itaamajoor Shuumiin Raayyaa Ittiisa Biyyaa WBOn sadarkaa dhabamaarra akka gaheefi Faannoon ammoo 10% qofa akka hafe erga dubbatanii ji'a sadi waan dabre natti hin fakkaatu. qabatamaan kan ta'aa jiru garuu faallaa saniiti. Loltoonni mootummaa dirree lolaa taasifamu maratti dhibbatamaan booji'amuun waanuma waliin argaa jirruudha. Kallattiin(trend)kun humni lolaan moo'achuu mootummaa daran laaffachaa akn deemu malee kan wayyaawuu ta'uu kan akeeku miti.
Gama sababoota hawaas-diinagdeefi siyaasaa sochii riphee lolaaf haal aanjeessanis yoo laalle fooyya'iinsi hin muldhatu. Ajjeechaan, hidhaafi saamichi dargaggeeyyiiin bosonatti akka nama'an godhe ni fooyya'e moo ni hammaate? Deebii ni hammaate kan jedhu ta'uun dhugaa namuu argu. Kun ammoo sochiin riphee lolaa akka laaffatu osoo hin taane daran akka babal'atu taasise. Ragaan kanaa ammoo godinaalee sochiin lolaa keessa hin turinitti babal'achuufi kan keessa dhabamee turetti akka haaratti jabaachuudha.
Fakkeenyaaf yaaliin WBOn sochii isaa gara godinaalee Arsiifi Harargeetti babalidhisuuf taasise yeroo dheeraaf milkaayuu hin dandeenye ture. Sababni kanaa ammoo naannoleen Oromiyaa kun baroota 1970moota irraa kaasee duubbeefi dirree qabsoo hidhannoo Oromoo turuurraa kan ka’e, ummanni lolaan daadarkaayee waan ifateef ture. Ji'oota dabran kana garuu riphee loltoonni gaara Cilaalootii hanga laga Goobelletti laaftutti babal'achuufi hidda gadi dhaabbachuu danda’aniiru.
Kun maalif akka ta'e hubachuuf jiraattota naannoo sanaa odeeffachaan ture. Sababoota isaan tarreessan keessaa ajjeechaafi saamichi qaamota mootummaatin raaw’atamu daran hammachuufi dargaggeeyyii akka bara Dargitti humnaan guuruun waraanatti naquun dhufnaan “erga duuti hin oollee roorro qe'etti dhufte ofirraa faccisuun wareegamuu wayya” yaanni jedhu ummata gadi seenuun hubadhe. Kanarraa kan ka’e daraggoonni kumaatamaan WBOtti dabalamuu qofa osoo hin taane ummannis qeebalee jira.
Godinoota sochiin WBO itti laaffatee (dhabamee) turettis haaraatti dagaaguu agarra. Fakkeenyaaf gaafa Jaal Sanyiin faan gara mootummaa galan booda aanaalee Shawaa Lixaa heddu keessatti sochiin riphee lolaa sadarkaa dhabamuu gahee ture. Garuu ji'oota muraasa keessatti deebi'ee biqiluun yeroo ammaa humni mootummaa gadi dhiisee bahuuf dirqamaa jira. Kanas maalif jedhee odeeffachaan ture. WBOn bahee lolli dhaabbannaan ummanni hamma tokko gaaga'ama lolaa waggootaaf isa goolaa ture irraa haara galfatee ture.Garuu ammoo haara galfiin sun hedduu hin turre. Akkuma humni mootummaa deebi’ee qabateen kaabineefi milishaan ummata hiraarsuu eegalan. San dura WBO gargaaraa turtan jechuun namoota ajjeesuu, hidhanii maallaqa irraa fuudhuun faashina ta’e. Gadadoon kun riphee loltoonni godinaalee ollaa jiran qubsuma akka babal’ifatan haala aanja’aa uume. Dargaggoonnis du’aafi hidhaa dheessuun haaraatti WBOtti galuu eegalan. Warrummaan dura harka kennates dhiitichaafi ajjeechaa dheessuun bosonatti deebia’an. Haala kanaan bakka Jaal Sanyiin faan irraa galan yeroo waggaa tokko hin guutinitti WBOn bosonatti hafe deebisee dhuunfachuu danda’e.
