Jimma City Constructin Authority

Jimma City Constructin Authority Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jimma City Constructin Authority, Government Organization, Jimma.

 : Waldaalee IMX Magaalaa Jimmaa Hundaaf!Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Magaalaa Jimmaatti, Waldaaleen IMXn ijaarsa i...
18/08/2026

: Waldaalee IMX Magaalaa Jimmaa Hundaaf!

Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Magaalaa Jimmaatti, Waldaaleen IMXn ijaarsa irratti bobba'an hundi tajaajila bu'uuraa fi qulqullina ijaarsaa magaalattii mirkaneessuu keessatti gahee ol’aanaa akka qaban ni beekama.
Haaluma kanaan, hojii ijaarsaa bara 2019 seeraa fi qulqullinaan itti fufsiisuuf, IMXn Magaalaa Jimmaa keessa jirtan hundi sanada fi hayyama bara 2019 akka haaromsattaniif waamichi dhihaatee jira.

Bu'uuruma kanan Haaldurewwan Barbaachisaa ta'an kanneen akka:-

• Sanada waldaa (Waliigaltee/Seera Dambii Waldaa)
• Waraqaa Eenyummaa Miseensotaa Digital ta'e
• Nagahee Gibiraa/Taksii bara 2018 xumuramuusaa agarsiisu
• Waraqaa Ragaa fi Heeyyama hojii bara 2018 (Original fi Copy) qabachuun

Waajjira Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Magaalaa Jimmaa Adeemsa hojii Industrii koonsrraakshiinii qaamaan dhihaachuun tajaajila haaromsa hayyamaa akka raawwattaniif isin beeksifnaa.
Haaluma wolfakkatuun waaldaalee haaraa Bara 2019 hojii ijaarsaa irraatti gurmaa'uu barbaadani ulaagaa barbaachiisa ta'ee guttachuun akka woraqaa gahuumsaa miseensii hundii qaamaan dhihaachuun akka fudhattan Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Magaalaa Jimmaa waamicha isaa dabarsa.

"Ijaarsa Magaalaa Keenyaa Seeraan, Qulqullinaa fi Yeroon Hojjennaa Ni Xumuraa!"

Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Magaalaa Jimmaa Gamaggama Hojii Bara 2018 fi Karoora Bara 2019 Gaggeessee Jira. Adoole...
28/07/2026

Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Magaalaa Jimmaa Gamaggama Hojii Bara 2018 fi Karoora Bara 2019 Gaggeessee Jira.
Adoolessa 21/2018 (ATKMJ)

Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Magaalaa Jimmaa karoora fi raawwii bara 2018 gamaggamuun akkasumas karoora hojii bara 2019 irratti xiyyeeffachuun sagantaa marii bal’aa gaggeessee jira.

Hoggantootni fi hojjettoonni abbaa taayitichaa sagantaa kanaan gamaggama raawwii hojii gadi fageenyaan qorachuu bira dabree, hanqinoota fi carraawwan jiran qorachuu danda’aniiru. Kunis, tajaajila hawaasaaf kennamu caalaatti qulqullinaan fi ariitiidhan qopheessuuf akkasumas ijaarsa bu’uuraalee misoomaa magaalattii keessatti jiran mirkaneessuuf tarkaanfii murteessaadha.
Gara fuulduraattis, Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Magaalaa Jimmaa, humna dandeettii isaanii gabbisuun teeknoolojii ammayyaa fayyadamuun, ijaarsa magaalaa ammayyaa fi dandeettii dorgomuu qabdu dhugoomsuuf xiyyeeffannoon akka hojjetan ibsanii jiruu.

06/07/2026
Pirojektoonni miindaa ummataati!Jimmaa, Waxabajjii 26/2018 (WATKMJ)Bulchiinsi Magaalaa Jimmaa manneen qusannaa 300 bara ...
03/07/2026

Pirojektoonni miindaa ummataati!

Jimmaa, Waxabajjii 26/2018 (WATKMJ)
Bulchiinsi Magaalaa Jimmaa manneen qusannaa 300 bara 2018 kana baajata Bulchiinsa Magaalichaatiin ijaarsise guyyaa borii bifa ho'aan eebbisiisuuf qophii xumureera.

