08/05/2025
Waamicha Deggersaa:
Barattoota fiildii Barsiisummaa fi Fayyaa Barataa Jiran Hundaaf
Akkuma beekamu, rakkoolee adda addaa akka kaffaltii miindaa gadi-aanaa fi kabajaa dhaban ilaalchisee, barsiisotaa fi ogeeyyii fayyaa mudataa jiru yeroo dheeraaf bal’inaan himamaa fi falmamaa ture. Rakkoo jiru kana furuufis, miseensonni kutaa hawaasaa kanaa fincila nagaa fi murannoodhaan gaggeessan, mirga isaanii kabachiifachuuf sochii cimaa taasisaa jiru.
Barattoonni keenya, warreen yeroo ammaa kana gara tajaajila uummataa fi hojii dhugaa deemaa jiraniif qophaa’aa jirtan, rakkoo barattoota isiniin dura turan fi hojii irra jiran mudataa jiru kana hubachuun, sochii isaanii keessatti hirmaachuun dirqama lammummaa fi nama tokkummaa qabu akka ta’e ni amanna.
Kanaafuu, barattoonni fiildii barsiisummaa fi fayyaa barataa jiran, sochii haqaa fi mirgaa kana irratti:
Deggarsa moralawaa fi hawaasummaa akka taasisan,
Gaaffii haqaa fi mirga hawaasa tajaajilaa jiruuf sagalee ta’uun,
Diina guddicha – haqa dhabamaa jiru – dura dhaabbachuun qooda isaanii akka bahatan ni gorfama.
Barsiisonnii fi ogeeyyiin fayyaa kabajaa fi eegumsa isaan irra eegamu argachuu qabu. Barattoonni ammoo, hojii kana keessa seenuf qophaa’aa jiran waan ta’aniif, gaaffii har’a ka’u deggaruun boru ofiifis karaa sirrii dhaabuudha.
Sochii sirna qabeessa, nagaa fi seera kabajuun gaggeeffamu keessatti barattoonni hirmaachuun ni abdachiisa, ni kabaja, ni jabeessa.
“Rabbiin haqaa fi tokkummaa jaallatu haa dursu.”