15/02/2023
Waajjirri Paartii Badhaadhinaa damee Naannoo Hararii qaamoolee galmee inshuraansii fayyaa hawaasaa irratti hojii bu'a qabeessa hojjatan galateeffate.
Naannoo Harariitti sosochiin galmee fi haaroomsa miseensoota inshuraansii fayyaa hawaasaa ji'a darbe gaggeeffame milkaa'inaan xumuramuu sababeeffachuun itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa damee Naannoo Hararii Obbo Abdujabbaar Mahammad galata dhiheessaniiru.
Hojii ji'a Amajjii bara 2015 gaggeeffameeniis hojiin karoorfatame guutumaan guututti milkeessuun kan danda'ame ta'uu ibsanii, kanaaniis haadha warraa fi Abbaa warraa kuma 45 fi 541 galmeessuu fi haaroomsuu dubbataniiru.
Inshuraansiin fayyaa hawaasa baasii tasaa irraa kan eewaluu fi aadaa wal gargaarsaa kan guddisu ta'uu isaa irra darbee gama hawaasa harka qalleeyyii fayyadamoo taasisuutiinis faayidaa olaanaa akka qabu yaadachiisaniiru.
Milkaa'ina sosochii galmee fi haaroomsa miseensoota inshuraansii fayyaa hawaasaa ji'a tokkoof ture keessatti abbootii qabeenyaa fi qaamolee qooda fudhattootaa shoora guddaa gumaachan hunda galateeffataniiru.