Mattu Town Communication Office

Mattu Town Communication Office Ummataa fi Mootummaa gidduu wal hubannaan bu'aa qabeessa ta'e akka jiraatuuf hojjenna!!

๐—š๐˜‚๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฎ ๐—–๐—ถ๐—ฐ๐—ต๐—ผ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ!Itiyoophiyaan biyya sabdaneettii lafeefi dhiiga gootota isheen ijaaramuun birmadummaashee gonfattee h...
08/09/2026

๐—š๐˜‚๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฎ ๐—–๐—ถ๐—ฐ๐—ต๐—ผ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ!

Itiyoophiyaan biyya sabdaneettii lafeefi dhiiga gootota isheen ijaaramuun birmadummaashee gonfattee har'a geessedha.

Itiyoophiyaan qormaata heedduu injifachuun milkaa'inaan imala Kan jirtu Yeroo ta'uu aarsaa qaalii lafeefi dhiigaa gootota kaleessaa fi har'aatiin ijaaramaa jirti.

Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti Guyyaan Cichoominaa Kunis kabajamaa Jira.

Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuu Obbo Teshaalee Ejersoo Itiyoophiyaanis bu'aa cichoomina gootota kaleessaafi har'aati jedhanii keessumattuu baandaan biyyaa keessaa fi Alaa qindaa'uun Itiyoophiyaa balleessuf aggaammii taasisan dhabamsiisuun Biyya guddoo aarsaa qaaliin ijaaramte Dhalootaaf dabarsaa jiraachuun milkaa'inaa seenaan Hin dagatneedha jedhan.kunimmoo bu'aa cichoominaati.
Cichoominni Raayyaan Ittisaa dantaa biyyaa kabachiisuufi biyyasaa tiksuurratti taasisaa jiru tattaaffii biyya birmadummaan ishee kabajameefi biyya badhaate dhaloota egeree dhaalchisuuf taasifamaa jiru keessaa isa ijoodha jedhan.

Itti gaafatamaan siyaasa paartii badhaadhinaa Godina Iluu Abbaa boor Obbo Xilahun Abarraa Raayyaan Ittisa Biyyaa qorraafi aduu, roobaafi ho'a, beelaafi dheebuu osoo hin jedhiin cichoominaan biyya tiksuun kabachiisee har'aan gahe gootumman kun har'as Itti fufuun biyya guddoo hundaaf taatu ijaaramaa jirti jedhan.

Itti gaafatamaan waajjira Nageenya Magaalaa Mattuu Obbo Admaasuu Haambisaa Cichoominnii fi kutannoon raayyaa ittisa biyyaa fi gootota Nageenyaa Itiyoophiyaa guddoo fakkeenya taate ijaaraa jirra jedhan.

Guyyaan Cichoominaa Kunis Poolisii federalaa, poolisii idilee Oromiyaa,gaachana sirnaa,milishaaf bakka qaamoleen Nageenyaa fi Kutaaleen Hawaasaa gara garaa argamanitti kabajamaa Jira.

๐‘ฎ๐’–๐’š๐’š๐’‚๐’‚ ๐‘ช๐’Š๐’„๐’‰๐’๐’๐’Ž๐’Š๐’๐’‚๐’‚Cichoomina Bu'ura Cimaa Biyya JabduuItoophiyaan harkawwan jajjaboo bu'urashee cimsuu danda'aniin tikfa...
08/09/2026

๐‘ฎ๐’–๐’š๐’š๐’‚๐’‚ ๐‘ช๐’Š๐’„๐’‰๐’๐’๐’Ž๐’Š๐’๐’‚๐’‚

Cichoomina Bu'ura Cimaa Biyya Jabduu

Itoophiyaan harkawwan jajjaboo bu'urashee cimsuu danda'aniin tikfatee Cichoominaa gootota kaleessaa fi raayyaa ittisa biyyaatiin har'a geesseetti.
Qabsoo gama hundumaan taasifamaa tureen bu'urri biyyatti cimuun biyya jabduu rakkoowwan kamiifuu hin jilbeenfanne,qormaatawwan carraatti jijjiirtu, tarree biyyoota gurguddoota addunyaa hiriirtu, dafqaafi dhiigaan ilmaan isheen fakkeenya badhaadhinaa ta'aa jirtuudha.

Qaammee 3 Guyyaa Cichoominaa Itiyoophiyaan  bu'aa Cichoominaa gootota kaleessaa fi raayyaa ittisa biyyaa har'aati.
08/09/2026

Qaammee 3 Guyyaa Cichoominaa

Itiyoophiyaan bu'aa Cichoominaa gootota kaleessaa fi raayyaa ittisa biyyaa har'aati.

Jecha Gochaan dhugoomeen Olka'iinsi Itiyoophiyaa mirkanaa'aa Jira.Itoophiyaan  gama misoomaa, diinagdeefi siyaasaatiin i...
07/09/2026

Jecha Gochaan dhugoomeen Olka'iinsi Itiyoophiyaa mirkanaa'aa Jira.

Itoophiyaan gama misoomaa, diinagdeefi siyaasaatiin imala jijjiiramaatiin adeemsa tarsiimawaa daandii badhaadhinaatiin eegalteen rakkoofi qormaata mo'achuun gara boqonnaa guddina saffisaafi itti fufiinsa qabuutti ce'aa Kan jirtuudha.

