23/09/2022
Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuun kabaja guddaadha!
=====
Addunyaa kanarra wanti biyyaa olii hin jiru. Yoo biyyi jiraate wanti hundi kan jiraatu. Kanaaf, waan danda'aniin ykn ogummaa qabaniin biyya tajaajiluun kabaja kabaja caaludha.
Ogummaawwan ittiin biyya tajaajilan keessaa ogummaan loltummaa isa tokkodha. Ogummaan loltummaa ogummaa kabaja guddaa qabu, gootummaa guddaa gaafatuufi biyya waan hundaa ol ta'eef wareegama kabaja qabu kaffaluun ibsamudha.
Raayyaan Ittiya Biyyaa bakka biyyaaf itti dhaabbatan qofa osoo hin ta'iin bakka madda saayinsiifi teknooloojii itti baratan, dirree kalaqa adda addaa irraa waraabbatanidha.
RIB darggaggoonni gara ogummaa kabaja guddaa qabu kanatti makamuun biyya isaanii akka tajaajilaniif waamicha dhiheessaa jira. Dargaggoonni RIB tti dabalamuun birmadummaa biyya keessanii kabachiisaa.
Gootummaan kabaja biyyaaf haa dhaabbannu.