Saved By Grace

Saved By Grace Filiph 3:8

Dhuguma iyyuu gooftaa koo Kristos Yesusin beekuun hundumaa irra waan caaluuf, ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaa'a; Kristosin bu'aa koo godhachuudhaaf kun hundinuu anaaf waan gatame ta'eera; akka kosiittis isa lakkaa'eera.

obbolotaa koo bayyeen isin jaladhaa baruumsaa waaee Yesuus hamman baradhee isinif waanan qoduuf     Naa godhaa
20/09/2026

obbolotaa koo bayyeen isin jaladhaa baruumsaa waaee Yesuus hamman baradhee isinif waanan qoduuf
Naa godhaa

Barsiisuun waan guddaa waan ta'eef, dubbiin kee dhugaa fi qulqulluu ta'uu qaba🤔🤔
03/09/2026

Barsiisuun waan guddaa waan ta'eef, dubbiin kee dhugaa fi qulqulluu ta'uu qaba
🤔🤔

29/08/2026

Ani cubbamaa, Waaqayyo qulqulluu duratti guutummaatti kan hin malle, ayyaana qofaan kan fayye Yesus Kiristoositti amane. Abraham Tarikuu

21/08/2026

With Saved By Grace – I just made it onto their weekly engagement list by being one of their top engagers!

12/08/2026

wow 👌 Abraham Tarikuu Tolawak Wakwaya Abiree Dabalaa Obsa Dabala Kumee AGumaa Moti Ibsa Ãßrîsh Pç Mãñ Degaga Wakuma Lati Tashome Seenaa Oromoo Tarike Aguma

3️⃣ HAFUURNI AYYAANA KEESSATTI GAGGEESSA 📖 Lakkoofsa: Tiitoos 2:11-12 Hafuurri Qulqulluun amma amantoota akkamitti ayyaa...
10/08/2026

3️⃣ HAFUURNI AYYAANA KEESSATTI GAGGEESSA
📖 Lakkoofsa: Tiitoos 2:11-12
Hafuurri Qulqulluun amma amantoota akkamitti ayyaana jala akka jiraatan bara Ayyaanaa keessatti barsiisa.

🔹 A. ​​Hafuurri Amantoota CHAAPPESSAA(mallatteessa)
📖 Efesoon 1:13
Amantoonni Wangeela erga amananii booda chaappeffaamu(mallatteeffamu).
Chaappaan kun jireenyaa bara baraatif wabii ta’a.
Hafuurri akka qabeenya Waaqayyootti nu mallatteessa.
🔹 B. Hafuurri Qaama Tokkotti CUUPHAA
📖 1 Qorontos 12:13
Cuuphaan hafuuraa amantoota gara Kiristoositti guddisa.
Kun “cuuphaa tokkicha” Efesoon 4:5.
Innis kan hafuuraati malee kan sirnaa miti.
🔹 C. Hafuurri Nama JABEESSA
📖 Efesoon 3:16
Hafuurri jireenya qulqulluuf humna kenna.
Ayyaanni jireenya injifannoo barsiisa.
Guddinni hafuuraa humna Waaqayyoo irraa argama.
🔹 D. Hafuurri Barumsa Gaarii BARSIISA
📖 1 Qorontos 2:13
Hafuurri Caaffata Qulqullaa'oo sirritti ibsa.
Dhugaa Iccitii barsiisa.
Inni amantoota gara dhugaa ayyaanatti ni qajeelcha.
🔹 E. Hafuurri Jireenya Waaqayyoo OMISHAA
📖 Galaatiyaa 5:22-23
Ayyaanni cubbuu hojjechuuf hayyama miti.
Hafuurri amantoota keessatti firii ni argamsiisa.
Ayyaanni garaa fi jireenya jijjiira.
🪔
📌 Xumura

Waaqayyo Sadan tokkummaa fayyinaa fi jireenya hafuuraa keenya keessatti guutummaatti hirmaata.
Abbaan ayyaana karoorfate.
Ilmi ayyaana Mul’isa .
“Bakka cubbuun baay’atutti, ayyaanni baay’ee in baay’ate.” — Roomaa 5:20 Amen
Warii kutaa 2ffaa fi 1ffaa hin dubisne demaa dubisaa

Kutaa 2ffaa  2️⃣ ILMI WANGEELA AYYAANA KENNE 📖 : 2 Qorontos 8:9 Gooftaan Iyyasuus Kiristoos mul’ata ayyaana Waaqayyooti....
07/08/2026

Kutaa 2ffaa

2️⃣ ILMI WANGEELA AYYAANA KENNE
📖 : 2 Qorontos 8:9
Gooftaan Iyyasuus Kiristoos mul’ata ayyaana Waaqayyooti. Du’a, awwaalchaa fi du’aa ka’uu isaatiin ayyaanni dhala namaa bira ga’eera.

🔹 A. ​​Kiristoos Dhufaatii Isaatiin Ayyaana MULISE
📖 Yohaannis 1:17
“Seerri Museedhaan kenname, ayyaannii fi dhugaan garuu Yesus Kristosiin argaman.”


