Tajaajila Komunikeeshiinii Magaalaa Mattuu

Call Directions

Tajaajila Komunikeeshiinii Magaalaa Mattuu Ummataa fi Mootummaa gidduu wal hubannaan bu'aa qabeessa ta'e akka jiraatuuf hojjenna!!

Bu’aawwan Qorannoo Gaggeessine Sirreeffama Caasaa Mootummaa Akka Taasisnu Nu Dirqisiisan! Shimallis Abdiisaa, Pirezidaan...
24/10/2026

Bu’aawwan Qorannoo Gaggeessine Sirreeffama Caasaa Mootummaa Akka Taasisnu Nu Dirqisiisan! Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO

Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara 1983 keessa, yeroo ce’umsaa biyyattii keessatti, caasaa bulchiinsaa jalqabaa hundeessuun hojii isaa eegale. Yeroo sana Oromummaan bu’uura ijaarsa mootummaa ta’ee kan ka’e yoota’u, mootummaan haaraan qabeenya namaa, dhaabbileefi bu’uuraalee misoomaa muraasa qabuun hojii jalqabe. Hojjettoonni mootummaa naannoo sanaa kuma 43 ol hin turre. Haala qabatamaa yeroo sanaa giddugaleessa godhachuun, caasaan mootummaa sadarkaa ganda, aanaafi godinaa saddeet irratti hundaa’e ummata tajaajiluu eegale.

Bara 1987’tti, Heerri Mootummaa Naannoo Oromiyaa raggaasifamuufi caasaan bulchiinsaa babal’achuun, hojii mootummaa ummataaf dhiyeessuuf bu’uura dabalataa uume. Yeroo sana magaalomuun hamma amma mul’atuun waan hin babal’anneef, yaadni magaalomuu heera mootummaa naannoo keessatti iddoo olaanaa hin qabaanne. Caasaan gandaa qonnaan bultoota, horsiisee bultootafi jiraattota magaalaa hammachuun, namoota ummataan filataman irratti hundaa’ee tajaajila kennuuf qindaa’e.

Haata’u malee, yeroo mootummaafi dhaabbileen isaa guddachaa dhufanitti, caasaan mootummaa sadarkaa naannoofi godinaatti bal’achaa dhufe; hamma tokko sadarkaa aanaattis babal’ate.

Sadarkaa aanaatti hojjettoota muraasaan hojiiwwan hedduun gaggeeffamaa turan; sadarkaa godinaafi naannootti garuu hojiiwwan bulchiinsaafi misoomaa hedduun walitti qabamanii turan. Haalli kun tajaajila mootummaafi hojii misoomaa hedduun giddugala muraasa irraa akka hogganaman taasise. Kanaaf, namoonni tajaajila barbaadan giddugala sana dhaquun isaan barbaachisaa ture.

Yeroo dheeraa keessatti mootummaan guddachaa, dhaabbileen isaa babal’achaafi hojjettoonni mootummaa dabalaa dhufaniiru.

Haata’u malee, guddinni caasaa mootummaa kun tajaajilli ummata bira ga’uuf qabu waliin saffisa walqixa hin qabu ture. Caasaan mootummaa sadarkaa naannoofi godinaatti bal’achuun, tajaajilli sadarkaa gadiitti ummata bira dhiyaachuu qabu bakka muraasa irratti akka kuufamu taasiseera. Kunis dhaqqabummaa tajaajilaa irratti gufuu ta’uufi hojii misoomaa saffisaafi bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf rakkoo uumuu danda’eera.

Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa rakkoolee kana mala qorannoofi xiinxala saayinsaawaa fayyadamuun adda baasuufi furuuf bara 2011’rraa eegalee qorannoo gaggeessuu jalqabe.

