Gibe Unity Voice

Gibe Unity Voice Daandii Ida’amuu prosperity party or badhaadhina

Guyyaa borii sagantaan walharkaa fuuchaa hojii pirojektoota jalqabsiisuu Bulchiinsa maagaalaa Jimmaafi kontiraaktaroota ...
21/11/2022

Guyyaa borii sagantaan walharkaa fuuchaa hojii pirojektoota jalqabsiisuu Bulchiinsa maagaalaa Jimmaafi kontiraaktaroota gidduutti ni gaggeeffama

Jimmaa, Sadaasa 12/2015 (WKMJ)
Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti bara 2015 kana keessa pirojektoota haaraa 22 hojjechuuf karoorfaman keessaa pirojektoonni 10 guyyaa borii kontiraakterootaaf dabarfamanii kennamuun ni jalqabsiifamu.

Pirojektoonni bor walharkaa fuuchaan taasifamus gaaffii bu'uuraalee misoomaa ummanni keenya gaafataa ture kan deebisuufi guddina magaalaa keenyaafis barbaachisoo kan ta'aniidha.

Daandiin miillaa, Manni Barumsaa Bu'uura Boruu, ijaarsa manneen qusannaa, iddoo gabaa beelladaafi iddoowwan gurgurtaa jimaa dabalatee pirojektoonni biroos guyyaa borii ifatti kontiraaktarootaaf dabarfamanii kennamuun ni jalqabsiifamu.

Pirojektoonni kanneen gandoota magaalichaa garaagaraa keessatti kan hojjetaman yoo ta'u, guyyaa borii bakka hoggantoonni magaalichaa, kontiraaktaroonniifi qaamooleen hawaasaa adda addaa argamanitti walharkaa fuuchaan raawwachuun ni jalqabsiifamu jedhamee eegama.

Balaa tiraafikaa uumameen Lubbuun Nama Lamaa Darbe 😭😭⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️Onkololessa  30/2015Godina Jimmaa Aanaa Sok...
09/11/2022

Balaa tiraafikaa uumameen Lubbuun Nama Lamaa Darbe 😭😭
⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️⬛️
Onkololessa 30/2015
Godina Jimmaa Aanaa Sokorruu Magaalaa Naatirii bakka addaa Riqicha Abbaa Milkii Jedhamutti Konkolaataa Taataa koodii 3 E.T Lakk. Gabatee 73203 kan ta'e ka'umsi isaa/Kallattii Jimmaa Finfinnee Deemaa Jiruu fi Mootora kallattii Finfinnee gara jimmaa ta'ee Ganda Doobbii irraa ka'uun gara magaalaa Naatiriitti imalaa tureen tilmaamaan naannoo Sa'atii 4:30tti walitti bu'uun lubbuun namoota motoraan imalaa jiranii lamaan darbeera.
Namoota Konkolaataa TATA koodii 3 E.T Lakk. Gabatee 73203 keessa turani irratti miidhaa Cimaa fi salphaan mudateera yeroo hammaa gara Hospitaala Jimmaatti rifarii godhamanii wal'ansa irra akka jiranu odeeffannoo Waajjira Poolisii Aanaa sokorruu irraa arganneedha imaltoota Konkolaataa keessa turani lubbuun darbe akka hin jirreedha .
Namoonni Motoraan imalaa turan lamaan lubbuun darban To'attoota Daandii yemmu ta'an, ka'umsi Balaa kanaas qoratama kan jiru ta'uu Waajjirri Poolisii Aanaa Sokorruu Ibseera.

Kominikeeshinii Aanaa Sokorruu irraa odeeffanne

Magaalaan Jimmaa Qophii Dursaa Xumurte!!************Bulchiinsa magaalaa Jimmaatti haleellaa juntaan gooticha Raayyaa Itt...
02/11/2022

Magaalaan Jimmaa Qophii Dursaa Xumurte!!
************
Bulchiinsa magaalaa Jimmaatti haleellaa juntaan gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa ajaja kaabaa irratti raawwatte Onkoloolessi 24 waggaa 2ffaan sirnoota garaagaraatiin guyyaa borii ni yaadatama.
Akka Magaalaa Jimmaatti sagantaa yaadannoo kanaaf qophiin dursaa xumurameera.

Akka magaalaa keenyaatti istaadiyeemii xiqqaa qarqara laga Aweetuutti argamu irratti ganamaan akka argamnu.