Kiristoos garaa Waaqayyoo mul'ise.
🔹 B. Kiristoos Dhiiga Isaatiin Nu FURE
📖 Efesoon 1:7
“Akka badhaadhummaa ayyaana isaattis Kristos dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu isaatiin furamuu, dhiifamuu cubbuus qabna.”

Furiin dhiiga isaa qofaan.
Dhiifamni akka badhaadhina ayyaanaati.
Fayyinni Kiristoos keessatti guutuudha.
🔹 C. Kiristoos Hojii Fayyinaa XUMURE
📖 Yohaannis 19:30
“Dhumameera” jechuun kaffaltiin xumurame jechuudha.
Hojiin amantii kamiyyuu Kaalvariitti dabaluu hin danda’u.
Ayyaanni hojii Kiristoos xumurame irratti boqota.
🔹 D. Kiristoos Yihudii fi Ormoota ARAARSE
📖 Efesoon 2:14-16
Dallaan gidduu jiru caccabee ture.
Namni haaraan tokko Kiristoos keessatti uumame.
🔹 E. Kiristoos Mataa Waldaa ta'ee BU'AA
📖 Qolosaayis 1:18
Kiristoos Mataa Qaamaati.
Amantoonni hooggansa ayyaana isaa jala jiraatu.
Kutaa 3ffaa ....
3️⃣ HAFUURI AYYAANA KEESSATTI GAGGEESSA(Hafuurri Ayyaana Barsiisa)

📖 TAJAAJILA AYYAANA SADAFFAA “Abbaan Ayyaana Kenna, Ilmi Ayyaana Mul’isa, Hafuurri Ayyaana Barsiisa” 📜 Seensa Ayyaanni b...
05/08/2026

📖 TAJAAJILA AYYAANA SADAFFAA

“Abbaan Ayyaana Kenna, Ilmi Ayyaana Mul’isa, Hafuurri Ayyaana Barsiisa”

📜 Seensa

Ayyaanni barumsa qofa miti — hojii waaqummaa Waaqa Sadan tokkummaa cubbamoota hin malle irratti hojjetudha. Dhugaa Baraa keessatti ayyaanni guutummaatti mul’ata Iccitii Qaama Kiristoos ilaalchisee Ergamaa Phaawulosiif kennameen (Efesoon 3:1-9). Abbaan ayyaana karoorfate, Ilmi ayyaana mul'ise, Hafuurri Qulqulluun amma amantoota ayyaanaan akka deddeebi'an barsiisa.
“Ayyaanaan amantiidhaan fayyite...” — Efesoon 2:8 (KJV)
Har'a hojii tokkummaa Waaqummaa Bara Ayyaanaa keessatti ni ilaalla. 🙌

1️⃣ ABBAAN AYYAANA KENNA
📖 Efesoon 1:4-6
Abbaan madda fi karoora ayyaanaati. Fayyinni kan jalqabe carraaqqii namaatiin osoo hin taane kaayyoo Waaqayyoo isa bara baraati.

🔹 A. ​​Ayyaanni Isaa Addunyaa Dura KARROORFAME
📖 2 Ximotewos 1:9
Ayyaanni osoo hin jalqabin kaayyoo qaba ture.
Waaqayyo dursee namni akka kufu beeka ture.
Fannoon balaa(TAASA) osoo hin taane beellama ture.
🔹 B. Ayyaanni Isaa Karaa Kiristoosiin DHIYAATE
📖 Roomaa 3:24
Abbaan fayyina tola dhiyeesse.
Ayyaanni hojiidhaan bitamuu hin danda’u.
Qajeelummaan kennaa malee badhaasa miti.
🔹 C. Ayyaanni Isaa Hundaaf KAROOFAME
📖 Tiitoos 2:11
Ayyaanni Yihudii fi Ormootaaf Qaama tokkoon ni argama.
Barri Ayyaanaa saboota hundaaf fayyina mul’isa.
Waaqayyo namni kamiyyuu akka badu fedhii hin qabu.
🔹 D. Ayyaanni Isaa Kiristoos Keessatti EEJJANNOO UUMSA
📖 Efesoon 2:6
Amantoonni bakka samii keessa taa’anii jiru.
Jaallatamaa keessatti fudhatama arganna.
Dhaabbanni keenya Kiristoos keessatti mirkanaa’aadha.
🔹 E. Ayyaanni Isaa NAGAA Wabii ta'a
📖 Roomaa 5:1-2
Ayyaanni Waaqayyoo wajjin nagaa kenna.
Kana booda Kiristoos keessatti balaaleffannaan hin jiru.
Amantoonni amma ayyaana keessa dhaabbatu.
🪔 Fkk:
Abbaan jaalalaa 1chaa mucaa isaa gonkumaa kenuf hin dandeenye kaffaluun jaalalaa Waaqayyo Abbaan cubbamootaaf qabu agarsiisa. KUTAA 2FFAA ITTI FUFA

Address

Godinaa Waalagaa Bahaa
Nekemt

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Saved By Grace posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share