28/12/2025
Wajjiraa Fayyaa Aanaa Gubbaa Qorichaa
****************************************
Muddee 19/2018 Wajjirii fayyaa Aanaa Gubbaa Qorichaa Yaa’ii Waliigalaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Gaggeesse.
Godina Harargee Lixaa, Aanaa Gubbaa Qorichaati fayyadamummaa hawaasaa roga hundaan jiru mirkaneessuu fi tajaajila fayyaa qulqulluu hawaasaaf dhaqqabsiisuuf, Guyyaa har'aa Yaa’iin Waliigalaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa (IFH) akkasumas Sagantaan Sosochii TSEDU Gubbaa Qorichaa fi Sagantaan Sossochii Tumsa Dhaabbilee Fayyaa Bu’uuraa (EPAQ) dhimmoota Aanaa Ceesisuu wal qabatuu irraati haala miidhagaa ta’een bakka hoggansii ol'aanaa Aanaa,Hoggansi ol'aanaa Gandoota,Hojjattota eksiteeshini fayyaa ,Oggeessa Buufata fayyaa fi oggeessota mgt wajjiraa fayyaa hundi argamaniti gaggeeffameera.
Fayyaan faaya Horaa Bulaa.