Onkoloolessa 24/2013 yoomiyyuu hin dagannu!

የወዳጅነት ፓርክ ዛሬ ተከፍቷል   | "የወዳጅነት ፓርክ ሁለተኛው ምዕራፍ ዛሬ ተከፍቷል።  ስፖርትን፣ ጨዋታንና ማኅበራዊ መስተጋብርን ያቀናጀ ነው።  ልጆች እየተጫወቱ ሳይንስና ቴክኖሎጂን ይ...
30/10/2022

የወዳጅነት ፓርክ ዛሬ ተከፍቷል

| "የወዳጅነት ፓርክ ሁለተኛው ምዕራፍ ዛሬ ተከፍቷል። ስፖርትን፣ ጨዋታንና ማኅበራዊ መስተጋብርን ያቀናጀ ነው።

ልጆች እየተጫወቱ ሳይንስና ቴክኖሎጂን ይለማመዳሉ። ወጣቶች ያነብባሉ፣ ደግሞም ስፖርት ይሠራሉ።

ወላጆችና አያቶች ከልጆቻቸው ጋር መጥተው ማኅበራዊ ልምዳቸውን ይለዋወጣሉ።

አዲስ ተጋቢዎች በሠርግ ዐጸዱ ጋብቻቸውን ይመሠርታሉ። የነገዋ ኢትዮጵያ የተሻለች እንድትሆን የተሻለ ትውልድ እያፈራን እንቀጥላለን።"
ጠ/ሚ ዐቢይ አህመድ

***
“የወዳጅነት ፓርክ ቁጥር ሁለት ከተማችንን የቱሪስት መዳረሻ በማድረግ ረገድ ጉልህ ሚና አለው"

ከንቲባ አዳነች አቤቤ

የአዲስ አበባ ከተማ ከንቲባ አዳነች አቤቤ፣ ዛሬ ተመርቆ የተከፈተው የወዳጅነት ፓርክ ቁጥር ሁለት ከተማዋን የቱሪስት መዳረሻ በማድረግ ረገድ ጉልህ ሚና እንዳለው ገለጹ።

ከንቲባዋ የፓርኩን መከፈት በማስመልከት በማኅበራዊ ትሥሥር ገጻቸው ባሰፈሩት መልእክት፣ “የወዳጅነት ፓርክ ቁጥር ሁለት ለከተማችን አዲስ አበባ ሌላኛው ብሥራት ነው” ብለዋል።

ፓርኩ የከተማዋ ወጣቶች እና ሕፃናት የሚዝናኑበት፣ የሚማሩበት፣ በአካልም ሆነ በአዕምሮ ብቁ ሊያደርጋቸው የሚችል፣ እውቀትን እና ክህሎት የሚያገኙበት ስፍራ እንደሆነ ነው የገለጹት።

ፓርኩ አዲስ አበባን እንደ ስሟ ውብ እና አበባ እናደርጋለን ባልነው መሠረት ትልቅ አስተዋጽኦ ያደርጋል ያሉት ከንቲባዋ፣ "ከተማችንን የቱሪስት መዳረሻ በማድረግ ረገድም ጉልህ ሚና አለው” ሲሉም አክለዋል።

ለዚህ ውብ ሥራ ጠቅላይ ሚኒስትር ዐቢይ አሕመድን በእጅጉ አመስግነው፣ የከተማዋ ነዋሪዎች ከልጆቻቸው ጋር ፓርኩን እንዲጎበኙ ጋብዘዋል።

Jilli Ministeera Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu aanaa Qarsaatti bosona Baddaa Bunaa daawwateera.*********Daawwan...
23/10/2022

Jilli Ministeera Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu aanaa Qarsaatti bosona Baddaa Bunaa daawwateera.
*********
Daawwannaa kanaan bosonni baddaa bunaa bakka bashannanaa hawwataa fi iddoo carraan hojii heddumminaan dargaggootaaf itti uumamuu dandahu akka tahe ibsameera.

Yeroo gabaabaa keessattis hojiin kun akka eegalamuu fi hojii kana milkeessuufis qindoominaan akka hojjetamu himameera.

Oduu DhaddachaNamoonni dhadhaa qulqulluu hin taane wontoota garaa garaa makuun qopheessuu fi gurguruun himataman  hidhaa...
20/10/2022

Oduu Dhaddacha

Namoonni dhadhaa qulqulluu hin taane wontoota garaa garaa makuun qopheessuu fi gurguruun himataman hidhaa fi maallaqaan adabaman.