Pirojektiin manneen qusannaa kun hojii namooma giddugaleeffateefi rakkoo kaafamtoota misoomaa furuuf kan hojjetameedha. Pirojektii baay'inaan, ariitiifi qulqullinaan hojjetame kan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuudha. Pirojektiin manneen qusannaa kun bara kana jalqabamee baruma kana kan xumurame yemmuu ta'u, hoggansi pirojektii keenya akkasumas dandeettiin raawwachiisummaa keenya sadarkaa ol'aanaatti ce'uu kan agarsiisuudha. Galii ummata irraa sassaabameen pirojektoota misoomaa namooma giddugaleeffate hojjechuun pirojektoonni miindaa ummataa ta'uusaa kan dhugoomsuudha.

Pirojektiin manneen qusannaa kunis guyyaa borii bakka keessummoonniifi qaamooleen hawaasaa garaagaraa argamanitti eebbifamee kaafamtoota misoomaaf dabarfamee ni kennama.

Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa, Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Godina Jimmaa fi Abbaa Taayitaa Konistiraaks...
09/06/2026

Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa, Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Godina Jimmaa fi Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Magaalaa Jimmaa Waliin Ta’uun Hojii Tajaajila Lammummaatiin Abdii Harmee Harka Qalleeyyii Haaromsaniru.

Jimmaa, Waxabajjii 02/2018 (ATKMJ)

Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa, Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Godina Jimmaa fi Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Magaalaa Jimmaa qindoominaan waliin ta'uun, gahee ijaarsa bu’uuraalee misoomaa mirkaneessuuf qaban cinaatti, Sagantaa Tajaajila Lammummaa giddu-galeessa godhateen hawaasa harka qalleeyyii bira dhaabbachuu isaanii itti fufaniiru.

Haaluma kanaan, abboomiin taayitaa sadan waliin ta'uun, harmee jireenya gadi aanaa keessa jiraniif mana jireenyaa haala qulqullina ijaarsaa eggateen ijaaramaa ture guutummaatti xumursiisuun, xiyyeeffannoo dabalataatiin deeggarsa meeshaalee mana keessaa barbaachisoo ta'an bituun waliigalatti harmee harka qalleeyyii kanaan dura haala rakkisaa keessa turaniif simachiisaniiru.

Gochi tajaajila lammummaa qindoomina kanaan raawwatame kun, Sagantaa misooma magaalaa keessatti namummaa fi waliin guddachuu kessatti gahee Ol'aanaa kan qabu yoo ta'u, dhiphina jireenyaa harmee keenyaa hir’isuun haala jireenya ammayyaa fi tasgabbaawaa uumuuf kan kaayyeffatedha.

Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa, Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Godina Jimmaa fi Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Magaalaa Jimmaa gara fuulduraattis dandeettii teeknikaa fi humna qabanu qindeessanii madaalchisanii hojiilee misooma hawaasummaa fi tajaajila lammummaa kanaan wal-qabatan cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsani jiru.

"Misooma Magaalaa Keenyaa Qulqullinaan, Hawaasummaa Keenya Tajaajila Lammummaan!"

Qulqullina Ijaarsaa Mirkaneessuuf Gahumsa Ogummaa CimsuuEbela 7/ 2018 (ATKMJ)​Abbaan Taayitaa Konstraakshinii Magaalaa J...
15/04/2026

Qulqullina Ijaarsaa Mirkaneessuuf Gahumsa Ogummaa Cimsuu

Ebela 7/ 2018 (ATKMJ)

​Abbaan Taayitaa Konstraakshinii Magaalaa Jimmaa ijaarsi magaalaa keenya keessatti gaggeeffamu sadarkaa isaa kan eeggate akka ta’uuf xiyyeeffannoo guddaan hojjachaa jira.
​Haaluma kanaan, ogeessota ijaarsaa magaalaa keenyaa dandeettii fi beekumsaan utubuuf jecha:
"Leenjiin Madaallii Gahumsaa Ogummaa(MGO)" miseensota IMX fi Kontiraktarootaf bal’inaan kennamee jira.

