22/08/2026
Gamaaggamni Raawwii Hojii Bara 2018 fi kallatti Cufiinsa Herreega sagantichaa Marsa 1ffaa (Bara 2012 hanga xumuura Bara 2018) Sagantaa CALM P4R (Climate Action Through Land Scape Mg't Program for Result) Magaalaa gaggeeffamaa ture xummuramee jira.
Hagayya 15, Bara 2018
Harar
Qindeessummaa Biroon Maallaqaa Oromiyaa fi Waajjira Maallaqa Godina Harargee Bahaa tiin Gamaaggamni Raawwii Hojii Bara 2018 fi Xiinxaalli Raawwii Hojii Baroottan darbanii kan Sagantaa CALM P4R (Climate Action Through Land Scape Mg't program for Result) Gaggeessuu, Akkasumaas kallatti Cufiinsa Herreega sagantichaa Marsa 1ffaa (Bara 2012 hanga xumuura Bara 2018) irratti Caasaa isaa Aanaalee 15 irraa hirmaatan waliin Magaalaa gaggeeffamaa ture xummuramee jira.
Sagantaan waltajjii kanarratti argamuun haasawa kan taasisan Ittigaafatamaan Waajjiraa Mallaqaa Godina Harargee Bahaa kabajamoo Obbo Jamaal fi Qindeessaa Liqii fi gargaassaa Biiroo Maallaqaa Oromiyaa obbo Waaqgaarii Hirmaattota Waltajjichaaf ergaa dabarsaniiruu.
kabajamoo obbo Musxafaa Jamaal akka jedhanitti Sagantaa CALM P4R kanaan wagoota 7 darban kessaatti Hojiiwwaan Gurguuddoon akka Godina Harargee Bahaatti hojatamaa turaniin bu'aan qabatamaan kan argame ta'u ibsanii, Kessattuu - Hojjii Manca’insa Naannoo fi Dhumachuu qabeenya uumamaa ittisuu, Qabeenyaa Bishaanii gabbisuu, Omishaa fi omish*tummaa Qonnaan bulaa dabalu , Wabii nyaataa mirkanneessuu fi carraa Hojii uumuu, Bulchinsa Lafaa Ammayyeessuu, Digitaaleessuu fi Walitti bu'insa Daangaa Lafaa hir'isuu , dhiqama biyyee hir'isu, deebisani misoomsu, galii maddisisu, misooma Daammaa, misooma qabeenya Umamaa fi asharaa magarisaa irratti hojjatamaa tureen hawaasa fayyadamtoota gochuun danda’ameera jadhaaniiru
Waltajjii kanaan kallatti Cufiinsa Herreega sagantichaa Marsa 1ffaa (Bara 2012 hanga xumuura Bara 2018) gaggeeffamu walqabatee, Qabinsi fi Qulqullina ragaa cimsuun, akkasumaas Cufinsi Herreegaa yeroo kaa'ame keessatti akka raawwa