Jimmaa,onkoloolessa 10,2015 (WKMJ)

Mgaalaa Jimmaatti yakkamtootni 3{sadii}dhadhaatti wontoota garaa garaa makanii qopheessuu fi gurguruun too'ataman hidhaa Salphaa fi cimaa woggaa lamaa hanga shanii fi qarshii kuma 10 hanga kuma 20'n adabamuu isaanii Waajjirri abbaa Alangaa Aanaa Magaalaa Jimmaa beeksisee jira.
Himatamtoonni 1ffaa. Mahammad Abbaa Zinaab,2ffaa.Zeenabaa Tamaamii fi 3ffaa. Mahammad Iisaa Hasan jedhamanii fi Jiraattota magaalaa Jmmaa ta'an fayidaa isaaniif hin malle argachuuf jecha dhadhaa qulqulluu hin taane wontoota garaa garaa irraa qopheessuun fi gurguraa turan eeruu hawaasa biraa argameen harkaa fi harkatti too'anna jala oolanii Qajeelcha Polisii Magaalaa Jimmaatti Waajjirri Polisii Aanaa 2ffaa fi Abbaa Alangaa aanaa Magaalaa Jimmaatiin qoratamaa turuun ;Abbaan Alangaa Aanaa Magaa Jimmaa Mana Murtii Aanaa Magaalaa Jimmaatti himata itti banee jira.
Manni Murtii Aanaa Magaalaa Jimmaatis galmee isaanii ilaaluun gocha ittiin himataman kana Ragaa naa fi teeknikaa dhihaateen erga mirkaneeffateen booda himatamtoota kanneeni ni adaba fakkaattota isaaniis ni barsiisa jechuun Dhaddacha gaafa 10/2/2015 ooleen ;
1ffaa.Mahammad Abbaa Zinaab hidhaa salphaa woggaa 2{lamaa}f j i'a lamaa fi qarshii Kuma10,
2ffaa.Zeenabaa Tamaam hidhaa cimaa woggaa 5 daangaa woggaa lamaa keessatti fi qarshii kuma 20'n
3ffaa.Mahammad Iisaa Hasan hidhaa Cimaa woggaa 5 daangaa woggaa 2 keessatti fi qarshii kuma10'n kan adabe ta'uu isaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Magaalaa Jimmaatti Abbaa Adeemsa Hojii Dhimmoota yakkaa fi hariiroo Hawaasaa Abbaan Alangaa Mul'isaa Alamaayyoo beeksisaniiru.

Obbo Mullisaan dhuma irrattis yakkoonni akkasii baayyataa waan jiraniif hawaasni keenya of eeggachuu akka qabuu fi yoo shakkiin akkasii isaan muudate hatattamaan qaama seeraaf eeruu kennuu akka qabani dhaamanii jiru.

Jimmaa, Onkoloolessa 8/2015 Magaalaa Jimmaatti raawwiin hojii mootummaafi Paartii kan kurmaana 1ffaa bara 2015 gamaaggam...
18/10/2022

Jimmaa, Onkoloolessa 8/2015
Magaalaa Jimmaatti raawwiin hojii mootummaafi Paartii kan kurmaana 1ffaa bara 2015 gamaaggamamuu jalqabeera.
=============
Waltajjicharratti hoggansi magaalaafi gandootaa akkasumas koreen maanejimentii sekterootaa hirmaataa jiru.

Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaafi Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalichaa Obbo Lataa Ashabbir haasawaa baniinsaa taasisaniin kallattii waltajjichi ittiin gaggeeffamuu qabu ibsanii, naamusa cimaan waltajjichi gaggeeffamuu akka qabu eeraniiru.

Ittigaafatamaan Damee Ijaarsaa Obbo Tijjaanii Mohaammed gabaasa raawwii hojii paartii kan dhiyeessan yoo ta'u, kantiibaa ittaanaan magaalichaa Obbo Waasee Girmaa gabaasa raawwii hojii mootummaa kurmaana 1ffaa dhiyeessanii jiru.

Hirmaattonni tuutatti qoodamuun gabaasa dhiyaaterratti mari'achuun, ciminniifi hanqinni mul'ate addaan bahee galtee hojii gara fuuladuraa taasifachuun jijjiirama caalmaa fiduuf kan hojjetamu ta'uun ibsameera.

Address

South Oromiyaa
Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gibe Unity Voice posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Gibe Unity Voice:

Share

Category