Rida Aba Jihad

Rida Aba Jihad Islam is the best solution of life!!!!!!!!!!

30/11/2025
23/10/2025

Xalayaa Baana Kabajamoo PMN Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa tiif, Finfinnee Oromiyaa!

Dhimma: Rakkoo Dhumaatii Uummata Aanaa Noonnoo, Godina Shawaa Lixaa fi daangaa Oromiyaa hundaa ilaaluu tahaa!

Kabajamoo Piresedaantii,

Nagaa fi fayyaa isiniif hawwa. Xalayaan kun kan barreeffameef, guddinaa fi misooma Oromiyaa irratti hojii boonsaa hojjetaa jirtaniif guddaa Galatoomaa jecha cinatti immoo sagalee dhukkubbii uummata keenyaa isiniif dhageessisuufi. Daangaa naannoo Oromiyaa Obbo Hasaan Alii hanga Lammaa Magarsaa ti eegamee isinitti kennamee jira. Hata'uu malee, yeroo garaagaraatti bara isin Piresedaantii taatanii jirtan kanatti daangaan Oromiyaa cabsuun, hidhattoonni Faannoo godinaalee Wallaggaa, Shawaa Kaabaa fi Shawaa Lixaatti Oromoo ajjeesuu fi gubuun waan baratamaa ta'ee jira.

Godinni Shawaa Lixaa, keessattuu Aanaan Noonnoo, waggoota dheeraadhaaf nageenya dhabuudhaan, lubbuu fi qabeenyi uummata keenyaa irra deddeebiin manca’aa jira. Dhiiga obboleeyyan keenyaa dhangala'aa jira.

Akkuma beekamu, uummanni Aanaa Noonnoo waggoota lamaan darban keessa irra deddeebiin hidhattoota Faannoon ajjeefamaa, qalamaa fi gubachaa tureera. Haalli kun gaddisiisaa fi yaaddoo guddaa kan nu keessaa uumeedha.

• Akkuma barame, Shawaa Lixaa, Aanaa Noonnoo, Ganda Halloo Dinkii tti, shiftaan Faannoo ofiin jettu haleellaa hamaa taasisaniin, halkan edaa jechuun 10/2/2018 halkan keessa naannoo saa’atii 3 tti dhukaasa banuudhaan, uummata nagaa fi qotee bulaa qulqulluu, akkasumas maatii fi daa’imman bakka tokkotti jumlaan rashaantee baate jirti.

Kanaafuu, isin akka Piresedaantii keenyaa fi hogganaa keenyaa, hatattamaan furmaata akka nuuf kennitan kabajaan isin gaafanna. Uummanni Aanaa Noonnoo, uummanni Oromoo hundi, nageenyaa fi bilisummaan akka jiraatuuf, tarkaanfii hatattamaa akka fudhattan abdii qabna.

Share Gochuun Biraan nuuf Gahaa
!

23/10/2025

Saudi Arabiyaan Sheek Dr. Saaleh bin Fawzan bin Abdullah Al-Fawzan Muftii godhee Muudde

Duruus tv Onkoololessa 12/2018

Muftii Sheek Dr. Saaleh bin Fawzan dura taa’aa Mana Maree Hayyoota Olaanoo biyyattii fi preezdaantii Mana Maree Qorannoo Saayinsii fi Fatwaa ta’uun akka tajaajilan Inside the Haramain gabaaseera.

Sa’uudii Arabiyaan torban muraasa dura du’a Sheek Abdulaziiz bin Abdullaah Al-Sheek hordofuun bara 1999 irraa eegalee Muftii taatee tajaajilaa turte.

Duruus Tv

20/10/2025
18/10/2025

“Finxaaleyyii Sulula Laga Abbayyaa da’eeffachuun rakkoo uumaa jiran qulqulleessuuf hojjetamaa jira”
- Obbo Waaqgaarii Nagaraa
*************
Gaazexaa Bariisaa
Finfinnee: Finxaaleyyii Sulula Laga Abbayyaa da’eeffachuun gandoota aanaalee naannoo Amaaraan waldangessan tokko tokko keessatti rakkoo nageenyaa uumaa jiran qulqulleessuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Godina Wallagga Bahaa Obbo Waaqgaarii Nagaraa ibsan.

