W/ra Galii A/Sh/Somboo

W/ra Galii A/Sh/Somboo Shabe Sombo Woreda

19/12/2024

.
Tarree gochoota malaammaltummaa jedhamuun labsii farra malaammaltummaa lakk. 881/2007 jalatti tarreeffaman keessaa:-
Aangotti gar-malee fayyadamuu fi hojimaata ifaan jiru cabsuu.
Fkn. Kaffaltaa ykn Galii hawaasni akka kaffalu seeraan ifatti taa'ee seeraan osoo sassaabamuu qabuu qajeelfama ifaan jiru cabsuun aangotti fayyadamuun ykn sodaachisuun yoo irraa sassabe malaammaltummaa ta'a.

Karaa Seeraa alaan galii sassaabuu ilaalchisee hojjetaan mootummaa kamiyyuu faayidaa isaaf hin malle argachuuf yaaduudhaan ashuuraa, gibira, galii adda addaa ykn faayidaa galii addaa addaa kan akka miindaa, beenyaa ykn baasii biroo kaffalamuu hin qabne ykn taarifa seeraan murtaa’ee ol ta’uu osoo beekuu yoo sassaabe ykn akka sassaabamu ajaje yakka malaammaltummaatiin himatama.

-Hojjetaan Mootummaa tokko nagahee haadhoo (Orijinaala) tajaajilamaaf kennuu irratti maallaqa tajaajilamaa irraa fuudhe galmeessuu fi nagahee mootummaaf hafu irratti maallaqa tajaajilamaan kaffalee gad galmeessuun garaagarummaa ofiif yoo fudhate.
:- Namni gocha yakka malaammaltummaa raawwate adabbii maallaqaa hanga qarshii 100,000 fi hidhaa salphaa irraa hanga hidhaa cimaa wagga 25 adabsiisuu danda’a.
203/2009 jalatti yakkoota nagaheewwaniin walqabatan fi adabbii yakkaa.
1) Kaffalaan taaksii dirqama nagahee kennuu qabu kamiyyuu nagahee malee bittaa fi gurgurtaa kan raawwate yoo ta‟e adabbii maallaqaa qarshii 25,000 (kuma digdamii shanii) hanga 50,000.00 (kuma shantama) fi adabbii hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa shanii ga'uun ni adabama.
2) Koppii nagaheewwanii walfakkaatan bittaa fi gurgurtaa tokko irratti kennaman irratti gatii adda addaa galmeessuun namni gatii gurgurtaa hir‟ise kamiyyuu adabbii qarshii 100,000.00 (kuma dhibba tokko) fi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga wagga torbaa gahuun ni adabama.
3) Gatiin gurgurtichaa sirriin qarshii 100,000.00 (kuma dhibba tokko) kan caalu yoo ta‟e bu‟uura keewwata kana keewwata xiqqaa 2tiin adabbiin buufamu hanga qarshii isa olaanaa nagaheewwan irratti ibsamee fi adabbii hidhaa cimaa waggaa torbaa hanga waggaa kudhanii ga‟uun ni adabama.
4) Namni osoo bittaa fi gurgurtaan hin raawwatamin nagahee kenne yookaan fudhate adabbii qarshii 100,000.00 (kuma dhibba tokko) hanga 200,000.00(kuma dhibba lamaa) ga‟uunii fi hidhaa cimaa waggaa torba hanga waggaa kudhanii ga‟uun ni adabama.
5) Nagaheen osoo bittaa gurgurtaan hin raawwatamin kenname ykn fudhatame hanga qarshii 200,000.00(kuma dhibba lama) kan caalu kan qabate yoo ta‟e adabbiin buufamu adabbii qarshii hanga qarshii nagahee irratti ibsame waliin walqixa ta‟ee fi adabbii hidhaa waggaa kudhanii hanga waggaa kudha shanii ga‟uun ni adabama.
6) Namni osoo Abbaan Taayitichaa hin hayyaminiif nagahee taaksii maxxanse adabbii maallaqaa qarshii 300,000.00 (kuma dhibba sadii) hanga 500,000.00(kuma dhibba shanii) ga‟uunii fi hidhaa cimaa waggaa lamaa hanga waggaa shanii ga'uutiin ni adabama.
7) namni osoo Abbaan Taayitaa hin hayyaminiif nagahee taaksii maxxansee balleessaadha jedhame yakkicha yeroo lammaffaaf raawwatee balleessaa ta‟uun yoo irratti mirkanaa‟e meeshaan maxxansaa isaa fi dhaabbanni maxxansichaa ni dhaalama, hayyamni daldala isaas ni haqama.
!

Address

Jimma Zone
Jimma
64483339

Telephone

+251964483339

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when W/ra Galii A/Sh/Somboo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share