Maarree warri har’a dhaadannoo “dhukaasni obbolaa jidduu haa dhabbatu” jettuun gadi bahan kun lolli Oromiyaa keessaa injifannoo murna angorra jiruutiin akka goolabamu taasisuu akkamiin danda’u laata? Humna waraanaa murna angoo harkaa qabuu cimsuu danda’u moo, haalota hawaas-diinagdeefi siyaasaa babal’ina sochii riphee lolaaf haala mijataa uuman hiri’isuu danda’u laata? Humna waraana mootummaa cimsuu yoo taate waan yaalamee bu’aa hammasii hin buusiniidha. Ajajoonni WBO jajjaboo jedhaman erga mootummaatti makamanii booda duula farra- riphee lolaa irratti bobbaafamanii turan. Bu’aan isaan buusan garuu hammasii miti. Maalif? Humni waraanaa mootummaa kan laaffateef haqina hoggansaa, tarsiimoofi adeemsa siyaasaa irraa kan madde waan ta’eef, hamma sun furamutti, namoota muraasa dhiisii miliyoonaan yoo itti makamanis, deebisanii cimsuun injifannoo goonfachiisuun hin danda’amu.
Ajjeechaafi saamicha qaamota mootummaan raawataman kan daraggeessaafi ummanni riphee lolaatti akka hawwatamu taasisan hari’isuus yoo taate, sadarkaa sirnicha irra gahe kanatti waan milkaayu miti. Kana hubachuuf ammoo adeemsa umrii sirna abbaa irree (authoritarian life cycle) hubachuun barbaachisaadha. Murni tokko angoo qabata (ascendance),ni jabeeffata (consolidation), ni ittifata(preservation), ni tortora ( decay), dhumaarratti ni kufa ( collapse).
Sadarkaa lamaan jalqabaa irratti namoonni alarraa itti makamuun waa qajeelchuun ni danda’ama ta'a. Sadarkaa 3ffaa irratti sirnichinuu ofitti nama hin butu. Sadarkaa 4ffaa gaafa sirnichi tortoree daddaaquun balbala banatee guuza yaammatu eegaletti ammoo, dirmachuun bifa kamiituu baraaruu hin danda’u. Sadarkaan 4ffaa umrii abbaa irree sadarkaa 4ffaa golfee ( stage 4 cancer) walfakkaata.
Yaaliin Abiy sirna abbaa irree nam-tokkoo ijaaruuf taasise biyyattii wal-waraansatti galchuun diinaggeefi nageenya biyyattii waan unkuteesseef yeroo ammaa sadarkaa tortoruu irra gahee jira. Kanaafuu namoonni dhibbaatamaan sabboonummaa, beekkumsaafi murannoo guuttatanii itti seenanis, xurii ofitti dibuufi waliin kufuu yoo taate malee carraan sirnicha keessaan jijjiirama fidanii humneessuun, carraan dirree lolaa irratti riphee loltoota akka injifatu taasisuu hin jiraatu. Har'a gaafa sadarkaa tortoru irra gahe kana dhiisaatii warri sadarkaa jalqabaa lamaan irratti sirnichatti makamanuu jijjirama homaa fiduu hin dandeenye. (adeemsa angoo qabachuu hanga komboluu sirna abbaa irree irratti gara fuulduraa bal’isee waa barreessuun yaala)
Walumaagalatti yaadni ‘dhukaasa obbolaa jidduu dhaabuu’ jedhu gaarii ta’us, tooftaan hordofamaa jiru bu’aa buusuu danda’uun isaa abdachiisaa miti. Akeekni duula kanaa araara buusuun lola dhaabuu yoo taate murna angorra jirurratti dhiibbaa godhuu feesisa ture. Sochii warri duula kana taasisan godhaa jiranirraa yoon ilaalu sana argaa hin jiru. Murna angorra jiru cimsanii dirree lolaatti riphee loltoota dhabamsiisuun nagaa busuu yoo taate ammoo, sadarkaa sirnichi amma irra gaheen waan danda’amu miti.
Kanaafuu sirna harkuma ofiitiin umrii ofii gabaabsee sadarkaa torturuurra gahe kana wal'annee, humneessinee, injifachiifnee nagaa buufna jechuun, yeroofi leeccalloo qisaasuudha. Karaan irra wayyaa sirna haaraa ijaaruun, sababoota walwaraansatti nu geessan hiddaan furuun nagaa waaraa buusuuf carraaquudha.
Ani kanan jedha. Yoo xiinxalli kiyya dorgongora ta’ee tooftaan isaan filatan milkaayee biyyaafi ummanni keenya nagaa argate, gammachuun kiyya hoonga hin qabaatu. Waan ta’u waliinuu agarra.
Jawar Wajjiin Jirra