ODP Jimmaa

ODP Jimmaa Dhaalottaa Waalif yaaduhttps://www.youtube.com/

Seenaa Boonsaa fi Milkaa’ina Waggaa Shanii!​Bakka Ulfoo fi Seena-qabeessa ta’e, Qe’ee Ulfoo Harsadee, Galmaa Siidaa Ware...
04/05/2026

Seenaa Boonsaa fi Milkaa’ina Waggaa Shanii!
​Bakka Ulfoo fi Seena-qabeessa ta’e, Qe’ee Ulfoo Harsadee, Galmaa Siidaa Wareegamtootaatti dhimma guddaaf walitti dhuufneerra!
​Kutaan Magaalaa Calalaqaa Jala Bultii Duula Filannoo ilaalchisee sagantaa bifa addaatiin qopheesseen:
​Kaadhimamtoota keenya hunda hiriirsinee beeksisuun dandeettii fi kutannoo isaanii ummataaf ifa gooneerra.
​Igzibiishii Guddicha: Hojiiwwan misoomaa fi guddinaa waggoota shanan darban keessa Kutaa Magaalaa keenya keessatti raawwataman bifa addaatiin qopheessinee dawwachiisaa jirra.
​Milkaa’ina keenya kaleessaa ragaa qabatamaan mul’isaa, egeree keenya boruuf immoo kaadhimamtoota ciccimoo qabannee qophoofneerra!
​Kutaa Magaalaa Calalaqaa — Guddinni Keenya Itti Fufa!

30/04/2026
27/04/2026

With Abdii Sabaa – I just got recognised as one of their top fans!

Oduu Gammachiisaa: Magaalaan Jimmaa Karoora Pilaanii Haaraan Gara Hektaara 38,000tti Babal’atte!​Magaalaan keenya Jimmaa...
26/04/2026

Oduu Gammachiisaa: Magaalaan Jimmaa Karoora Pilaanii Haaraan Gara Hektaara 38,000tti Babal’atte!
​Magaalaan keenya Jimmaa, magaalota hangafaafi giddugala diinagdee, hawaasummaafi siyaasaa taatus, waggoota dheeraaf osoo hin babal’atiin quucartee turuun ishee ni yaadatama. Garuu, har’a gaaffiin uummata keenyaa yeroo dheeraa deebii argatee jira.
​Qabxiiwwan gurguddoo caaseffama pilaanii haaraa kanaa:
​Babal’ina Lafa Magaalichaa: Magaalaan Jimmaa lafa hektaara 11,400 qofa irra turte irraa gara hektaara 38,000tti akka guddattu taasifameera.
​Baay'ina Gandootaa: Gandoonni baadiyyaa 21 haaraa itti dabalamuun, baay'inni gandoota magaalichaa 34 ga'eera.
​Caasaa Haaraa: Kanaan booda Magaalaan Jimmaa Kutaa Magaalaatti qoodamuun caaseffama haaraan tajaajila kennuuf jirti.
​Walharkaa Fuudhiinsa: Bulchiinsi Magaalaa Jimmaafi Aanolee ollaa (Qarsaa, Maannaa, Saqqaa Coqorsaa, Dedoo Manchoo fi Oomoo Naaddaa) gidduutti walharkaa fuudhiinsi lafaa kun bakka hoggantoonni Godinaafi Magaalaa argamanitti kallaattiin raawwatameera.
​Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir akka jedhanitti, hojiin kun tarsiimoo mootummaan "Lafa, Namaa fi Hoggansa Magaalomsuuf" qabate hojiirra oolchuu yoo ta'u, kun seenaa haaraa gudduummaa magaalattii mirkaneessudha. Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar gama isaaniitiin, pilaaniin haaraan kun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuun magaalattii sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta'uu ibsaniiru.
​Baga gammaddan, baga gammanne! Waliin taanee Jimmaa hawwattuu fi miidhagduu haa ijaarru!

Magaalaa Jimmaa: Misoomni fi Abbootiin Qabeenyaa Wal-funaananii! 🏗️✨​"Milkaa'ina hojiiwwan misoomaa Magaalaa Jimmaa kees...
25/04/2026

Magaalaa Jimmaa: Misoomni fi Abbootiin Qabeenyaa Wal-funaananii! 🏗️✨
​"Milkaa'ina hojiiwwan misoomaa Magaalaa Jimmaa keessatti abbootiin qabeenyaa gahee guddaa bahataa jiru." — Obbo Xahaa Qamar
​Waltajjiin marii misooma Magaalaa Jimmaa irratti xiyyeeffate hirmaannaa abbootii qabeenyaa fi daldaltootaatiin gaggeeffameera. Magaalli keenya rifoormii haaraa sadiin (Lafa, Nama fi Mootummaa magaalomsuu) fuula ishee jijjiiraa jirti.
​💡 Dhaamsa jabaa: Humna dinagdee keenya utubachuuf qusannoo fi liqii Baankii Siinqee fayyadamun murteessaadha.

Iraan: "US waliin marii godhamurraa abdii hin qabnu"​Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan, Esmaa'el Baagihee, hari...
20/04/2026

Iraan: "US waliin marii godhamurraa abdii hin qabnu"
​Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan, Esmaa'el Baagihee, hariiroo US waliin jiru ilaalchisee "Diinarraa abdii kutachuun abshaalummaa dha" jechuun dubbataniiru. Ameerikaan marii Paakistaanitti gaggeeffamuuf qophii xumurtee jirti.

🗳️ Milkii Boonsaa Magaalaa Jimmaatti!​Duulli na filadhaa Paartii Badhaadhinaa filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa irratti...
19/04/2026

🗳️ Milkii Boonsaa Magaalaa Jimmaatti!
​Duulli na filadhaa Paartii Badhaadhinaa filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa irratti magaalaa seena-qabeettii fi madda bunaa kan taate Jimmaatti gaggeeffamaa ture goolabameera! 🎊
​Magaalaan Jimmaa guyyoota darban sagalee tokkummaa, misoomaa fi badhaadhinaatiin guutamteetti. Ummanni keenya abdii egeree biyya keenyaa mirkaneessuuf kutannoo qabu karaa kanaan dura hin argamneen mul'iseera.
​🌟 Wantoota Addatti Mul'atan:
​Hirmaannaa Bal'aa: Jiraattonni magaalaa Jimmaa fi naannawa ishee kumaatamaan lakkaawwaman hiriira kanaan dhimma biyyaa irratti qooda fudhataniiru.
​Sagalee Tokkummaa: Paartii Badhaadhinaa waliin imala eegalle itti fufsiisuuf waadaa kan itti seenameedha.
​Goolaba Milkii: Duulli kun nagaa fi jaalalaan xumuramuun isaa bilchina siyaasaa keenyaa kan argisiisudha.
​Nutis badhaadhina biyya keenyaa mirkaneessuuf harka wal qabannee gara fuulduraatti ni tarkaanfanna!
​ ’u

Address

Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ODP Jimmaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to ODP Jimmaa:

Share