Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa, Government Organization, Qarsa.

Aanaa Qarsaa keessatti seera yakkaa fi
imaammata sirna haqaa yakkaa
kabachiisuu, mirga namoomaa fi
bilisummaawwan bu'uuraa
lammiiwwani kabajuu fi kabachiisuu fi
dantaa mootummaa fi uummataa
eegsisuudhaan Olaantummaa Seeraa
mirkaneessuu...

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa biqiltuu kunuunseeti jira. // // // // // // // // // // // // // // // // // //   ...
04/09/2026

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa biqiltuu kunuunseeti jira.
// // // // // // // // // // // // // // // // // //
Harargee Bahaa Aanaa Qarsaatti Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa Hagayya 29/2019 biqiltuu kana dura dhaabee ture sadarkaa irra jiru daawwatee jira.

04/09/2026

โš–๏ธ "Mana kiyya keessatti Baabura Midhaanii (Wafco) dhaabadhee hojjechiisuun mirga kiyya!" Jechuun ni danda'amaa? Seerri maal jedha? โš–๏ธ

Hawaasa keenya kabajamoofi jaallatamoo, baga nagaan gara fuula Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaatti dhuftan.

Har'a dhimma yeroo baay'ee hawaasa keessatti walitti bu'iinsa uumuu fi gaaffii kaasu tokko gadi fageenyaan ilaallee isiniif ibsina. Fakkeenyaaf, namni tokko mana jireenyaa dhaaba (dallaa) waliinii mana nama biroo waliin qabu keessatti, "Mana kiyya waan ta'eef mirga guutuun qaba, baabura midhaanii (wafco) mana kiyya keessatti galcheen dhaabadha" yoo jedhe, seeraan fudhatama qabaa? Ollaan jireenya nagayaa fi tasgabbii barbaadu hoo mirga akkamii qaba?

Deebiin isaa gabaabaan: LAKKI! Namni tokko mirga qabeenya kiyya irratti nin qaba jedhee jireenya nagayaa kan ollaa isaa jeequu hin danda'u.
Mee sababoota seeraa dhimma kanan wal qabatan haa ilaallu:

1. ๐Ÿ›‘ Mirgi Abbaa Qabeenyummaa Daangaa Qaba! Dhugaa dha, namni tokko qabeenya isaa irratti mirga qaba. Garuu, mirgi kun yeroo mirga nama biraa miidhuu eegalu ni daanga'a. Seerri Siviilii Itoophiyaa (Kw. 1225 fi 1226) akka ifoomsutti, abbaan qabeenyaa kamiyyuu gocha jireenya ollaa isaa jeeqan (fkn: sagalee guddaa fi jeequmsa) uuman raawwachuu hin danda'an. Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi Ijjibaataa (Galmee Lakk. 57044) irratti murtee dirqisiisaa kenneen, "Mirga abbaa qabeenyummaa qabaachuun, mirga namoota biroo miidhuuf/jeequuf hayyama namaaf hin kennu" jedhee hiikkoo seeraa kennee jira.

2. ๐Ÿงฑ Dhaaba Waliinii (Shared Wall) fi Miidhaa Qabatamaa Manni keessan dhaaba tokko qofa yoo ollaa keessan waliin qabaate, seerri (Kw. 1201 fi 1280) haga ragaadhaan dhaabichi kan nama tokkoo tahuun mirkanaa'utti dhaabichi kan lamaan keessanii (qabeenya waliinii) akka ta'etti tilmaama.
Dhimma kana keessati Wafcoon meeshaa sagalee guddaa qabuufi raafama (vibration) hamaa uumu dha. Raafamni kun dhaaba manaa irratti babaqaqiinsa (crack) yoo uume miidhaa qabeenya ollaa kana irratti dhaqqabsiisa. Kanaafuu, namni tokko hayyama ollaa isaa malee dhaaba waliinii irratti hojii dhaabicha miidhu kamiyyuu raawwachuu seeraan dhoorkaadha.