Qorannoon kun sadarkaa jijjiirama ummanni Oromoo barbaadu, guddina Oromiyaafi fedhii bulchiinsa mootummaa, akkasumas muuxannoowwan biyyoota biroo giddugaleessa godhate. Kaayyoon isaa caasaa mootummaa duraanii qofa babal’isuu osoo hin taane, caasaan jiru tajaajila ummataaf kennu keessatti hammam bu’a qabeessa akka ta’e, aangoofi itti gaafatamummaan sadarkaa adda addaatti akkamitti akka qoodame, akkasumas caasaan mootummaa guddina fuulduraa deeggaruuf gahaa ta’uu isaa qorachuudha.

Qorannoon kun bu’aawwan ijoo afur adda baase. Bu’aawwan kunneen rakkoolee caasaa mootummaa keessatti mul’atan qofa osoo hin taane, tajaajila mootummaa, qindoomina hojii misoomaa, qoodinsa aangoofi qabeenyaa, akkasumas guddina Oromiyaa gara fuulduraa deeggaruuf jijjiiramni caasaa mootummaa keessatti barbaachisaa ta’uu agarsiisan.

Bu’aan qorannoo inni jalqabaa, guddinni bu’uuraalee misoomaa, manneen barnootaa, buufataalee fayyaafi giddugaleessota tajaajilaa waliin caasaan mootummaa sadarkaa naannoofi godinaatti bal’achuu isaa agarsiise. Haata’u malee, hojjettoota mootummaa Naannoo Oromiyaa keessaa dhibbeentaan 63 ol ganda irratti argamu jedhamee ibsameera. Ta’us, hojjettoonni sadarkaa kana jiran hojii isaanii qindeessuuf hoggansa gahaa dhabuu isaanii qorannoon adda baase.

Kunis rakkoon jiru lakkoofsa hojjettootaa qofa osoo hin taane, hojii isaanii qindeessuu, hogganuufi itti gaafatamummaa mirkaneessuu keessatti hanqina akka jiru agarsiisa. Hojiiwwan mootummaa sadarkaa gandaatti raawwataman bu’a qabeessa taasisuuf hoggansi gahaan, qindoominni hojiifi itti gaafatamummaan ifa ta’e jiraachuu qaba. Kanaaf, hoggansa sadarkaa gandaatti cimsuun, hojii mootummaafi tajaajila ummataaf kennamu fooyyessuuf dhimma ijoo ta’ee mul’ate.

Bu’aan qorannoo inni lammaffaan, tajaajilli mootummaa sadarkaa ummataatti dhiyaachuu akka qabu agarsiise. Tajaajiloonni hedduun sadarkaa godinaafi naannootti walitti qabamanii turuun, namoonni tajaajila argachuuf giddugala muraasa dhaquun akka isaan barbaachisu taasiseera. Kunis yeroofi baasii ummataa dabaluun, tajaajila mootummaa argachuurratti gufuu uumeera.

Addunyaa ammaa keessatti teknoolojii, sirni dijitaalaafi tajaajilli toora interneetii fayyadamuun tajaajila saffisaafi dhaqqabamaa ta’e kennuuf carraa bal’aa uumaa jiru. Haala kana keessatti, tajaajilli ummanni barbaadu gara isaatti dhiyaachuu qaba. Kanaaf, qorannoon kun tajaajiloota barbaachisoo sadarkaa aanaafi isa gadiitti gadi buusuu, aangoofi itti gaafatamummaa isaanii ifa gochuu, akkasumas tajaajila mootummaa dhaqqabamaa taasisuun dirqama ta’uu adda baase.

Bu’aan qorannoo inni sadaffaan, misooma Oromiyaa keessatti gaggeeffamu giddugala tokko irraa qofa hogganuun jijjiirama waliigalaa saffisaafi bu’uuraa fiduuf gahaa akka hin taane agarsiise. Misoomni giddugala tokko irratti hirkate sadarkaa ganda, aanaafi hawaasa naannoo keessatti fedhiifi dandeettii jirurraa ka’ee akka saffisaan raawwatamu daangessuu danda’a.

