Abbaa Alangaa Aanaa Malkaa Bal'oo

Abbaa Alangaa Aanaa Malkaa Bal'oo Kaayyoon fuula kanaa hojiiwwaan waajjira keenyaan hojjetamaan beeksisuu fi hubannoo seeraa hawaasaa cimsuudha

01/09/2026
31/08/2026
31/08/2026
Baga Gammaddan!Simannaan Addaa Garee Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaatiif Taasifame=========================...
31/08/2026

Baga Gammaddan!
Simannaan Addaa Garee Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaatiif Taasifame
==================================
(KAM,Hagayya 25/2018 Qarsaa):- Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa Madaalli Hojii Bara 2018'tiin Sadarkaa Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaatti Sadarkaa 1ffaa Qabachuun Geeba Fi Meedaaliyaa Badhaafameef Aanaa Qarsaa Magaala Qarsaa Qaamolee Gara Garaa Aanichaatiin Simannaa Ho'aan Taasifameefi Jira.
Qaamoonni Simannaa kana keessatti shoora ol'aanaa taphattan hundi keessanuu waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa ulfinaafi jaalala guddaa isiniif qaba .

Haqaaf Haqaan Hoojjanna!!

31/08/2026
Simannaa Waancaa Waajjira Abbaa Alangaa  Godina Harargee Bahaa Haramaayaatti🏆
31/08/2026

Simannaa Waancaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa Haramaayaatti🏆

31/08/2026
Guyyaa 25/12/2018===========///////========Hordoffii FI Deeggarsaa 4ffaaWaajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Malkaa Bal’oo, akk...
31/08/2026

Guyyaa 25/12/2018
===========///////========
Hordoffii FI Deeggarsaa 4ffaa
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Malkaa Bal’oo, akkaataa labsii BAAWO Lakk 214/2011 fi dambii lakk 243/2016tiin kallattii Biiroo Abbaa Alanga Waliigalaa Oromiyaa irraa kennameen, har’a gaafa guyyaa 25/12/2018, Waajjira Maallaqaa Aanaa malkaa bal'ootti Adeemsa Bittaa fi Bulchiinsaa Qabeenyatti fi adeemsa ooditii keessaa,akkasumaas, managementiin waajjirichaa bakka argamanitti qaamaan argamuun hordoffii fi deeggarsa hojii taasiseera.

Hordoffii fi deeggarsi kuniis, raawwii hojii Waajjira Maallaqaa Aanaa malkaa bal'oo waliigalatti adeemsota dabalatee bifa guutuu fi sirrii ta’een hordofuun, dantaa mootummaa fi uummataa gama hariiroo hawaasaatiin kabachiisuu ilaalchisee, ciminaalee fi hanqinaalee jiran adda baasuu, akkasumas bakka hanqinni jiru irratti kallattii fi deeggarsa barbaachisaa ta’e kennuun, hojiiwwan karoorfaman bu’a qabeessa, seera-qabeessaa fi itti gaafatamummaa qabuun akka raawwataman taasisuuf kan gaggeeffamedha. Xumura irrattiis ciminni jiru daran akka itti fufuu fi hanqinni jiru akka sirraa'uuf irratti mari'atamee Duubdeebiin barreeffamaan akka kennamuufitti hojiin hordoffii fi deeggaraa kun gaggeeffamee jira.

30/08/2026

Oduu Afaan Oromoo ... Hagayya 24, 2018-1:00 ...

Address

Melka Belo
Jaja

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abbaa Alangaa Aanaa Malkaa Bal'oo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share