14/05/2026
Ejensichi Madaaltotaafi Supparvaayizaroota filatamaniifLeenjii kennuu eegale.
_____________________________________________________________________
Kominikeeshinii EMGOO Caamsaa 06,2018
Adaamaa
Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa Mata Duree “Conformity Assessment General Requirement For Bodies Operating Certification of Persons Based ES ISO/IEC 1702:2013” jedhu irratti Madaaltota ogummaalee adda addaa madaalaniifi suupparvaayizaroota marsaa kanaaf filatamaniif leenjii guyyaa shaniif turu kennuu eegale.
Waltajjicha irratti argamuun kaayyoo fi barbaachisummaa leenjii kanaa kan ibsuun kan saaqan I/A Daarektara Olaanaa Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa Obbo Tubbaa Maammaa yoo ta’an leenjiin kun ejensichi ogummaalee shan yeroo ammaa beekkamtii ISO/IEC 1702:2013” ittiin argachuuf hojjechaa jiru kanneen irratti sirnaan yoo hojjete Oromiyaa irraa darbe biyya keenyaaf bu’aa buusuu danda’a akkasumas qulqullina madaallii keenyaa mirkaneessuu danda’a jedhan.Obbo Tubbaa Maammaa dabalataanis, madaalamaan ogummaalee armaan olitti ibsaman kanneen irratti madaalamee beekkamtii waraqaa ragaa argate sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ni ta’a jedhan.
Kanaafuu madaaltonni,wiirtuulee madaalliifi suupparvaayizaroonni keenyaa kana hubatanii qulqullina madaallii eeguu fi eegsisuun istaandaardii barbaachisu guutun beekkamtii Ejensichi ES ISO/IEC 1702:2013 fudhachuuf taasisaa jiru keessatti gahee isaanii bahuu qabu jedhan.
Dabalataan ogummaalee ammaaf beekkamtii ittiin argachuuf tattaafachaa jirutti Dabalee ogummaalee baay’ee irratti beekkamtii argachuun qulqullina madaallii eegsisuuf cimnee kan hojjennu ta’a jedhan.
Ejensichi yeroo ammaa kana ogummaalee :-
1. Nursing L III-IV
2. Pharmacy L III-IV
3. Hardware and Networking Service (HNS) L IV-V
4. Automotive Mechanics L IV- V
5. Crop Production L III –IV irratti beekkamtii argachuuf hojjechaa kan jiru yoo ta’u guyyaa har’aa kana ogeessota olaanoo Iniistitiyuutii Istaandaardii Itoophiyaa irraa dhufan obbo Mangistuu Tafarraafi Obbo Ashannafii Baqqalaa tiin kennamaa jira.
Odeeffannoo dabalataaf
Facebook:https://web.facebook.com/
Tiktok :https://vt.tiktok.com/ZSanxCS9M/
Telegram: https://t.me/EMGOO_OOCAA
Website :http://www.ococ.gov.et/
Email:[email protected]