15/12/2022
DAA’IMMAN KEENYA TALAALLII GIFIRAA HAA TALAALCHISNU!
*
Dhukkubni Gifiraa(Shiftoo) maali?
--------------------------------
♻️Dhukkubni Gifiraa(shiftoo) vaayirasii meezilsi (measles virus) jedhamuun kan nama qabuu fi fayyaa daa’immanii miidhuudhaan beekamuudha. Dhukkubni kun qaroo ijaa jaamsuu, miidhama sammuu, michii sombaa fi dhukkubba gurratiif saaxiluu ni danda’a. Dhukkubni kun namarraa namatti kan darbu tuttuqaa dhangala’aa afaanii fi funyaan dhukkubsataa keessaa bahuu fi afuuraniidha.
Mallattoolee dhukkuba gifiraa(shiftoo)
------------------------
✅Ho’inni qaamaa dabaluu
✅Shiftoo diddiimtuu malaa hin qabne adda gara oliirraa
jalqabuun qaama mara walgahu,
✅Qufaasisuu,
✅Ija diimessuu fi kan biroo namni tokko vaayirasichaa
saaxilamee guyyoota 7-18 keessatti irratti mul’achuu danda’a.
Mala ittisaa fi too’annaa dhukkuba Gifiraa(shiftoo)
---------------------
✅Daa’imman waggaa shanii gadi talaallii dhibee kanaa akka
fudhatan taasisuu
✅Daa’imman dhalatanii ji’a 9ffaa fi ji’a 15 ffaa irratti talaallii gifiraa
akka argatan gochuu
✅Nama dhukkuba kanaan qabame guyyaa mallattoon irratti
mul’ate jalqabee qofaatti adda baasuun kunuunsa gahaa
gochuufii.
✅Nyaataa fi dhugaatii gahaa akka argatan gochuu.
✅Buufata fayyaa naannoo jiru geessuun tajaajila yaalaa akka
argatan taasisuu.
✅Qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguu.
Fayyaan nama hundaaf!