Abraham Tarikuu

Abraham Tarikuu Filiph 3:8

Dhuguma iyyuu gooftaa koo Kristos Yesusin beekuun hundumaa irra waan caaluuf, ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaa'a; Kristosin bu'aa koo godhachuudhaaf kun hundinuu anaaf waan gatame ta'eera; akka kosiittis isa lakkaa'eera.

25/03/2026
25/03/2026

!
Guutuun isaa gadhiifameera.Hiriyyoota keessaniifis share godhaa.

25/03/2026

!
Guutuun isaa gadhiifameera. Hiriyyoota keessaniifis share godhaa.

**"Maariyaam araarsituu miti"** Ragaalee Macaafa Qulqulluu irratti hundaa’uun, "Araarsaan" (Gidduu-dhaabbataan) Waaqayyo...
23/03/2026

**"Maariyaam araarsituu miti"**

Ragaalee Macaafa Qulqulluu irratti hundaa’uun, "Araarsaan" (Gidduu-dhaabbataan) Waaqayyoo fi nama gidduu jiru Iyyasuus Kiristos qofa

Ragaaleen Macaafni Qulqulluun dhimma kana irratti akka armaan gadiitti cuunfama:

# # # 1. Iyyasuus Kiristos Gidduu-dhaabbataa Tokkichaa Dha
Ragaan inni guddaan kutaalee Macaafa Qulqulluu keessatti "Araarsaan ykn Gidduu-dhaabbataan tokko qofa" jedhu dha:
> **1 Ximotewos 2:5:** "Waaqayyo tokko, gidduu-dhaabbataan Waaqayyoo fi nama gidduu jirus tokko; inni immoo Kiristos Iyyasuus isa nama ta’ee dha."

Akka caqasa kanaatti, fayyina argachuufis ta’e gara Abbaatti dhihaachuuf karaa biraa ykn nama biraa gidduu jiru hin jiru

# # # 2. Araarsummaa Hafuura Qulqulluu fi Kiristos
Macaafni Qulqulluun Iyyasuus fi Hafuurri Qulqulluun qofatti akka nuuf kadhatan (araarsan) dubbata:
* **Iyyasuus:** "Inni mirga Waaqayyoo jira, nuufis ni kadhata." (**Roomaa 8:34**)
* **Hafuura Qulqulluu:** "Hafuurichi immoo dhiphuu dubbiin ibsamuu hin dandeenyeen nuuf kadhata." (**Roomaa 8:26**)

# # # 3. Ga'ee Maariyaam Akka Macaafa Qulqulluutti
Warri "araarsituu miti", ga'ee ishee akka armaan gadiitti
* **Haadha Filatamtu** Maariyaam dubroota hunda keessaa eebbifamtuu fi qulqulleettii Iyyasuusiin deessuuf filatamte dha (**Luqaas 1:28**).
* **Fakkeenya Amantii:** Isheen "Akka dubbii keetiitti naaf haa ta'u" jettee amantiin waan fudhatteef fakkeenya amantootaa ti.
* **Amantii Ishee:** Maariyaam ofiifiyyuu "Fayyisaa koo" jettee Waaqayyoon galateeffatteetti (**Luqaas 1:47**), kunis isheenis fayyina Kiristos biraa dhufeetti akka amantu agarsiisa.

---

# # # Garaagarummaa Hubannoo "Araarsummaa"
Macaafni Qulqulluun amantoonni lafa irra jiran walii isaaniitiif akka kadhatan ni ajaja (1 Ximotewos 2:1). Haa ta'u malee, garaagarummaan jiru:
1. **Pirootestaantii:** Kadhannaan "araarsummaa" namoota jiran gidduutti ta'uu qaba; warra boqotan (Maariyaam dabalatee) kadhachuun ragaa Macaafa Qulqulluu hin qabu.

19/03/2026

"AJANDAA WAAQAYYOO ISA GUDDAA"

✍️ Namoonni gaafa rakkatan, waan hundinuus yeroo bitaa itti galu, kallattii adda addaanis yeroo jireenyi wal'aansoo qofaan guutu "Maal Waaqayyo ani mucaasaati mitii? akkasitti gobaxaa'ee jiraachuun koo kuni, gadadummaan koo kuni isatti tolaa laata?" jedhanii miira dhipinaan guuteen gaaffii gaafatu!😥

📌 Dhugaadha! Waaqayyoo mucaansaa jireenya gaddaan, dhipinaan, rakkinaan, wal'aansoo fi gadadoon guute yeroonni jiraatu ilaalee garaan isaa hin ciisu.
👉 "Kaayyoon koo galma ga'eera!" jedhees isa hin gammachiisu.
Sababni isaa Waaqayyoo miti.😊

