29/07/2025
Oduu:Poolisiin Finfinnee Sakatta’iinsa Tasaa Manneen Tajaajila Siree Kennanitti Gaggeesseen Meeshaalee Waraanaa Qabuu Beeksise
Poolisiin Magaalaa Finfinnee sakatta’iinsa tasaa manneen tajaajila siree ciisichaa kennan irratti gaggeesseen meeshaa waraanaa booji’uu ibse.
Finfinnee Kutaa Magaalaa Addiis Katamaa Aanaa Torba, bakka addaa Ganda 32 jedhamee beekamutti manneetii tajaajila mana siree ciisichaa kennan irratti sakatta’iinsa tasaa taasifameen, Kalaashinkooviin afur fi rasaasni 298 ol qabamuu Qajeelchi Poolisii Kutaa Magaalaa Addis Katamaa ibsee jira.
Koomaandar Maariqoos Taaddasaa; Itti Gaafatamaan Sab Qunnamtii Koomishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee, sakatta’iinsi akkasii tumsa nageenya fi tasgabbii magaalattii mirkaneessuuti jechuun dubbatanii, fuula durattis, sakatta’iinsi kana fakkatu yeroo haalli shakkisiisaan mudatu kan gaggeeffamu ta’uullee akeekkachiisan.