Kanaaf, misoomni sadarkaa ummataatti dhiyaachuu, hojiiwwan misoomaa gandafi aanaa irratti qindaa’anii raawwatamuu, akkasumas baajanni, aangoonfi qabeenyi hojiiwwan sanaaf barbaachisan itti gaafatamummaa waliin gadi bu’uu qabu. Qonnaan bulaan, horsiisee bulaaniifi jiraataan magaalaa fedhiifi dandeettii naannoo isaarratti hundaa’uun misooma keessatti hirmaachuu akka danda’u taasisuun barbaachisaadha. Kana jechuun aangoo qofa gadi buusuu osoo hin taane, qabeenya, dandeettii raawwachiisummaafi itti gaafatamummaa waliin qooduudha.

Bu’aan qorannoo inni afraffaa, guddinni Oromiyaa galmeessisaa jirtuufi mul’anni naannoo badhaate ijaaruu waggoottan dhufaniif qabame caasaa mootummaa isa duraanii qofaan deeggaramuu akka hin dandeenye agarsiise. Mootummaan Naannoo Oromiyaa yeroo dheeraa keessatti guddachaa, dhaabbileen isaa babal’achaafi dandeettiin raawwachiisummaa isaa dabalaa dhufeera. Guddina kana waliin deemuufi fedhii waggoota dhufan deebisuuf caasaa mootummaa gahumsa qabu, jijjiirama dursee tilmaamufi fedhii hawaasaa waliin madaqu barbaachisa.

Caasaan mootummaa hojiiwwan yeroo ammaa qofa raawwachuuf qophaa’e osoo hin taane, guddina waggoota kudhan, kudha shaniifi digdama dhufaniif barbaachisu dursee tilmaamee qophaa’uu qaba. Caasaan mootummaa rakkoo uumame booda duukaa bu’ee sirreessuu qofa irratti hundaa’uu hin qabu; jijjiirama hawaasummaa, dinagdee, teeknoolojiifi bulchiinsaa dursee hubachuun, fedhii egeree deebisuuf qophaa’uu qaba. Kanaaf, sirreeffamni caasaa mootummaa guddina Oromiyaa fuulduraa waliin deemuufi mul’ata naannoo badhaate ijaaruu deeggaruuf barbaachisaa ta’eera.

Walumaagalatti, bu’aawwan qorannoo kanaan argaman rakkoolee caasaa mootummaa duraanii keessatti mul’atan adda baasuun, sirreeffamni bal’aan akka barbaachisu agarsiisaniiru. Rakkooleen kunneen hoggansa sadarkaa gandaatti cimsuu, tajaajila mootummaa ummata bira geessuu, misooma giddugala tokko irratti hirkate irraa gara qindoomina sadarkaa garaagaraatti ce’uu, akkasumas caasaa mootummaa guddina fuulduraa deeggaru ijaaruu waliin walqabatu.

Kanaaf, sirreeffamni caasaa mootummaa jijjiirama maqaa dhaabbilee ykn qindaa’ina hojii qofa miti. Inni aangoo, qabeenya, itti gaafatamummaafi dandeettii raawwachiisummaa sadarkaa adda addaatti akkamitti qooduu akka qabnu irratti jijjiirama bu’uuraa fiduuf kan kaayyeffatedha. Bu’aan isaa tajaajilli ummataaf kennamu dhaqqabamaafi bu’a qabeessa ta’uu, hojii misoomaa fedhii naannoo waliin walsimuu, akkasumas caasaan mootummaa guddina Oromiyaa gara fuulduraa deeggaruu danda’u ijaaruu ta’uu qaba.