Obbo Waaqgaariin sochii nageenyaafi misoomaa godinasaanii ilaalchisanii Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, darbee darbee rakkoon nageenyaa jiraatus waliigalaan haalli nageenyaafi sochiin misoomaa Godina Wallagga Bahaa daran fooyya’aadha.

“Finxaaleyyiin gandoota godinichaa qabachuun ummatarra miidhaa dhaqqabsiisaniiru” jechuun yaadni bal’aan tibba darbe miidiyaa hawaasaarra deemaa ture dharaafi dubbii arba’eedha kan jedhan Obbo Waaqgaariin, godina caasaan nageenyaa bakkawwan hundatti lafa qabatee jirutti qaamni akkasii bakka akkasii qabate jechuun ololaaf yoo ta’e malee dhugaa abjootamu akka hintaane himu. Qabatamaatti garuu godinichatti gandi tokkollee Finxaaleyyiinis ta’e Shaneedhaan dhuunfatame akka hinjirre ibsaniiru.

Aanaalee Kiiramuufi Giddaa Ayyaanaa kanneen naannoo Amaaraan waldangessan gandoota Andoodee Dichoo, Warabboo, gandoota gammoojjii aanaalee Kiiramuu kanneen akka Bagjin, Marga Jireenyaa, Siree Dooroofi Haroo jedhaman keessatti Sulula Laga Abbayyaa da’eeffachuun sochiin Finxaaleyyii jiraachuu himanii, sochiifi rakkoo finxaaleyyii kana maqsuuf Raayyaa Ittisa Biyyaa dabalatee qaamolee nageenyaa sadarkaan jiran waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Haala amma jiruun qindoomni qaamolee nageenyaafi hoggansi sadarkaa jiranii olaanaa ta’uu eeranii, rakkoo finxaaleyyiin uumaa jiran maqsuuf xiyyeeffannaa addaan hojjetamaa jiraachuu dubbatu.

Ta’us tumsi Raayyaa Ittisa Biyyaafi humna nageenya waloo daran kan barbaachisuufi cimee ittifufuu akka qabu yaadachiisaniiru.

“Godinichi godinaalee rakkoon nageenyaa hamaa keessa turan keessaa isa tokko. Fooyya’uu nageenya godinichaa keessatti tumsi ummata godinichaa olaanaadha.

Ijoolleensaa Gaachana Sirnaafi Milishaan akka ijaaramaniif gumaata taasisuun dabalata ofiis garee misoomaatiin ijaaramee nageenyasaaf waardiyyaa ta’uun hojjetaa jira” jedhu.

ABO Shaneefi Finxaaleyyiin Faannoo dhokatanii miidhaa dhaqqabsiisuuf bakkeewwan muraasatti aggaamiiwwan garagaraa yaalaa jiraachuu himanii, aggaammii kana fashaleessuu keessatti tumsi ummata godinichaafi qaamolee nageenyaa sadarkaan jiranii olaanaa ta’uu eeraniiru.

Sochii misoomaa ilaalchisee Obbo Waaqgaariin akka jedhanitti, qonna gannaan lafa hektaara kuma 838 qotuun callaa kuntaala miliyoona 25 ol argachuuf karoorfameera.

Dhiyeessiin xaa’oofi sanyii filatamaas haala yeroosaa eeggateen qonnaan bulaa dhaqqabeera. Ta’us Godinichi omisha boqqolloon beekamaa waan ta’eef sanyiwwan boqqolloo omishtummaansaanii olaanaa ta’e Shooneefi Limmuu jedhaman haala barbaadameen argachuurratti hanqinni tureera.

Gama biroon Tajaajila lammummaan ijaarsaafi suphiinsi manneen barnootaa akkasumas manneen harka qalleeyyii bal’inaan hojjetamuu kaasanii, dhibee busaa dhabamsiisuuf naannawa qulqulleessuurratti hawaasa bal’aa hirmaachisuun danda’ameera.