​Kaayyoon leenjichaa:-

1, Dandeettii teeknikaa raawwattootaa madaaluu.
2, Qulqullina ijaarsaa irratti hubannoo waloof qindoomina uumuu.
3.Hanqinoota madaallii ogummaa irratti mul’atan furuun guddina sektarichaa ariifachiisuu.
​4.Magaalaan Jimmaa ijaarsa ammayyaa fi qulqullina qabuun akka miidhagduuf hirmaannaan ogeessota ijaarsaa murteessadha!
Walumaagalatti ijaarsa ammayyaa Mirkaneessuuf ogeessotni ammayyaa fi teknoloojiidhan gahoman ijaarsa biyyaa kessaati gahee olaanaa qabuu.

⚠️  OOF-EEGGANNOO HATATTAMAA ⚠️ ​Hubannoo Hawaasa Magaalaa Jimmaa Hundaaf! ​Dhaabbanni "Key Housing Financial Solution" ...
11/04/2026

⚠️ OOF-EEGGANNOO HATATTAMAA ⚠️

​Hubannoo Hawaasa Magaalaa Jimmaa Hundaaf!

​Dhaabbanni "Key Housing Financial Solution" jedhamuun of waamu magaalaa keenya Jimmaan keessatti namoota mana jireenya hin qabneef qarshii muraasan mana jireenya isiniif ijaarree isiin simachifne jedhee sochii erga jalqabee bubulee jira.
Hata'u Male Dhaabbanni kun:-

1. Wajjira Konistiraakshinii irra eyyama diiggaafi eyyama ijaarsa fudhadhee harkaan gahannee jira jechuun ifomsee jira. Hata'u male eyyama ijaarsas ta'e kan diiggaa akka hin fudhanneefi seera qabeessa akka hin taane maqaa Wajjira kenyaatin hawaasa kenyaaf ibsuun hawaasni kenya gocha seeran ala kanan akka hin gowwomfamne ergaa isa dabarfata.

2. Maallaqa qusannaa fi kaffaltii duraa (Down payment) garmalee xiqqaa ta'een mana isiniif ijaarra jedhee hawaasa kenya gowwomsuutti jira.

3. Waraqaa hayyama hojii fi beekamtii Baankii Giddu-galeessaa (National Bank) irraa barbaadamu akka hin qabne mirkaneefanne jirra.

4. Mali ittiin maallaqa sassaabaa jiru mala hanna ammayyaa (Scam) wan ta'ef
​Hawaasni keenya maallaqa keessan wan ragaa quubsaa hin qabneti akka hin baafne dhaamsa kenyaa.

Unki eyyama ijaarsa ittin kennamu jijjiramee.Bitootessa 30/2018 (ATKMJ)Abbaan Taayitaa Konastrakshinii Magaala jimmaa un...
08/04/2026

Unki eyyama ijaarsa ittin kennamu jijjiramee.
Bitootessa 30/2018 (ATKMJ)
Abbaan Taayitaa Konastrakshinii Magaala jimmaa unka eeyyama ijaarsaa ittin kennaa ture booca ( ) walin duuka deemtuu fuula 4 kan ture gara unka fuula tokko gochuudhan hojii irra olchee jira.
Unkii kun kan guutamu oggeessa wajjira Konstraakshiniitiin kan guutamu yoo ta'u karaa dijitaala ta'en wiirtuu tajaajila iddoo tokkotti fayyadamuudhan karaa salphaa fi haala ammayyaa ta'en akka rawwatu ibsamee jira.
Dabalatan wajjiri Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Magaalaa Jimmaa ijaarsa gamoo darbii tokkoo(G+1) fi isaa ol jiru oggeessa gorsaa fi gargaara ijaarsa ( consultant) sanaatif Abban ijaarsichaa oggeessa ofii issatif filateen akka hogganamu ibsee jira.
Jijjiramni kun kan barbaachiseef tarkaanfii biyyi kenya Itiyoophiyaan gara dijitaalati taasisaa jirtu milkeessuufi gahee mataa isaa akka qabu hubachuun hojiitti galamee jira.

