20/05/2026
Dargaggootni Ulaagaa Kana Guuttan Carraa kana Fayyadamaa.
✍️ Beeksisa Qaxarrii Ogeeyyii Jalqabaa 1000 qaxaruuf Biiroon Galiiwwan Oromiyaa Akkaataa Armaan Gadiitti Baasee Jira.
1.Ulaagaawwan isaa fi bakka galmee sirriitti dubbisaa.
2.Galmeen giddu gala ibsame(Biiroo Galiiwwan Oromiyaa,Waajira Galiiwwan Godinaalee,Magaalota,Aanaaleefi Kutaa Magaalaa)mararratti Guyyaa 13-09-2018 irraa eegalee guyyootaa hojii 7 walitti aanan keessatti yeroo ta'u, galmeen sa'atii hojiittidha.
3. Namni tokko yeroo tokko qofa giddu gala tokkotti galmaa'a.
Maddi:- Biiroo Galii Oromiyaati.