14/07/2026
Guyyaa 07/11/2018
Murtii Barsiisaa
Himatamtuun Daa’ima irratti yakka ajjeechaa cimaa raawwatte Hidhaa Cimaa Waggaa 19(kudha sagalii)tiin adabamte!
Dhimmichi akkana :- Himatamtuun Maqaan ishee Raabiyaa Luulluu Hundee jedhamtu Godina Jimmaa Aanaa Coraa Botor Ganda Haroo Lejjisaa iddoo Addaa Waaduudee jedhamee waamamutti, Gaafa guyyaa 24/06/2018 guyyaa keessaa tilmaaman sa'aa 7:00 yoo ta'u, Daa’imaa maqaan isaa Sufiyaan Faaris jedhamu kan umuriin isaa waggaa tokkoo fi ji'a torba ta'e maatii isaa waliin lola waan qabduuf ajjeesuuf yaaddee osoo miidhamaan kun ijoollee ishee waliin mana ishee keessa taphataa jiruu gara jabummaadhaan haaduu /Billaadhaan morma isaa gara fuulduraatiin qaltee/murtee miidhaa cimaa irraan geesseen dhiigni baay'een dhangala'uun kan du'e yoo ta'u, eeruun waajjira poolisii Aanaa Coraa Botor qaqqabuun,waajjirri poolisii Aanaa Cora botoris waajjira A/Alangaa Aanaa Coraa Botor waliin dhimmacha qorachuun gara waajjira A/Alangaa Godina jimmaatti kan dhiheessan yoo ta’u, A/A GodinaJimmaas,Seera yakkaa MFDRI bara 1996 bahe keewwata 539(1A) jalatti himata Mana Murtii Ol’aanaa Godina Jimmaatti Yakka Ajjeechaa Cimmaa daa'ima irratti raawwachuutiin himannaa himatamtuu irratti dhiyeessuun himatamtuun himannaa Abbaan Alangaa irratti dhiheesse hinraawwanne jechuun kan waakkate yoo ta’u,ragaan A/Alangaa irratti dhagahamee waan irratti mirkaanaa’eef himatamtuun ragaa ittisaa dhiheeffattus kan irraa hin ittifne waan ta’eef, Manni MurtiiOlaanaa Godina Jimmaa dhaddacha gaafa guyyaa 03//11/2018 ooleen keewwatuma ittiin himatamte jalatti murtiiballeessummaa erga itti kennee booda sababoota adabbii cimsanii fi salphisan fudhachuun adabbii hidhaa cimaa waggaa 19(kudha sagalii)tiin akka adamamtu murteessee jira. Daa’imman Daba hin beekneef Dawoo malee Dararaa ta’uun Hin Maluufi!
Waajjira A/A Godina Jimmaatii Adeemsa dhimmoota yakka Daa'immanii, dubartootaa fi Farra Namaan daldaaluu.