Shakiso Town Administration Education Office

Shakiso Town Administration Education Office Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Shakiso Town Administration Education Office, Government Organization, Oromia Region.

11/06/2025

!
Waajjirri Barnootaa Bul. Mag. SHAAKKISOO Milkaa'inaan xumuramuu Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaafi Kutaa 8ffaa Bara 2017 irratti Qooda fudhattoota Galateeffate.
--------------------
Waxabajjii 04/2017
Shaakkisoo
Waajjorri Barnoota Bul. MAG. Shaakkisoo Nagaafi Tasgabbiin xumuramuu Qormaata Naannoo Xumura Barnootaa Sad. Giddu Galeessaa Kutaa 8ffaa har'a xumurameefi Qormaata Xumura Barnootaa Sad.1ffaa Kutaa 6ffaa torban darbe xumurame ilaalchisee qaama milkaa'ina kanaaf gahee olaanaa taphatan hunda galateeffateera.

Qormaatni kutaa 8ffaafi 6ffaa barattoota kuma 3 ta'an, buufata/wiirtuu 3 keessatti marsaa lamaan kennamaa ture har'a 04/10/2017 milkaa'ina hunda galeessaa ta'e galmeessisuun Nagaa fi Tasgabbiin xumurameera.
Kunis barattoota waliigala kutaa 6 ffaa fi kutaa qormaataaf galmaa'an 3185 keessa dhiira 1369 Dub 1634 Ida'ama 3003 manneen barnootaa 12 irraa walitti babba'anii milkaa'inaan qormaata xumuruu isaanii gammachuu guddaa qabaachuu keenna ibsina.

Galma gahiinsa kanaaf haawasa keenya dabaltee;
Nageenyaa sadarkaan jru, keessattuu,
• Qajeelcha poolisii Bul. Mag. Shaakkisoo,
• Barsiisota,
• hoggansa MBfi Supparvaayizaroota,
• Gumii Tiraansifoormeshinii Barnootaa sadarkaan jiran hundi,
• Maatii barattootaa,
• Barattoota qormaata fudhatan hunda,
• Hawaasa barnootaa hunda,
• Hoggansaa sadarkaan jiruu fi ogeessa barnootaa Magaalaa keennaa fi waliigalatti qooda fudhattoota hunda Galateeffateera. GALATOOMAA !!

Milkaa'ina qormaata Naannoo irratti galmeessifne kana qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2017 irrattis akka lammeeffannu ammas gurmuu tokkoon akka xumurru deeggarsi dhimmamtootaa akka itti fufu dhaamanna.

Xumurarratti Qormaatni Biyyoolessaa Xumura Barnoota Sad. 2ffaa Kutaa 12ffaa Bara 2017 , Waxabajjii 23 hanga Adoolessa 08/207 Kan Kennamu Ta'uu yaadachiifna.
!

Bulchiinsa Magaalaa Shaakkisootti Qormaatni Xumura Barnoota Sad.1ffaa Kutaa 6ffaa  Nagaafi Tasgabbiin Xumurame.---------...
04/06/2025

Bulchiinsa Magaalaa Shaakkisootti Qormaatni Xumura Barnoota Sad.1ffaa Kutaa 6ffaa Nagaafi Tasgabbiin Xumurame.
-------------‐-----------------------------------------
Caamsaa 27/2017 Guutuu Naannnoo Oromiyaatti qormaatni naannoo xumura barnoota sad. 1ffaa kutaa 6ffaa bara 2017 guyyaa lamaaf (26_27/09/2017)tti kennamaa turuun isaa ni beekkama.
Bu'uuruma kanaan akka Buchiinsa Magaalaa Shaakkisootti wiirtuu qormaataa 3 keesaatti barattoota manneen barnootaa 14 irraa walitti babba'an barattoota 1407f kennamaa ture karaa nagaafi tasgabbii qabuun goolabameera.

Milkaa'ina kanaaf qaama jalqabaa hanga xumuraatti hirmaataa turan Hoggansa Magaalaa keennaa, Poolisootaa fi Qaamolee nageenyaa, Barsiisotaa fi Ogeeyyii Barnootaa hubda maqaa waajjira barnoota Bulchiinsa Magaalaa Shaakkisootii fi Maatii barattootaatiin galateeffateera.
Barattoota teennaaf immoo firii bu’a qabeessa akka te'uuf shakkii malee hawwina.

Waajjirri Barnoota Bul. Mag. Shaakkisoo Qormaata Naannoo fi Biyyoolessaa Kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaaf Qophiin xumuramaa...
16/05/2025

Waajjirri Barnoota Bul. Mag. Shaakkisoo Qormaata Naannoo fi Biyyoolessaa Kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaaf Qophiin xumuramaa jira.

Caamsaa 08/2017:
Waajjirri Barnootaa B/M/Shaakkisoo Qormaata Naannoo kutaa 6ffaa fi 8ffaa ilaalchisuun Qophii taasisaa jiraachuu ibsina.

• Qormaata Naannoo xumura barnoota sad. 1ffaa kutaa 6ffaa: Barattoota baay'inni isaanii 1510 Manneen Barnootaa 14 keessatti barachaa turaniif kilaastera 3tti qoodee qoruuf qophii xumuraa jira
• Qormaata Naannoo xumura barnoota sad. G.G kutaa 8ffaa: Barattoota Baay’inni isaanii 1736 Manneen Barnootaa 12 keessatti barachaa turaniif kilaastera 3tti qoodee qoruuf qophiin taasifamaa jiraachuu fi
• Qormaanni seensa Yuuniversitii xumura kutaa 12ffaa Barattoota 861 Manneen Barnootaa 2 keessatti barachaa turan qorsiisuuf qoohii ta'uu ibse
Walumaagalatti, barattoota kutaa 6ffaa fi 8ffaa 3246 Qormaata naannoo kan fudhatanuu barattoota kutaa 12ffaa 861 ta'an qorsiisuuf haalduree barbaachisu xumuramaa jiraachuu ibsina. Akkaataa sagantaa Qormaataa Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksisetti
1) Kutaa 6ffaa guyyaa 26-27/09/2017fi
2) Kutaa 8ffaa 03-04/10/2017 ta'uu beekuun Qaamoleen qooda fudhattoota ta'anii fi barattootnis dursanii akka qophaawan dhaamna. Haaluma walfakkaatuun guyyaan qormaata Biyyaalessaa seensuma Yuniversiitii fi xumura kutaa 12ffaa
1) NS Wax.23_25 fi
2) SS Adoolessa 1-3 qormaata kennuuf qophii xumuramuu ibsaa msatiin barattootaa, barattootaa fi qooda fudhattootni hundi akka qophooftan yaadachiifna.

'ol, Qormaatni Karaa fayya qabeessaa fi naamusa gaariin kennamee akka xumuramu caasaan sadarkaan jiratan hundi gumaacha keessan akka taasiftan waamicha dhiyeessina

GAARII!!!
Waajjira Barnootaa Bul/Mag/Shaakkisoo
Caamsaa 2017
Shaakkisoo
========

Address

Oromia Region

Telephone

+251930529034

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shakiso Town Administration Education Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share