Waliigalaan raawwiin tajaajila lammummaan bakka hundatti hojjetamee daran jajjabeessaadha jedhaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 8 Bara 2018

18/10/2025

Nama 7 kan rabbiin guyyaa qiyaamaa gaaddisa/caayaa isaa jala teeysifatu eenyu akka ta'an ni beektaa!? """""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
Guyyaa qiyaamaa guyyaa gaaddisa rabbii malee gaaddisni biraa hin jirre namoota 7 rabbiin gaaddisa isaa jela isaan taasisa,jedhan Ergamaan Rabbiiﷺ

1. bulchaa biyyaa kan karaa haqaatin bulchu

2. dargaggeessa ibaadaa osoo godhu ibaadaa irratti guddate

3. Namicha qalbiin isaa masjiida waliin walitti hidhamte

4. Namoota lama kan Rabbiif jecha wal jaalatan, kan yommuu walitti dhufanis tahee yommuu gargar bahan Rabbiif qofa tahe

5. Namicha dubartiin bareedduu taatee fi kan sadarkaa guddaa qabdu tokko isa wajjin akka sagaagalaniif isa waamtee inni garuu "Rabbii kan koon sodaadha!" Jedhee dide

6. namicha sadaqaa kennatu, kan sadaqaan inni kennatu sun dhoksaa tahuu irraa kan ka'e yommuu harki isaa mirgaa kennatu harki isaa kan bitaa waan tokkoyyuu hin beekne.

7. namicha kophaa isaa taa'ee Rabbii isaa yaadatee kan ijji isaa imimmaaniin boossu."

《Sahiih Bukhaarii, lakk. Hadiisaa 660》

Yaa Rabbii warra guyyaa qiyaamaa guyyaa gaaddisa kee malee gaaddisni biroo hin jirre sana warra gaaddisa kee jala taasifaman irraa nu taasisi! Yaa Rabbii

18/10/2025

𝙽𝚊𝚖𝚊 𝚂𝚊𝚕𝚊𝚊𝚝𝚊 𝙳𝚑𝚒𝚒𝚜𝚞 𝚆𝚊𝚊 15'𝚝𝚞 𝚒𝚜𝚊 𝚀𝚞𝚗𝚗𝚊𝚖𝚊 𝙹𝚎𝚍𝚑𝚊𝚗 𝙴𝚛𝚐𝚊𝚖𝚊𝚊𝚗 𝚁𝚊𝚋𝚋𝚒𝚒𝙽𝚊𝚋𝚒 𝙼𝚞𝚑𝚊𝚖𝚗𝚊𝚍 (𝚂𝚊𝚕𝚕𝚊𝚕𝚕𝚊𝚊𝚑𝚞 𝙰𝚕𝚎𝚢𝚑𝚒 𝚆𝚊𝚜𝚊𝚕𝚕𝚊𝚖 ).

𝚆𝚊𝚊 15𝚊𝚗 𝙺𝚊𝚗𝚊 𝙺𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊𝚊

🔹𝚆𝚊𝚊 6 𝙰𝚍𝚍𝚞𝚗𝚢𝚊𝚊 𝙶𝚞𝚋𝚋𝚊𝚝𝚝𝚒 𝙸𝚜𝚊 𝚀𝚞𝚗𝚗𝚊𝚖𝚊 (𝙼𝚞𝚍𝚊𝚝𝚊) (𝙳𝚑𝚊𝚚𝚚𝚊𝚋𝚊).

🔹𝚆𝚊𝚊 3𝚈𝚎𝚛𝚘𝚘 𝙳𝚞𝚞𝚝𝚒 𝚒𝚜𝚊 𝚀𝚞𝚗𝚗𝚊𝚖𝚝𝚊

🔹𝚆𝚊𝚊 3 𝚈𝚎𝚛𝚘𝚘 𝚀𝚊𝚋𝚛𝚒𝚒 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊𝚊𝚝𝚒 𝚒𝚜𝚊 𝚀𝚞𝚗𝚗𝚊𝚖𝚊 .

🔹𝚆𝚊𝚊 3 𝙶𝚞𝚢𝚢𝚊𝚊 𝚀𝚒𝚢𝚊𝚊𝚖𝚊𝚊 𝚒𝚜𝚊 𝚀𝚞𝚗𝚗𝚊𝚖𝚊.

▶️𝚆𝙰𝙰 6𝙽 𝙰𝚍𝚍𝚞𝚗𝚢𝚢𝚊𝚊 𝙶𝚞𝚋𝚋𝚊𝚝𝚝𝚒 𝙽𝚊𝚖𝚊 𝚀𝚞𝚗𝚗𝚊𝚖𝚊𝚗.

