Midiyaa Lacceelo Dhaalota

Midiyaa Lacceelo Dhaalota Humna Tokkummaa

14/08/2025
14/08/2025

Tajaajilli Lammummaa Tarkaanfii Misooma Waloo Ijaaruudha!
= = =
Tajaajilli lammummaa hojii fedhii dhuunfaa raawwachuu osoo hin taane, bu’aa hawaasa bal`aafi biyyaa mirkaneessuuf dargaggoota, hojjettoota, akkasumas qaamolee adda addaa hirmaachisuun kan raawwatamuudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas misooma waloo saffisiisuufi diinagdee biyyaa ijaaruuf tajaajila lammummaa sirnaan qindaa’aafi karoora qabatamaan hoggananuun hojiirra oolchuuf seerota, qajeelfamootafi dambii hojii isaa ammayyeessuun hojjechaa jira.

Seenaa addunyaa keessatti, tajaajilli lammummaa akka sirna qindaa’aa qabatee jalqabuuf carraa jalqabaa bara 20ffaa keessa biyya Awurooppaafi Ameerikaa keessatti. Waraana Addunyaa 2ffaan booda biyyoota hedduu keessatti tajaajilli lammummaa hojii misooma, deeggersa waraanaan alaafi ijaarsa mootummaa diimokiraatawaa cimsuuf akka sirna biyyoolessaatti fudhatanii hojiirra oolchuu eegalan. Har’as tajaajilli lammummaa biyyoota hedduu keessatti tarkaanfii misooma waloo ijaaruuf bu’uura ijoo ta’ee tajaajilaa jira.

Tajaajilli lammummaa hawaasa keessatti tokkummaafi jaalala cimsuu, walqixxummaa, waliif yaaduu, carraa hojii uumufi dandeettii namoota misooma biyyaa keessatti hirmaachuuf qopheessu irratti ga`ee guddaa qaba. Gama mootummaan immoo tajaajilli lammummaa humna namaa, beekumsa, muuxannoofi sirna tajaajilaa cimaa qabu akka argatu godha. Kana malees hojii mootummaa gara uummataatti dhiyeessuun baajeta ba`uu qabu hambisuun humna misoomaa cimsa.

Tajaajilli lammummaa hojiiwwan gara garaa of keessaa qaba. Ijaarsaafi tajaajila bu’uura misoomaa, eegumsa naannoo, gargaarsaafi birmannaa balaa uumamaa, barsiisuufi leenjii,tajaajila fayyaa hawaasaafi tamsa harka qalleeyyii of keessatti qabata. Hojiiwwan kunneen qabeenya ummataa eegsisuu, qabeenya haaraa maddisiisuufi humna namaa dandeettii hojii qabu qopheessu keessatti gumaacha olaanaa qaba.

Haaluma kanaan akka Oromiyaatti hojiiwwan gosa 34 ta`an namoota miliyoona 30 ol hirmaachisuun hojjetamaa jira.

Face Book https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/
------
TikTok: tiktok.com/
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com

Whatapp :https://whatsapp.com/channel/0029VbAXcNtAu3aRrGAUuV28

Website:https://www.oromiacommunication.gov.et/

14/08/2025
14/08/2025

Address

Kurfa Ch'ele

Telephone

+251920919790

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Midiyaa Lacceelo Dhaalota posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share