05/09/2026
Leenjiin Hawaasaa Marsaa 3ffaa Karoora Ogummaan Of danda'uu Turizimii Ganda Madda Guddinaatti gaggeeffame
Hagayya 30, 2018 _ Leenjiin hawaasa Marsaa 3ffaa Karoora Ogummaan of danda'uu Turizimii Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Ganda Madda Guddinaatti gaggeeffamee jira. Leenjicha irratti, dhaabbileen Turizimii gandicha keessa jiran tajaajila si'ataafii qulqulluu akka kennaniif hojjattoonni dhaabbilee turizimii keessatti tajaajila kennan ogummaan of gahoomsuu akka qaban ibsameera.
Bulchaan Ganda Madda Guddinaa Obbo Dajanee Katamaa leenjicha irratti ibsa qooda fudhattootaaf kennaniin, Turizimiin xiyyeeffannoo keenya ta'ee, hawaasa hirmaachisuun hawwata turizimii gandi keenya qabu misoomsuun haawaasni naannoofi turistootaaf tajaajila dhaqqabamaafi qulqullinna qabu kennuu akka qabu ibsanii diinagdeen of utubuu, Ogummaan of ijaaruu, kabaja maamilaaf barbaachisu kennuufi Aadaaf duudhaa kabajuu irratti kan xiyyeeffate ta'uu himaniiru.
Dhaabbileen tajaajila Turiziimii gandicha keessatti argaman tajaajila si'ataafi qulqullinna qabu laachuuf namoota ogummaafi gahumsa qaban qacaruu irratti xiyyeeffachuu akka qabanis Obbo Dajaneen ibsaniiru.
Ittigaafatamaan Paartii Ganda Madda Guddinaa Obbo Guutaa Asfawu leenjicha irratti argamuun yaada kennaniin; gandi keenya iddoo hawwata turistii misoomsuufi beeksisuun cinaatti, dhaabbileen Tajaajila Turiziimii daawwattoota biyya keessaafi alaarraa gara Magaalaa keenyaatti dhufaniif tajaajila si'ataafi qulqullinna qabu kennuurratti xiyyeeffachuu akka qaban himanii Finca'aan Laga Hoolataa xiyyeeffannoo Magaalaa ta'ee irratti hojjetamuu akka qabus himaniiru
Kana malees, dargaggoonniifi dubartoonni gnada keenyaa ogummaawwan Turizimii gadi bu'anii jiran irratti leenjii fudhachuun carraa hojii uummachuu akka qaban irratti beeksisaniiru.