24/11/2025
Manni Murtii Aanaa Cooraa Botor, Tajaajila Dhaddacha Dhagaha Halaalaa (Virtual Court) yeroo 2ffaaf Sadarkaa Gandaatti banuun tajaajilaa hawaasaaf banaa gochuu beeksisee.
Sadaasa 15 bara 2018
==============
Godina Jimmaatti, Manni Murtii Aanaa Cooraa Botor kenninsa tajaajila Abbaa seerummaa (KTAS) dhaqqabamummaa taasisuun Sadarkaa Aanaatti dhimmoonni oliyyannoo Mana Murtii Ol'aanaa hanga Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti Abbootiin dhimmaa komii qaban, karaa VK fi EF(Viidiyoo Konfiraansii fi E-Faayiliingii) tiin Kenninsa Tajaajila Abbaa Seerummaa karaa baasii fi dhamaatii hir'iseen akka tajaajilaman hojjechaa jiraachuun ni beekama.
Guyyaa har'aa immoo kenninsa tajaajila Abbaa Seerummaa daran dhaqqabamaa fi si'ataa akkasumas Sadarkaa gandoota hundatti waliin gahuun dhaqqabamaa taasisuuf Abbootiin dhimmaa tajaajila mana Murtii irraa barbaadan, osoo Mana Murtii Idilee Aanaatti hundaa'ee jiru dhaquun hin barbaachisiin, Kilaasteraan walitti qindaa'anii bakka tajaajilli Dhaddacha Dhagaha Halaalaa hundaa'ee jirutti tajaajila akka argataniif guyyaa har'aa yeroo 2ffaa kilaastera Ganda Meeccaa Dirree irratti dhaddachi dhagaha Halaalaa (VK) hundaa'ee tajaajila kennuu jalqabee jira.
Gandoonni kilaastera Ganda Meeccaa Dirree irraa fayyadamaan
1. Ganda Ujubaa Ganjii
2. Ganda Saabii Warabboo
3. Ganda Koobii Qajeeloo
4. Ganda Meeccaa Dirree, yoo ta'an, walumaa galatti ganda Meeccaa Dirree dabalatee, gandoonni Afur(4) akka tajaajilamaniif, guyyaa har'aa meeshaalee barbaachisan Manni murtichaa guutuun banamee tajaajila jalqabee jira.
Dhaddachi Dhagaha Halaalaa sadarkaa gandaatti babal'acha deemuun, dhaqqabummaa fi bu'aa qabeessummaa kenninsa tajaajila abbaa seerummaa fi mana Murtii gara E-Courtiitti ceesisuuf karoora qabame galmaan ga'uuf, akkasumas hawaasa itti dhiyeenyaan tajaajiluun amantaa uummanni mana murtii irraa qabu dabaluu fi baasiif dhamaatii tajaajilamtoota Mana Murtii irraa hir'isuun tajaajila saffisaa kan kennuudha.
Kanaafuu Abbootiin dhimmaa kilaasteraa Meeccaa Dirree jalatti argamaan utuu gara mana murtii idilee dhaquun hin barbaachisiin kilaastera ganda Meeccaa Dirreetti dhimmoota Haaraa fi oliyyannoo dabalatee, sadarkaa Gandaa hanga MMWO tti tajaajila karaa Viidiyoo konfiraansii fi E-faayiliingiin tajaajilamuu akka danda'aan Manni Murtii Aanaa Cooraa Botor beeksisee jira.