19/07/2026
𝐇𝐚𝐚𝐬𝐚𝐰𝐚 𝐀𝐟𝐲𝐚𝐚’𝐢𝐢𝐧 𝐂𝐚𝐟𝐟𝐞𝐞 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐛. 𝐀𝐚𝐝𝐝𝐞 𝐒𝐚’𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐀𝐛𝐝𝐮𝐫𝐚𝐚𝐡𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐘𝐚𝐚’𝐢𝐢 𝐈𝐝𝐢𝐥𝐞𝐞 𝟏1𝐟𝐟𝐚𝐚 𝐖𝐚𝐠𝐠𝐚𝐚 𝟓𝐟𝐟𝐚𝐚 𝐁𝐇𝐂 𝟔𝐟𝐟𝐚𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐭𝐚𝐚𝐬𝐢𝐬𝐚𝐧 𝐠𝐮𝐮𝐭𝐮𝐮 𝐢𝐬𝐚𝐚;
*̳*̳*̳*̳
Yaa'ii Idilee 11ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa irratti hirmaachuuf, BAGA NAGAAN DHUFTAN - ANAA DHUFU!
Yaa’ii kana kan adda taasisu, Sirna Walharkaa Fuudhiinsa Alangee Gadaa Tuulamaa ofkallee, barii injifannoo Filannoo Marsaa 7ffaafi jalqabbii Marii Biyyaalessaa seena qabeessa, hiikkoo damdaneessa qabuun egeree biyya keenyaa bu’uura cimaa irratti ijaaruuf jalqabamee yeroo jirutti kan gaggeeffamu ta’uu isaati.
Biyya keenya Itoophiyaatti, MARIIN BIYYAALESSAA kun cabiinsa siyaasaa wal’aanuun, diimokiraasii dagaagsuun, ijaarsa biyyaa bu’uuressuufi tokkummaa biyyaalessaa uumuun cehuumsa boqonnaa haaraa qabatee dhufa jedhamee abdii guddaan kan irra kaayamedha.
Gama biraan, IJAARSA ITOOPHIYAA HAARAA seenessa waloon bu’uuressuun, biyya hundi keessatti qooda fudhatuufi tokkummaan keessa jiraatu ijaaruuf, Filannoo bilisaa, haqa qabeessaafi diimokiraatawaa ta’e gaggeeffameen PAARTIIN BADHAADHINAA sagalee caalmaan injifatee carraa Mootummaa Hundeessuu waan argateef Baga Gammaddan; Baga Waliin Gammanne! jechaa, itti gaafatamummaan Ummanni keenya nutti kennate guddaafi ulfaataa ta’uu hubannee, kan kaleessa hojjanneen ol dachaan dabaallee hawaasa keenya tajaajiluun amaanaa ummataa galmaan gahuu akka qabnu carraa kanaan ibsuun barbaada.
Kabajamtoota Miseensota Caffee !
Kabajamtoota Hirmaattotaafi Keessummoota Keenya !
Caffeen Bara Hojii 6ffaa, Fulbaana 15 Bara 2014 guyyaa hundaa’e irraa eegalee, ummata kabajamaafi ulfaataa bakka isa buufate tajaajiluuf, itti gaafatamummaa fudhate. Waggoottan shanan darban keessattis, hawaasa keenya Oromiyaa Bal’oo keessa jiraatu bira gahuuf yaalii taasisaa ture. Imala kana keessatti, ummanni keenya, Abdiin Mootummaa isaa irraa qabu guddaa, xiiqiin jiruufi jireenya dhuu