Biyyattiin waggoota darban keessatti qormaatawwan diinagdee, siyaasaa, nageenyaafi tasgabbii biyyaa fi idil addunyaa irraatti mudatan keessa jabaattee darbuun daandii milkaa'inaa irratti kan argamtuudha.
Guyyaan olka'iinsaa Magaalaa Mattuutti Maree paanaalii fi sagantaa daawwannaa gara garaatiin kabajamaa Jira.

Kabaja Guyyaa olka'iinsaa kana irratti kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuu Tashaalee Ejersoo Itiyoophiyaan qormaata heedduu birร  darbuun Waadaa Gochaan dhugoomeen maqaa kaleessa ittiin beekamaa turte jijjirrachuun fakkeenya badhaadhinaa ta'aa jiraachuu himuun pirojektootni Sadarkaa biyyaa, Naannoo fi Magaalaa Mattuutti hojjatamaa jiran Abdii irraa gara ifa qabatamaatti ce'aa jiraachuufi olka'iinsa biyya Keenyaa Kan agarsiisaniidha jedhan.

Guyyaan olka'iinsaa Kunis Maree paanaalii fi daawwannaa pirojektoota fi Hojiiwwan misoomaa gara garaan kabajamaa Jira.
Daawwannaa gaggeeffame Keessaas Dirreen xiyyaaraa Goree Mattuu imala badhaadhinaa biyya Keenyaa keessatti bu'uura cimaa Kan kaa'uuf oomishaalee Al ergiif ta'an Godinni Iluu Abbaa booriifi Magaalaa Mattuu qabduun Diinagdee cimaa ijaaruun imala of danda'u Keenya qabatamaan Kan mirkaneesaaniidha jedhan hirmaattotni kabaja Guyyaa olka'iinsaa kana irratti argaman.

Qaammee 2:Guyyaa olka'iinsaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti kabaja Guyyaa olka'iinsaa sababeeffachuun Daawwannaan Dirreen...
07/09/2026

Qaammee 2:Guyyaa olka'iinsaa

Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti kabaja Guyyaa olka'iinsaa sababeeffachuun Daawwannaan Dirreen xiyyaaraa Goree Mattuutti taasifamee Jira.

Guyyaan olka'iinsaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti Maree paanaaliitiin kabajamaa Jira
07/09/2026

Guyyaan olka'iinsaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti Maree paanaaliitiin kabajamaa Jira

Qaammee 02/2018Qaammee 2: Guyyaa OLKA'IINSAA!Milkaaโ€™inni Harโ€™aa, Buโ€™uura Olkaโ€™iinsa Boruuti!
07/09/2026

Qaammee 02/2018

Qaammee 2: Guyyaa OLKA'IINSAA!
Milkaaโ€™inni Harโ€™aa, Buโ€™uura Olkaโ€™iinsa Boruuti!

Qaammee 2Guyyaa ol ka'iinsaa
07/09/2026

Qaammee 2

Guyyaa ol ka'iinsaa

Guyyaa oomishtummaa โœ๏ธ oomishtummaan of danda'uudha.Oomishaalee qonnaa Magaalaan oomishaman  Wabii nyaataa mirkaneessuuf...
06/09/2026

Guyyaa oomishtummaa

โœ๏ธ oomishtummaan of danda'uudha.

Oomishaalee qonnaa Magaalaan oomishaman Wabii nyaataa mirkaneessuuf bu'uura kanneen ta'aniidha.

๐๐ข๐ซ๐ซ๐š๐š ๐ฒ๐š๐š ๐๐ข๐ซ๐ซ๐จ๐จ๐ฅ๐ž๐ž Jala Bultii Bara haaraa 2019 Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.= = ...
06/09/2026

๐๐ข๐ซ๐ซ๐š๐š ๐ฒ๐š๐š ๐๐ข๐ซ๐ซ๐จ๐จ๐ฅ๐ž๐ž

Jala Bultii Bara haaraa 2019 Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.
= = ====///=======

Imalli Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa bakkatti deebisuuf taasisaa jiru qabatamaan dhugoomaa jira.

Qaama Haaromsa Aadaa Oromoofi Duudhaa ganamaatti deebi'uu Mootummaan qabatee irratti hojjechaa jiru keessaa tokko kan ta'e, Feestiivaalli Biroollee sirnoota dabran keessaatti laafeefi dagatamee ture yeroo ammaa kana tarkaanfii seena qabeessa fudhatameen waggoottan jijjiiramaa kana keessatti bakkasaatti deebi'eera.

Haaluma kanaan dhaadannoo imala Aadaafi duudhaa ganamaatti deebi'uu jedhuun qindoomina Godina Iluu Abbaa booriifi Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti jala bultiin bara haaraa 2019 sirbootni Aadaa gara garaa gaggeeffamaa Jira.

Dargaggeeyyiifi Shamarran Godina Iluu Abbaa booriifi Bulchiinsa Magaalaa Mattuu uffata aadaan faayamanii Dhiichisaa, shubbisaafi walaloo ittiin dhaamsa dabarsaniin wal jalaa qaba ayyaaneffata jiru

Address

Metu

Telephone

+251474411703

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mattu Town Communication Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share