ENA
See less

Hojiiwwan karoorfaman hundaaf xiyyeeffannoo kennuun fayyadamummaa hawaasaa Caalaatti mirkaneessuuf -----------------Onko...
24/10/2026

Hojiiwwan karoorfaman hundaaf xiyyeeffannoo kennuun fayyadamummaa hawaasaa Caalaatti mirkaneessuuf
-----------------
Onkoloolessaa 14,2019 Mattuu

Magaalaa Mattuutti Waltajjiin Gamaaggama Raawwii Hojii Paartii fi Mootummaa bakka Hoggansi Magaalaa fi Hoggansa Gandoota Magaalichaa argamanitti Gaggeeffamaa Jira.

Gamaggama kana irratti Itti Aanaa kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Mattuu Obbo Kabbadaa Nagaasuu Gamaaggamni raawwii hojiilee Mootummaafi Paartii kunis haala raawwii hojiilee Karoora Of-danda'uu kan seektaroota Mootummaafi Paartii hanga ammaa xiinxaluun ciminoota jiran caalmaatti itti-fufsiisuufi aadessuuf, hanqinoota turan adda baasuun miira tokkummaa ilaalchaa fi gochaatiin yeroo raawwii itti aanu keessatti galtee taasisuun fayyadamummaa Uummataa caalmaatti mirkaneessuuf, nageenya waaressuuf, misooma magaalichaa roga maraan saffisiisuufi karoora mootummaa ida'amuu fi ergama Paartii Badhaadhinaa walsimsiisuun raawwii caalmaa galmeessuuf akka ooluuf gamaaggama gaggeeffamaa jiru ta'uu himan .

Itti gaafatamtuun siyaasa paartii badhaadhinaa Damee Bulchiinsa Magaalaa Mattuu Adde Mardiyyaa Abdurrahim kaayyoon gamaggama kanaa hojiiwwan milkaa’an cimsuu, hanqinoota mul’atan i furmaata kennuu fi qindoomina qaamolee hojii gidduu jiru guddisuun hojiiwwan hafan karaa ariitii, qulqullinaafi bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf xiyyeeffannoon hojjechuu ta'uu dubbachuun Keessumattuu Sirna Deeggarsaa fi hordoffii Keenyaa cimsuuf Aadaa Hojii Keenya Jijjiruun fayyadamummaa hawaasaa caalmaatti mirkaneessuuf xiyyeeffannoo Addaa kennuun hojjachuun murteessaa ta'uu ibsaniiruu.

Seektaroota fi Gandootnis duubdeebii dhiyaate irratti Haala Raawwii isaanii irratti Yaada kennuun kallattiin fuula duraa Kan kennamu ta'a.

24/10/2026
Yuuniversiitiin Mattuu  ce'umsa Teknooloojii cimsuun tajaajila hawaasaa saffisiisuu irratti Hojiiwwan hojjatamaa Jiran i...
22/10/2026

Yuuniversiitiin Mattuu ce'umsa Teknooloojii cimsuun tajaajila hawaasaa saffisiisuu irratti Hojiiwwan hojjatamaa Jiran ilaalchisuun qooda fudhattoota gara garaa Waliin Mareen gaggeeffamaa Jira.

Piresdaantii Yuuniversiitii Mattuu Dooktar Alamuu Disaasaa Maree qooda fudhattoota kana irratti haasaa taasisaniin Yuuniversiitiin Mattuu Hojii tajaajila Hawaasaa hojjataa jiruun Rakkoo hawaas Diinagdee furuuf ciminaan hojjataa Kan Jiru ta'uu dubbachuun Keessumattuu hojiiwwan ce'umsa Teknooloojiin bu'aan Gurguddoo argamaa Kan Jiru ta'uu ibsan.

Itti Aanaa piresdaantii fi Itti gaafatamaa dhimmoota akaaadamii Yuuniversiitii Mattuu Dooktar Beddiluu Takkaa Dhaabbileen barnootaa hojii baruufi barsiisuu cinatti Hojiiwwan tajaajila Hawaasaa hojjachuun murteessaa ta'uu himuun Kanaanis Yuuniversiitii Mattuu Hojiiwwan fakkeenyummaa heedduu qaban hojjataa Akka Jiru ibsan.

