28/04/2026
Naannichatti ji’oottan saglan darbanitti pirojeektii bishaan dhugaatii 1,500 ol xumuramuun hawaasa 587,000tti dhiyaatu fayyadamaa taasisuun ibsame
/Naannoo Oromiyaatti bara bajataa kana hanga ji’oottan saglan darbanitti pirojeektiin bishaan dhugaatii qulqulluu 1,549 ijaaramuun hawaasa 586819 fayyadamaa taasisuu danda’uu Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa beeksise.
Naannicha keessatti hojiiwwan bishaan dhugaatiifi inarjii haaronfamaarratti xiyyeeffamuun waggoota darban keessatti saffisaan babal’achaa dhufuufi jijjiirama guddaa hawaasa irratti uumaa jiraachuu biirichatti Daarikteerri Daariktooreetii Kominikeeshinii Obbo Masfin Tasfaayee Gaazexaa Pilaasitti himaniiru.
Milkaa’ina kana keessatti hirmaannaan hawaasaa, mootummaafi dhaabbilee deeggartootaa shoora olaanaa taphateera. Pirojektoonni hirmaannaa hawaasaatiin hojjetaman qofaan namoota kuma dhibbootaan lakkaa’aman fayyadamoo taasisuu danda’amuu Obbo Masfin ibsaniiru.
Dameen inarjii haaromfamaatiis jijjiirama haaraa fideera. Soolaariin paampii bishaanii 53 ol ijaaramee ummata 386,900 ol fayyadamaa taasiseera. Akkasumas, teknoolojiiwwan akka gemoowwan qoraan qusatan fi soolaarii manneen jireenyaarratti hojiirra oolan, jireenya hawaasaa fooyyeessuu keessatti gahee guddaa bahataa jiraachuu daarikteerichi himaniiru.
Ijaarsa pirojeektiiwwan kanaan namoota kuma 23 ol carraa hojii argachuus ibsameera.
Milkaa’inni hanga ammaatti argame abdii guddaa kan kennu yoo ta’u, hojiiwwan hafan saffisiisuun pirojektoota bara karooraa keessa jalqabaman ariitiin xumuramuuf sirni hordoffii cimsuun hojjetamaa akka jiru eerameera.