03/03/2023
Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii G/Jimmaa Hojiiwwan ijaarsa piroojaktii ji'a torban kana keessa raawwataman Qorate. To'annoo fi Hordoffii idileen gaggeeffamuun ala Ogeessota mana hojichaa hunda garee torbatti qooduun bobbaasee sadarkaa piroojaktoonni irra jiran, Cimina fi hanqinawwan jiran adda baafamee jira. Bu'uuruma kanaan Gareewwan hundi Duubdeebii To'annoo fi Hordoffii kan dhiheessanidha.
Gabaasa Duubdeebii kanaanis Ciminoonni jiran akka itti fufanii fi Hanqinootni jiran furamanii yeroo itti aanu keessatti raawwin piroojaktoota akka fooyya'u fi fayyadamummaa ummata keenyaa karaa mirkaneessuun akka raawwatamu kallattiin kaa'ameera.