Qooda fudhattootni Maree kanaas Yuuniversiitii Mattuu Hojiiwwan qorannoof to'annoo gara garaa hojjataa Jiru cimsee Itti fufuu akka qabu ibsaniiruu.

Ramaddiin Hojjattoota Gurmaayinsa haaraan kennamu tajaajila Mootummaa saffisiisuun bu'aa qabeessummaan hawaasa Akka darb...
22/10/2026

Ramaddiin Hojjattoota Gurmaayinsa haaraan kennamu tajaajila Mootummaa saffisiisuun bu'aa qabeessummaan hawaasa Akka darban cimuuf" Obbo Kaasahun Guddataa

Qajeelfama ramaddii hojjettoota mootummaa manneen hojii naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe irratti hojjettoota mootummaa magaalichaatiif hubannoon kenname.

Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti qajeelfama ramaddii hojjettoota mootummaa manneen hojii naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe (lakk 34/2019) irratti hojjettoota mootummaa magaalichaatiif hubannoon kennameera.

Waltajjii kanarratti kan argaman Itti gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Bulchinsa magaalaa Mattuu Obbo Kaasahuun Guddataa, Mootummaan kenniinsa tajaajila hawaasa fooyya'aa ta’e kennuun tajaajila mootummaa gurmaa'insa haaraa hojiirra oolchaa akka jiru himuun,hojjetaan Mootummaan qajeelfama ramaddii beekee hojiirra oolmaasaa tumsuu akka qabuufi hanga ramaddiin kun hojjetamuttis hojjetaan hundi bakka jirutti burjaajii tokko malee hojiisaa xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu dubbataniiru.

Dokumantii ka'umsa mareef ta'u karaa humna namaa waajjira PSMQN magaalichaa Obbo Alamayyoo Asaffaa dhiyaachuun Mareen bal'aan irratti gaggeeffameera.

Xumurarrattis haala qajeelfama bahee irratti koreen ramaddii hundaa’uun waltajjichi guduunfameera.

"Potenshaalaa ol'aanaa Godinni kibba lixa oromiyaa qabu Misooma gara garaaf oolchuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu...
21/10/2026

"Potenshaalaa ol'aanaa Godinni kibba lixa oromiyaa qabu Misooma gara garaaf oolchuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf ciminaan Kan hojjatamuudha" Dooktar Rashaad Kamaal

Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti Guyyaa har'aa Daandiin xiyyaaraa Goree Mattuu fi Warshaa Ruuzii Guyyaatti Ruuzii hanga Kuntaala 1000 ol daakuun samsee gabaaf dhiyeessu daawwatame

daawwannaa kana irratti Sadarkaa Itti Aanaa piresdaantiitti Bulchaan Godina kibba lixa oromiyaa Dooktar Rashaad Kamaal dabalatee Hooggansi ol'aanoon argamaniiru.

Godinni kibba lixa oromiyaa Dandeetti oomishaalee gara garaa heedduu Kan qabuufi keessumattuu oomishaalee Gabaaf oolaan heedduu kanneen akka bunaa,Dammaa,mi'eessituwwan gara garaa dabalatee Yeroo ammammoo innisheetiivota misoomaa gara garaa Mootummaan diriirse kanneen Akka Ruuzii Godinichaatti heedduminaan oomishamuu eegaluun Abdii cimaa Kan namatti horu ta'uu daawwannaa kana irratti Kan ibsan Dooktar Rashaad, waggoottan Itti aananittis Hojiiwwan misoomaa gara garaa Gurguddoon Kan hojjatamu ta'uus himan.