1️⃣:-𝚁𝚊𝚋𝚋𝚒𝚒𝚗 𝚄𝚖𝚛𝚒𝚒 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚝𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝙱𝚊𝚛𝚊𝚔𝚊𝚊 𝙵𝚞𝚞𝚍𝚑𝚊.

2️⃣:-𝚁𝚊𝚋𝚋𝚒𝚒𝚗 𝚂.𝚆.𝙰. 𝚏𝚞𝚞𝚕𝚊 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚝𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚂𝚒𝚏𝚊𝚊 𝚈𝚔𝚗 𝙰𝚖𝚊𝚕𝚊 𝚂𝚊𝚊𝚕𝚒𝚑𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊 𝙵𝚞𝚞𝚍𝚑𝚊𝚊..

3️⃣:-𝙳𝚊𝚕𝚊𝚐𝚊𝚊 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚝𝚒𝚒𝚏 𝙰𝚓𝚛𝚒𝚒 𝚑𝚒𝚗 𝙰𝚛𝚐𝚊𝚝𝚞𝚞 𝚁𝚊𝚋𝚋𝚒 𝚋𝚒𝚛𝚊𝚊.

4️⃣:-𝙳𝚞'𝚊𝚊'𝚒𝚒𝚗 𝚒𝚜𝚊𝚊 𝙾𝚕 𝙷𝚒𝚗 𝙵𝚞𝚞𝚍𝚑𝚊𝚖𝚝𝚞 𝙶𝚊𝚛𝚊 𝚂𝚊𝚖𝚒𝚒𝚝𝚝𝚒

5️⃣:- 𝙽𝚊𝚖𝚗𝚒 𝚒𝚜𝚊 𝙳𝚑𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝚈𝚔𝚗 𝚒𝚜𝚊 𝚑𝚒𝚗 𝙵𝚎𝚍𝚑𝚞 𝙹𝚒𝚛𝚞𝚞 𝙰𝚍𝚍𝚞𝚗𝚢𝚊𝚊 𝙶𝚞𝚋𝚋𝚊𝚝𝚝𝚒.
6️⃣:-𝙷𝚒𝚛𝚎𝚎 𝙷𝚒𝚗 𝚀𝚊𝚋𝚞 𝙳𝚞'𝚊𝚊'𝚒𝚒 𝚆𝚊𝚛𝚛𝚒 𝚂𝚊𝚊𝚕𝚒𝚑𝚒𝚒𝚝𝚊𝚊 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚏 𝙶𝚘𝚍𝚑𝚊𝚗 𝙺𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊𝚝𝚝𝚒

▶️𝚆𝙰𝙰3𝙽 𝚈𝚎𝚛𝚘𝚘 𝙳𝚞'𝚊𝚊 𝚒𝚜𝚊 𝚀𝚞𝚗𝚗𝚊𝚖𝚞
1️⃣:-𝚈𝚎𝚛𝚘𝚘 𝙳𝚞'𝚞 𝚇𝚒𝚚𝚚𝚎𝚎𝚗𝚗𝚊𝚛𝚛𝚊𝚝𝚝𝚒 𝙳𝚞'𝚊.
2️⃣:-𝙷𝚊𝚊𝚕𝚊 𝙱𝚎𝚎𝚕𝚊𝚊𝚢𝚊 𝚃𝚊𝚑𝚎𝚎𝚗 𝙳𝚞'𝚊.
3️⃣:-𝙷𝚊𝚊𝚕𝚊 𝙳𝚑𝚎𝚎𝚋𝚞𝚞𝚗 𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚓𝚒𝚛𝚝𝚞𝚞𝚗 𝙳𝚞'𝚊. 𝙾𝚜𝚘𝚘 𝙱𝚒𝚜𝚑𝚊𝚊𝚗 𝙱𝚊𝚑𝚊𝚛𝚊 𝙶𝚞𝚞𝚝𝚞𝚞 𝙳𝚑𝚞𝚐𝚎𝚕𝚕𝚎𝚎 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚑𝚒𝚗 𝙱𝚊𝚑𝚞 𝙳𝚑𝚎𝚎𝚋𝚞𝚞𝚗 𝙹𝚎𝚍𝚑𝚊.😭