📌 Bifuma wal-fakkaatuun Waaqayyo yeroo jireenyi mucaasaa qannoo fi bashannanaan kan guute tahu, jireenyis irraa hafeefii, mucaansaa mana mooraa bal'aa ijaarratee, mooricha keessammoo konkolaataa hiriirsee, mucaansaa mana keessaa cooma muraachaa, bookammoo unachaa jiraatu argees garaan isa hin ciisu- hin ililchus!
Waaqayyo "Woow! Amma jireenyi mucaa kootii wal-qixxaateeraaf, akkan karoorseefittis galma gaheeraaf!" jedhees hin utaalu!
👉Sababni isaa Waaqayyo miti waan taheef!😊

📌 Waaqayyoo nu ilaalee yoom garaan isaa ciisaa? Yoomis ililcha? Gaafa nuti Konkolaataa bitannu moo gaafa nuti gatii taaksii dhabne lafa deemnu? Gaafa nuti mana ijaarannee itti gallu moo gaafa nuti kiraayii manaalle kaffalachuu dadhabnee liqiif hiriyyaatti bilbillu? Yoomi mee?
👉 Waaqayyoo nu ilaalee kan inni ililchu, garaan isaas kan gammadu, gaafa sanas, gaafa kanas miti!

🔥 Waaqayyoo waa'ee keenyaaf ajandaa tokkittiitu isa dhiba! Ajandicha qofaatus teessoorra isa kaasa!
Innis "Mucaan koo ilma koo Yesuus Kristoosiin fakkaachuutti guddachaa jira moo hin jiru?" isa jedhuudha.

📖Rom. 8: 29
“Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate, fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe.”

👉 Isa kaleessaa caalaa Kristoosiin fakkaachaan jirra taanan garaan Waaqayyoo ni ciisa! Isa kaleessaa caalaa yoo hammaannemmoo garaan Waaqayyoo ni gadda!

➡️ Yesuus Kristoositti Amanuu Jechuun ?Mana amaanta jijjirrachu miti Akkuma macaafni qulqullun dubbatu1,Jijjirra Eenyuum...
24/12/2025

➡️ Yesuus Kristoositti Amanuu Jechuun ?
Mana amaanta jijjirrachu miti Akkuma
macaafni qulqullun dubbatu
1,Jijjirra Eenyuummati
Kana jechuun Namumma isa moofaa ykn addamumma
isa jalqaba irra gara Namumma isa haaraa kan
kristoos yesuusitti jijjirrachu jechudha
2 Qorontos 5:17
2, Jijjirra Motummaati
Jalqaba motumma dukkana ykn motumma seexana
jela kan turre yesuus kristoosin gara motumma
ifaa ykn motumma yesuus Kristoositti jijjirrachu jechudha
Qolasaayis 1:13
3,Du'a barabara irra gara jireenya
barabaratti darbuu jechuudha
Kanaf yesuus Kristoositti Amanuu Jechuun
Yohannis 3;36
1 Jijjirra Eenyuummati
2 Jijjirra Motummaati
3 Du'a barabara irra gara jireenya
Barabaratti darbuu jechuudha

24/12/2025

⌛️Har'as Deebi'uun Ni Danda'ama!

🔶 Kiristiyaanonni tokko tokko waa'ee dadhabbii isaanii har'aaf jedhanii, Waaqayyo na dhiiseera jechuun dafanii abdii kutatu. Kun garuu dogoggoradha. Seexanaafis karaa ta'uudha.

🔷 Waaqayyo dadhabuu keenya caalaa, dadhabbii keenya irraa gara isaatti deebi'uu dhiisuu keenyatti gadda. Waaqayyo gaafa nu jaallatu, nu balleessuuf miti. Haa Jiraannuuf malee. Hanga nuyi dadhabbii keenya irraa deebinuttis amanamummaa jaalala isaatiin araara nuuf gochuuf nu eega.

🔶 Obbolootako Harki Gargaarsa Waaqayyoo Har'as nuuf banaadha! Cubbuun, Fedhi foonii, Hawwi Biyya lafaa Aangoon Isaa Harkaa fuudhameera; Jireenya keenya irratti humna hin qabu. Deebinee ka'uu ni dandeenya; Bakka Kufnetti, Dadhabbiin kufnee hin hafnu! Barruu Gooftaa keenyaa isa Gaaddisa nuuf ta'u, Isa nutti tolu sana jalatti deebi'uufis carraa qabna!.

🔷 Dadhabbii Keessa Jirtuu? Gara Gooftichaatti deebi'aa! Yaada Garaa Keessanii Fuula isaatti lolaasaa! Araaraaf gara Teessoo isaa isa Ayyaanan guutuutti dhi'aadhaa! Yeroo kana Gammachuun Qabeenya Keessan; Boqonnaanis Soorata Keessan isiniif ta'a.

✨Ibroota 4:16
Yeroo barbaachisetti akka nu gargaaruuf araara isaa fudhachuudhaaf, ayyaana isaas argachuudhaaf, kottaa ija-jabinaan gara teessoo Waaqayyoo isa ayyaanaan guututti in dhi'aannaa.

✨1 Yohaannis 1:9
Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.

Address

Godinaa Waalagaa Bahaa
Nekemt

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abraham Tarikuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share