31/10/2023
Dhukkuba Gifiraa (Measles)
Gifirri dhibee daddarbaa vaayireesiidhan dhufudha. Dhibeen kun nama kamiyyuu kan miidhu ta’ee, caalmattii garuu daa’imman irratti heddumata.
Mallattoolee Dhukkuba Gifiraa
• Hoo’ina qaamaa , Qufaa/Ukaa
• Dhukkubbii ijaa/diimachuu ijaa , Dhangala’aan funyaaniin ba’uu
• Shiftoo fuularra eegaluun gara kutaa qaama birootti babal’atu
Rakkoo fayyaa wal xaxaa dhukkuba kanaan walqbatee dhufan/complications/:
• Duudummaa, jaamummaa, of wallaaluu, miidhama sammuu, rakkoo afuura baafannaa, garaa kaasaa yeroo dheeraa fi madaa’uu afaanii fa’aadha.
Karaalee Gifirri Ittiin Daddarbu
• Kallattiin dhukkubsataan yeroo qufa’u, dubbatu fi haxxiffatu
• Tuttuqqii nama dhukkubsate fi meeshaalee inni fayyadame irraan
• Qilleensaan vaayireesichi gara nama fayyaatti darbuu danda’a
Tooftaalee ittisa dhukkubichaa
• Talaallii farra Gifiraa(Measles vaccine) marsaa lamaan ji’a 9 fi15 tti fudhachuu
• Vaayitamin A fudhachuu , Qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguu
• Tuttuqqii dhukkubsataa irraa of eeguu fi
• Nama mallattoo dhukkubicha qabu dafanii gara dhaabbata fayyaa geessuu