▶️𝚆𝙰𝙰3𝙽 𝚀𝚊𝚋𝚛𝚒𝚒 𝙺𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊𝚝𝚝𝚒 𝚒𝚜𝚊 𝚀𝚞𝚗𝚗𝚊𝚖𝚞.
1️⃣:-𝚁𝚊𝚋𝚋𝚒𝚒𝚗 𝚀𝙰𝙱𝚁𝙸𝙸 𝚒𝚜𝚊𝚝𝚝𝚒 𝙳𝚑𝚒𝚙𝚙𝚒𝚜𝚊 𝙷𝚊𝚗𝚐𝚊 𝙲𝚒𝚗𝚊𝚊𝚌𝚑𝚒 𝚒𝚜𝚊𝚊 𝙻𝚊𝚖𝚊𝚊𝚗 𝚆𝚊𝚕 𝙹𝚊𝚕𝚊 𝚃𝚊𝚛𝚞𝚝𝚝𝚒.
2️⃣:-𝚁𝙰𝙱𝙱𝙸𝙸𝙽 𝚀𝚊𝚋𝚛𝚒𝚒 𝚂𝚊𝚊 𝚃𝚊𝚗 𝙰𝚔𝚔𝚊 𝚒𝚋𝚒𝚍𝚍𝚊𝚊𝚝𝚝𝚒 𝙳𝚒𝚒𝚖𝚊𝚝𝚝𝚞 𝚃𝚊𝚊𝚜𝚒𝚜𝚊𝚊.

3️⃣:- 𝚁𝚊𝚋𝚋𝚒𝚒𝚗 𝙱𝚘𝚏𝚊 𝙼𝚊𝚚𝚊𝚊𝚗 𝚒𝚜𝚊𝚊 𝙰𝚜𝚑𝚞𝚓𝚊𝚊 𝙰𝚕-𝙰𝚚𝚛𝚊'𝚊 𝙹𝚎𝚍𝚑𝚊𝚖𝚞 𝚒𝚜𝚊𝚝𝚝𝚒 𝙵𝚒𝚍𝚊.

▶️𝚆𝙰𝙰3𝙽 𝙶𝚞𝚢𝚢𝚊𝚊 𝚀𝚒𝚢𝚊𝚊𝚖𝚊𝚊 𝚒𝚜𝚊 𝚀𝚞𝚗𝚗𝚊𝚖𝚞
1️⃣:-𝚆𝚊𝚊𝚗 𝙶𝚊𝚛𝚊 𝚒𝚋𝚒𝚍𝚍𝚊 𝙹𝚊𝚑𝚊𝚗𝚗𝚊𝚖𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚒𝚜𝚊 𝙷𝚊𝚛𝚔𝚒𝚜𝚞 𝚁𝚊𝚋𝚋𝚒𝚒𝚗 𝚒𝚝𝚝𝚒 𝙵𝚒𝚍𝚊.
2️⃣:-𝚁𝚊𝚋𝚋𝚒𝚒𝚗 𝚂.𝚆.𝙰. 𝙸𝚓𝚊 𝙳𝚊𝚕𝚕𝚊𝚗𝚜𝚞𝚞𝚝𝚒𝚒𝚗 𝚒𝚜𝚊 𝙻𝚊𝚊𝚕𝚊𝚊 𝙶𝚞𝚢𝚢𝚊𝚊 𝙷𝚒𝚜𝚊𝚊𝚋𝚊𝚊 𝙷𝚊𝚐𝚊 𝙵𝚘𝚘𝚗 𝙵𝚞𝚞𝚕𝚊 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚝𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝙻𝚊𝚏𝚊 𝙱𝚞'𝚞𝚝𝚝𝚒.
3️⃣:-𝚁𝚊𝚋𝚋𝚒𝚒𝚗 𝚂.𝚆.𝙰 𝚒𝚜𝚊 𝚀𝚘𝚛𝚖𝚊𝚊𝚝𝚊 𝚀𝚘𝚛𝚖𝚊𝚊𝚝𝚊 𝙹𝚊𝚋𝚊𝚊 . 𝙸𝚜𝚊𝚝𝚝𝚒 𝙼𝚞𝚛𝚝𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝙶𝚊𝚛𝚊 𝙹𝚊𝚑𝚊𝚗𝚗𝚊𝚖𝚒𝚝𝚝𝚒 𝙳𝚎𝚎𝚖𝚞𝚞.
____________________________________