Karoora qindoominaa hojii mirkaneessa gahumsa ogummaa oggeesotaa walin hojechuuf maryatamee jira ‎Jimma‎‎Guraandhala 12/...
19/02/2026

Karoora qindoominaa hojii mirkaneessa gahumsa ogummaa oggeesotaa walin hojechuuf maryatamee jira
‎Jimma

‎Guraandhala 12/2018 (ATKMJ)

‎Karoora qindominaa Biroo ATKMJ, BCHUOJ FI EMGJ walin qindaa'e


‎Karoori qindoominaan hojeechuu maal akka ta'ef fayidaa karoori qindominaa mana hojii motummaa fi hawaasaf qabu ballinaan ibsame jira
‎Dabalataan Barbaachisummaan karoora qindoominaan hojechuu fi Bu'aa karoora qindoomina irraa egaamu eramee jira

‎Ogummoota leenjiin/Hubannoon/ Madaallii irrati keennamu gulantaa ogummaa COC sadakaa adda addatin yoo ta'u mata dureewwan leenjii masonry, carpentry and joinery, bar-bending, fi matadurewwan 13 dabalate leenjiin ogummaa oggeesotaaf akka kennamu hubatame jira.

‎Gaheen hojii ATKMJ ,BCHUOJ fi EMGO jimmaa caasaa isaa hunda sadarkaadhan adda basee fedhii fi qooda fudhatoota karoora qindoomina rawwachisuusuuf irrati hojechuuf yeroo rawwii hojii karoora qindoomina saganteessuun waligalamee mallattoodhan golabame jira

Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti hojiin suphaa daandii keessoo xiyyeeffannaa olaanaan hojjatamaa jira.Jimmaa,Muddee 17/2018...
26/12/2025

Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti hojiin suphaa daandii keessoo xiyyeeffannaa olaanaan hojjatamaa jira.

Jimmaa,Muddee 17/2018(ATKMJ)
Bulchiinsi Magaalaa Jimmaa suphaa daandiiwwan keessoo gandoolee 12 keessatti baajata Mana Qopheessaa birrii miliyoona 83 oliin hojjataa jiraachuu Manni Qopheessaa magaalichaa ibsee jira.

Bulchiinsa magaalaa Jimmaatti hojiiwwan misoomaa fayyadamummaa hawaasaa mirkanessan hedduun hojjatamaa jiru. Magaalichatti fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojii hojjatamaa jiru keessaa hojiin bu'uraalee misoomaa isa ijoodha.
bu'uruma kanaan bara kana birrii 83,592,092.57(Miliyoona saddeetamii sadi'iif kuma dhibba shaniif sagaltamii lamaaf birrii sagaltamii lamaan) suphaan daandii keessoo gaggeeffamaa jiru cimee itti fufee jira.

Hojigaggeessaan Mana Qopheessaa Magaalaa Jimmaa obbo Hayidar Dirrib yaada kennaniin,bulchiinsi magaalichaa xiyyeeffannaa suphaa daandii keessoof kenneen hojjataa jiruun bara 2018 daandii keessoo KM 119.8 birrii miliyoona 83 oliin gandoolee 12 keessatti hojjachuuf karoorfatee hojiitti kan gale yemmuu ta'u hanga yeroo kanaatti suphaa daandii qabanne keessaa dhibbeentaa 50 ol hojjachuun kan danda'ameera jedhanii; hojii hojjatame kanaanis rakkoo hawaasaaf deebii kennuun danda'amuu isaa himaniiru.
Obbo Hayidar dabaluunis hojii bara kanaa ariitii fi qulqullina olaanaan hojjataa waan jirruuf kan hafes yeroo gabaabaa keessatti ni xumurra jedhaniiru.
Guyyaa har'aas Koreen pirojektii Magaalichaa hojii suphaa daandii kana sadarkaa inni irra jiru daawwatee jira.

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jimma City Constructin Authority posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share