07/09/2026
Qaammee 2 : Olka’iinsa!
==
Mootummaan Paartii Badhaadhinaatiin durfamu, jijjiirama siyaasaa bara 2010 dhufe hordofee, fedhii fi dheebuu uummanni bu’uuraalee misoomaaf qabu deebisuuf xiiqiin hojjechaa tureera. Jijjiiraman dura gaaffiiwwan misoomaa uummata biraa ka'u tursiisuuf waadaa sobaafi maqaa pirojektii siif ijaarra jedhuun dhagaa bu'uuraa kaa'amaa ture hambisuun hojii qabatamaafi pirojektoota fayyadamummaa uummataa qabatamaan mirkaneessan ijaaruun jajaajilaaf banaa taasisuutti ceesisee jira.
Waggoota muraasa keessatti hanqinaalee fi cabiinsi gama kanaan turan wal'aanamuun pirojektoonni xixiqqaa hanga gurguddaatti Ariitii, Qulqullinaa fi Baay’inaan ijaaramani tajaajilaaf banaa ta’anii jiru.
Keessattuu, pirojektoonni gurguddoon akka Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa, Misoomni kooridarii fi paarkiwwan gurguddoon sagantaa Maaddii Biyyaaf jedhuun ijaaramaa turan akkasumas pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa biroo, dandeettii raawwachiisummaa biyya keenyaa guddisuufi gaaffii misoomaa uummatni biyya keenyaa waggoota dheeraaf kaasaa ture deebisuu keessatti gahee olaanaa taphataniiru.
Pirojektoonni kunneen bu’aa misoomaa qofa osoo hin taane, maqaa fi dhageettii Itoophiyaa sadarkaa Addunyaatti olkaasaa jiru.
Dandeettiin biyya tokkoo pirojektoota gurguddaa karoorsuu, qabeenya ishee gurmeessuun raawwachuufi hojiiwwan bu’aa dhalootaaf turan raawwachuu danda’uun madaalama. Pirojektoonni kunneen, Itoophiyaan biyya pirojektoota gurguddoo ofiin karoorsuu fi raawwachuu dandeessu, carraa fi invastimantii haaraa uumuu akkasumas, biyya hirkattummaafi gargaarsa malee guddina ishee saffisiisuu dandeessu akka taate Addunyaa barsiistee jirti.
Ijaarsi pirojektoota haaraa, warshaa xaa’oo, Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu, Misoomni humna Niwukilaraafi Gaazii uumamaa akkasumas hojiiwwan misoomaa biroo, dandeettii biyya keenyaa gara sadarkaa haaraatti ceesisuu akka danda'an tarkaanfiiwwan akeekaa jiraniidha.
Pirojektoonni kunneen maqaa Itoophiyaa ol kaasuu, dhageettii ishee guddisuu fi gahee isheen waltajjii addunyaa irratti qabdu olkaasuu keessatti shoora olaanaa ni qabaatu.
Milkaa’inootni kunis rakkoolee keessoo wal xaxaa biyyattiitti waggoota lakkoofsisaniifi dhiibbaa addunyaa hedduufi ulfaatoo dandamachuun kan argamaniidha. Qormaata muudate hunda carraatti jijjiiruun injifannoo argameedha.Ammas humna, qabeenyaafi carraa jiru hojiirra oolchuun imala olka’iinsaa itti fufsiisuun barbaachisaadha.