⏩ 𝙽𝚊𝚖𝚗𝚒 𝚂𝚊𝚕𝚊𝚊𝚝𝚊 𝙵𝚊𝚓𝚛𝚒𝚒 (𝚂𝚞𝚋𝚑𝚒𝚒) 𝙳𝚑𝚒𝚒𝚜𝚎➡️ 𝙵𝚞𝚞𝚕𝚊 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚝𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚒𝚏𝚗𝚊𝚗𝚗𝚒 𝚑𝚒𝚗 𝚓𝚒𝚛𝚞𝚞 𝙹𝚎𝚍𝚑𝚊𝚗.

⏩ 𝙽𝚊𝚖𝚗𝚒 𝚂𝚊𝚕𝚊𝚊𝚛𝚊 𝚉𝚞𝚑𝚛𝚒𝚒 𝙳𝚑𝚒𝚒𝚜𝚎➡️ 𝚁𝚒𝚣𝚚𝚒𝚒 𝚒𝚜𝚊𝚊 𝙺𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝙱𝚊𝚛𝚊𝚔𝚊𝚊𝚗 𝙷𝚒𝚗 𝚓𝚒𝚛𝚝𝚞.

⏩𝙽𝚊𝚖𝚗𝚒 𝚂𝚊𝚕𝚊𝚊𝚝𝚊 𝙰𝚜𝚛𝚒𝚒 𝙳𝚑𝚒𝚒𝚜𝚎 ➡️𝚀𝚊𝚊𝚖𝚗𝚒 𝙷𝚞𝚖𝚗𝚊 𝙷𝚒𝚗 𝚀𝚊𝚋𝚞.

⏩ 𝙽𝚊𝚖𝚗𝚒 𝚂𝚊𝚕𝚊𝚊𝚝𝚊 𝙼𝚊𝚐𝚛𝚒𝚒𝚋𝚊𝚊 𝙳𝚑𝚒𝚒𝚜𝚎 ➡️𝙸𝚓𝚘𝚘𝚕𝚕𝚎𝚎 𝚒𝚜𝚊𝚊 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝚂𝚊𝚖𝚊𝚛𝚊𝚊𝚗 (𝙱𝚞'𝚊𝚊𝚗) 𝙷𝚒𝚗 𝚓𝚒𝚛𝚝𝚞.

⏩ 𝙽𝚊𝚖𝚗𝚒 𝚂𝚊𝚕𝚊𝚊𝚝𝚊 𝚞𝚜𝚑𝚊𝚊'𝚒𝚞 𝙳𝚑𝚒𝚒𝚜𝚎𝚎 ➡️𝙷𝚒𝚛𝚛𝚒𝚒𝚋𝚊 𝚁𝚊𝚊𝚑𝚊𝚊 𝚀𝚊𝚋𝚞 𝙷𝚒𝚗 𝙰𝚛𝚐𝚊𝚝𝚞.

⏩ 𝙽𝚊𝚖𝚗𝚒 𝚈𝚎𝚛𝚘𝚒 𝙰𝚣𝚣𝚊𝚊𝚗𝚊𝚊 𝙼𝚞𝚣𝚒𝚒𝚚𝚊𝚊 𝙳𝚑𝚊𝚐𝚎𝚎𝚏𝚏𝚊𝚝𝚞 ➡️𝚈𝚎𝚛𝚘𝚘 𝙳𝚞'𝚞 𝚂𝚑𝚊𝚑𝚊𝚊𝚍𝚊𝚊 𝙹𝚎𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚑𝚒𝚗 𝚍𝚊𝚗𝚍𝚊𝚑𝚞𝚞.

▶️𝙹𝚊𝚊𝚕𝚊𝚕𝚊 𝚂𝚊𝚕𝚊𝚊𝚝𝚊𝚊 𝚆𝚊𝚊 𝚑𝚞𝚗𝚍𝚊𝚊 𝚘𝚕 𝚜𝚒𝚒𝚏 𝚑𝚊𝚊 𝚔𝚊𝚗𝚗𝚞🤲.

Team she Amiin ibroo sa'id 🙏

18/10/2025

Address

Areer
Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Rida Aba Jihad posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share