Yeroo Ammaas Magaalaa Mattuutti Warshaan Ruuzii Guyyaatti Ruuza Kuntaala 1000 ta'u daakuun samsee gabaaf dhiyeessu hojiitti galee Jiraachuun fakkeenyummaa Guddaa imala Qonna irraa gara industiriitti ce'uuf biyyi Keenya qabattee jirtu kan mirkaneessuudhas jedhan Dooktar Rashaad,Kana Caalaattis Abbootiin qabeenyaa Gara Godina kibba lixa oromiyaa dhufuun ofiifis ta'e Biyya isaaniif bu'aa Akka buusaanif waamicha dhiyeessan.

Yeroo Ammaa Daandiin xiyyaaraa Goree Mattuu Godinichaatti ijaaramuun xumura irra gahes Carraa Daldalaafi investmantiif murteessaa akka ta'es himameera.

kabajamtoota hoedoftoota fuula miidiyaa Hawaasaa ( Facebook) Keenyaa hundaaf Guyyaa har'aa eegaalee maqaafi loogoo fuula...
21/10/2026

kabajamtoota hoedoftoota fuula miidiyaa Hawaasaa ( Facebook) Keenyaa hundaaf

Guyyaa har'aa eegaalee maqaafi loogoo fuula face book Keenya Akka armaan gadiitti Kan jijjiirame ta'uu Isin hubachiifna

Dhaabbatni Qajeelchi Maatii Itiyoophiyaa damee kibba lixa Itiyoophiyaa hawaasa fayyaan Isaa eegameef dhukkuboota daddarb...
20/10/2026

Dhaabbatni Qajeelchi Maatii Itiyoophiyaa damee kibba lixa Itiyoophiyaa hawaasa fayyaan Isaa eegameef dhukkuboota daddarboo gara garaa irraa dursee of Eeguu taasisuuf Hojiiwwan gara garaa hojjataa Jira.
***********
Onkoloolessaa 10,2019 Mattuu

Dhaabbatni qajeelcha Maatii Itiyoophiyaa (Family Guidance Association of Ethiopia (FGAE) bara 1966 tti kan hundaa'e fi tajaajila karoora maatii fi fayyaa wal-hormaataa biyyattii keessatti babal'isuun beekamudha.

Dhaabbatichi akkataa Fayyaa Wal hirmaataa ilaalchisuun leenjii qooda fudhattoota gara garaaf kennaa Jira.

Leenjii kennamaa Jiru kana irratti Itti Aanaa kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Mattuu Obbo Kabbadaa Nagaasuu fayyaan waan hundaaf murteessaa ta'uufi Hawaasni Fayyaa qabeessi of irra darbee biyyaaf iyyuu Abdii waan ta'eef Dhaabbatni kun Hawaasaa qindeessuun hojii Hubannoo uumuu irraa kaasee hojii hojjatu irratti tumsa barbaachisaa gochuun barbaachisaa ta'uu ibsan.

Dhaabbata kanaafi hojiilee isaa gurguddoon Tajaajila Karoora Maatii (Family Planning Services),Maatiifi namoota dhuunfaa karoora maatii irratti gorsa kennuu akkasumas qorichoota ittisa da'umsaa dhiyeessuu,Fayyaa Haadhoolee, Daa'immanii,Yeroo ulfaa, yeroo da'umsaa fi akkataa guddina isaanii irratti deeggarsa fayyaa Kan kennuu ta'uu qindeessaan sagantichaa Kan Kibba lixaa Itiyoophiyaa Obbo Tsaggayee Asaffaa ibsaniiruu.

Dhaabbatni kun fayyaa maatii, haadhoolee fi dargaggoota fooyyessuu irratti kan hojjatuu ta'uuf Hawaasnis hojii tajaajila hawaasummaa kennamu kanaaf xiyyeeffannoo kennuun ofiis ta'e maatii Isaa Akkasumas Hawaasni waliigalaa Fayyadama Akka ta'uu gochuun barbaachisaa ta'uu qooda fudhattootni dubbataniiru.

