06/09/2026
Qaammee Guyyaa 1: Guyyaa Oomishtummaa!
Qaammee 1, 2013 - Magaalaa Hoolataatti Qaammeen 1: Guyyaan Oomishtummaa mata duree oomishtummaan gara imala olka'insaa" jedhuun Marii Paanaaliin Kabajamee Jira.
Kaayyoon Qaammee -1, Guyyaa oomishtummaa jedhamee sadakaa Magaalaa, Naannoofi akka biyyaatti kabajamuu ijaarsa diinagdee damdaneessa jalqabame caalatti bu'aa qabeessummaa isaa mirkaneessuun imala waan hundaan of danda'uun birmadummaa biyya keenyaa guutuu taasisuun olka'iinsa biyya keenyaa sadarkaa amansiisaa irraan gahuu milkeessuudha.
Kabaja Qaammee Guyyaa 1: Guyyaa Oomishtummaa kana irratti Itti GaafatamaanPaartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Hoolataa Obbo Adam Umar haasaa taasisaniin, Qaammeen duudhaafi safuun kan masakame, yeroo qophii waggaa haaraa bara waliin maree dhufudha. Yeroo hojii keenya waggaa darbee keessatti madaallu, hanqinaafi cimina xiinxallee injifannoo olaanaaf yeroo itti of qopheessinu; torbee Qammee namni hundi yaadaa haaraafi hojii haaraan bara haaraa simachuuf itti qophaa'udha jedhan.
Itti dabaluun Obb Obbo Adam bara kana Qaammeen tokko guyyaa oomishtummaa ta’ee akka kabajamu mootummaan moggaafauu eeranii, Dhaabbileen mootummaafi lammileen hiyyummaafi boodatti hafummaan injifatamee gara imala badhaadhaatti olka’iinsi taasifamaa jiru akka milkaa’uuf gumaacha guddaa isaan irraa eegamu bahuu akka qaban himaniiru.
Oomishtummaanis daandii injifannoo olaanaa galmoota mootummaan qabame mirkaneessuun olitti kabaja lammileefi birmadummaa biyyaa tiksuuti.
Biyyi keenya dilbii qabeenya uumamaa hedduun kan badhaate taatus, qabeenyaafi carraawwan qabdutti osoo hin fayyadamin gadadoofi hiyyummaa keessa jiraachaa turte. Jijjiiramaan booda garuu qabeenya uumamaa uumaan ishee badhaasetti fayyadamuun hiyyummaa seenaa taasisuuf tarkaanfii fudhatamaa jiruun boqonnaa haaraan saaqamuu Obbo Adam eeranii, oomishtummaa argamaa jiru guddisuuf hojii hunda qulqullina, baay’inaafi ariitiin hojjechuun galma qabame milkeessuun abdiirraa gara ifa qabatamaatti ce’uun olka’iinsi haaraan eegalameera jedhan.
Bulchiinsa magaalchaatti rifoormii dinagdee gooroo akka biyyaatti bahe bu'uureffachuun injifannoowwan galmaa’aan itichuun imalli badhaadhinaa gara olka’iinsa olaanaatti akka ce’uuf kutannoon hojjetamaa jira. Qaammee tokko guyyaa oomishtummaa sababeeffachuun dhaadannoo ‘Oomishtummaan imala gara olka’insaa’ jedhuun kabajachaa jirra. Galmi keenya rifoormiiwwan dinagdee gooroo hojiirra oolchuun guddina dinagdee itti fufiinsa qabuufi damdamataa ta’e uumuudha. Kanaanis gargaaramtummaa gara oomishtummaatti cehuun roga hundaan karoora of-danda’uu mirkaneessuuf xiyyeeffanoon hojechuun barbaachisaadha.
Sosochii manufaakcheriingiitiinis, imala ‘Itoophiyaan haa oomishtu jedhuufi oomisha Itoophiyaa haa bitannu’ jedhu hojiirra oolfameen injifannoon galmaa’aa jirachuu Obbo Adam eeranii, sosochii eegalameen humna oomishtummaa keenyaa guddisnee hiyyummaa injifachuun Itoophiyaa fakkeenya badhaadhaa taate uumuuf galma qabannee yeroo gabaabaa keessatti milkeessuuf tokkummaan gahee keenya bahuu qaba jechuun ergaa dabarsaniiru.
Odeeffannoo dabalataaf:
@ Telegram link: t.me/WDhKMBulchiinsaMagaalaaHoolataa
====
@ Twitter link: https://twitter.com/holatacom/status/
1402157020942307334?s=20
====
@ Inistagram link: https://www.instagram.com/p/
CYB36vUMG00/?utm
====
@ https://youtu.be/8uk4OJFIGp8?si=euUHIM6IA21egCli
=======
@ fb link: https://www.facebook.com/1771965989751058/
posts/
====
@ TikTok link: https://vm.tiktok.com/ZMHT3u5HGcw4b-DEvbW