07/10/2026
Gamaggamni Hojii Paartiifi Mootummaa hoggansa magaalaafi gandoota waliin gaggeeffame.
[Fulbaana 27,2019]-Bulchiinsa Magaalaa Hoolataatti gamaggamni hojiiwwan paartiifi mootummaa akkasumas nageenya magaalichaa caalaatti mirkaneessuu irratti hoggansa magaalaafi gandoota waliin gaggeeffame.
Marii kana kan gaggeessan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Obbo Isheetuu Baqqalaa fi Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalichaa Obbo Aadam Umar yoo ta'uu hojiiwwan gama galii, CHUO, Buusaa Gonofaafi akkasumas nagaafi nageenya magaalichaa caalaatti mirkaneessuun misooma gama hundaan eegalamee ittifufsiisuuf qidoominaan hojjechuun murteessaa ta'u ibsaniiru.
Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Obbo Aadam Umar, hojiiwwan siyaasaafi ijaarsaa akkasumas hojii nageenya gurmaa'insa sadarkaa gadii cimsuun hojii misooma irratti hirmaannaa hawaasa dabaluun karoora imala Of-danda’uu qabamee milkeessuun fayyadamummaa uummataa dhugoomsuun murteessadha jedhan.
Xumuraa irrattis hojii galiifi misooma akkasumas nageenyi qaama muraasan waan hin milkoofneef hawaasni hundi qaamolee nageenyaa waliin ta'un milkaa'inoota gama hojii paartiifi mootummaan imala yaadama mootummaa Ida'aamuu galmoota karoora Of-danda’uun qabame milkeessuuf qindoominaan hojjetamuu akka qabu ibsuun kallattii hojii fulduraa kaa'aniiru Obbo Isheetuun.