‘’Wiirtuu kenna  tajaajila iddoo tokkoo ‘MESOB’ irraa tajaajila si'ataa argachaa jirra’’- Jiraattota Magaalaa MattuuJira...
20/10/2026

‘’Wiirtuu kenna tajaajila iddoo tokkoo ‘MESOB’ irraa tajaajila si'ataa argachaa jirra’’- Jiraattota Magaalaa Mattuu

Jiraattonni Godina Kibba Lixa Oromiyaa Magaalaa Mattuu kanaan dura tajaajila manneen hojii mootummaa argachuuf rakkoo garaa garaaf saaxilamaa turuu eeran.

Haa tahuuti, wiirtuun kenna tajaajila bakka tokkoo ‘Mesob’ Magaalaa Mattuutti tajaajila kennuu eegaluunsaa yeroofi baasii isaanii qusachun, rakkoo kenna tajaajilaa dura ture furaafi jiraachuu dubbatan.

Keessumattuu tajaajilli isaaniif kennamaa jiru teeknoloojiin kan deeggarame waan ta'eef loogii irraas bilisa ta'uu himan.

‎Wiirtuun kenna tajaajila bakka tokko Mattuu kunis fooddaawwan 12'n tajaajiloota 125 kennaa jira kan jedhan Hojii gaggeessaa Wiirtuu kanaa Obbo Wandimaagany Magarsaati.

‎Sadarkaa Pirezdaantii Ittaanaatti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Rashaad Kamaal (PhD), mootummaan hawaasni tajaajila si'ataafi dhaqqabamaa ta'e dhiyeenyatti argatee misooma naannoo isaarraa fayyadamaa akka ta'uuf hojjachaa jira jedhan.

‎

Gurmaayinsi haaraan Tajaajila hawaasatti siqsuu qofa osoo Hin taane bu'aa qabeessummaa Gama hundaan dabaluudha.Doktar Ra...
20/10/2026

Gurmaayinsi haaraan Tajaajila hawaasatti siqsuu qofa osoo Hin taane bu'aa qabeessummaa Gama hundaan dabaluudha.Doktar Rashaad Kamaal
******************
Godina Kibba Lixa Oromiyaa Magaalaa Mattuutti sagantaan simannaa hawaasaa hoggansa olaanoo godinichaaf geggeeffameera.

simannaan Kunis qaamolee hawaasa Bulchiinsa Magaalaa Mattuu fi Aanaalee Godina kibba lixa oromiyaa kilaastera Mattuutiin kan gaggeeffameedha.

Simannaa Hooggansa Godina kibba lixa oromiyaaaf taasifame kana irratti kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Mattuu Obbo Teshaalee Ejersoo haasaa taasisaniin Hooggansa gurmaayinsa haaraan gara Godina Iluu Abbaa booriifi Bulchiinsa Magaalaa Mattuu dhufaniin baga Nagaan dhuftaan jedhanii, Gurmaayinsa haaraa Mootummaan diriirse Jijjirama qabatamaa hawaasa Keenyaaf Kan fiduudha jedhan.

Sadarkaa Hogganaa Biirootti Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Didhaa Guddataa mootummaan rakkoo kenna tajaajilaa furuuf ittidhiheenyaan hawaasa tajaajiluuf jecha riifoormii haaraa baasee jedhan.

Sadarkaa Pirezidaantii Itti Aanaatti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Doktar Rashaad Kamaal Mootummaa tajaajila si'oomsuun Diinagdee guddisuu qofa osoo hin taane Hawaasni misooma naannichaa irraa qixaan fayyadamummaa Akka ta'uuf gurmaayinsa haaraa diriirsuu dubbatsn. Kanaafis hoggansiif ogeessii kenniinsa tajaajilaa fooyyessuun rakkoo bulchiinsa gaarii furuun jijjiirama hawaas-diinagdee fiduuf hojjechuu qabaa jedhan.

Address

Metu

Telephone

+251474411703

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tajaajila Komunikeeshiinii Magaalaa Mattuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share