3. ๐Ÿก Mirga Eenyuutu Dursa Argata? Naannoon tokko naannoo jireenyaa (Residential Area) yoo ta'e, jireenya nagayaaf malee warshaa ykn wafco dhaabuuf hin danda'amu. Manni Murtii Ijjibaataa (Galmee Lakk. 184585 fi 123056) irratti akka kaa'etti, "Mirgi namni tokko jireenya nagayaa jiraachuuf qabu, mirga qabeenya nama biraa irra dursa argata!" Kana jechuun, nagayaa fi tasgabbiin hawaasaa dantaa dhuunfaaf jecha miidhamuu hin qabu.

๐Ÿ›ก๏ธ Furmaanni Seeraa Maali? Yoo ollaan keessan dhimma kana hubachuu dide, hatattamaan Mana Murtii iyyannoo dhiheeffachuun ijaarsicha wofco akka hin dhaabbanne seeraan dhaabsisuu ni dandeessu.

Dhumarratti: "Mirgi kee kan jalqabu, bakka mirgi kiyya xumuramu irraahi" Qabeenya kiyya irratti abbaa ta'uun, ollaa ofii jeequun nagayaa fi tasgabbii dhorkuu akka hin taane haa hubannu.
Seera kabajuun, waliigaltee fi obsaan ollaa wajjin jiraachuun aadaa haa godhannuu!

Hubannoo seeraa dabalataaf fuula kana 'Like' fi 'Follow' gochuun nu hordofaa. Akkasumas namoota biroof akka gahuuf 'Share' godhaa!
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa

๐Ÿ“ฒ Odeeffannoo Seeraa fi Tajaajila Abbaa Alangaa Yeroon Argachuuf Nu Hordofaa:
๐Ÿ‘‡๐Ÿฝ
๐Ÿ“ฑ Telegram: https://t.me/MHAAAAG
๐Ÿ“˜ Facebook: https://www.facebook.com/WAAGurawaa
๐Ÿ“บ YouTube: https://youtube.com/?si=ePkMgNrUST94er3D
๐ŸŽต TikTok: https://www.tiktok.com/?_r=1&_t=ZS-98MNIWyIVQF
โŒ X (Twitter): https://x.com/alangaagurawaa
๐Ÿ“ธ Instagram: https://www.instagram.com/waaagurawaa?igsh=Z2lwZDk2N3Bwb3Fw
๐Ÿ“ข Odeeffannoon kun namoota hundaaf akka dhaqqabuuf Share godhuun hiriyoota fi hojjettoota biroof qoodaa!
โš–๏ธ Haqaan Haqaaf Haa Hojjannuu โ—
๐Ÿ“ Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa
"

fans

03/09/2026
guyyaa 27/12/2018  Harargee Bahaa Aanaa Qarsaatti waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa Hubannoo Seeraa mata duree:-1.Dam...
02/09/2026

guyyaa 27/12/2018

Harargee Bahaa Aanaa Qarsaatti waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa Hubannoo Seeraa mata duree:-
1.Dambii Gurmaa'iinsa Aangoo Aanootaafi Gandoota Oromiyaa lakk 250/2016.
2.Labsii Yakka malaammalttummaa Lakk 881/2015 fi
3.Qajeelfama bulchiinsa nagahee irratti caasaalee diinagdee gandootaaf kanneera.
haqaan haqaaf hojjanna!!
WAAAQ

02/09/2026
  fi Deeggarsa Gareen Hordoffii fi Deeggarsa WAAAQ raawwii Hojii Dhimmoota Hariroo Hawaasaa Dantaa Mootummaa fi Uummataa...
01/09/2026

fi Deeggarsa
Gareen Hordoffii fi Deeggarsa WAAAQ raawwii Hojii Dhimmoota Hariroo Hawaasaa Dantaa Mootummaa fi Uummataa Adeemsoota hunda Waj/Maallaqaa A/Qarsaatti Gaggeesse jira!

Gareen Hordoffii fi Deeggarsaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa akkaataa labsii BAAWO Lakk 214/2011 fi dambii lakk 243/2016tiin kallattii Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa irraa kennameen, harโ€™a gaafa guyyaa 26/12/2018, Waj/Maallaqaa Aanaa Qarsaatti qaamaan argamuun hordoffii fi deeggarsa hojii taasiseera.

Hordoffii fi deeggarsi kunis, raawwii hojii adeemsa hundarratti bifa guutuu fi sirrii taโ€™een hordofuun dantaa mootummaa fi ummataa gama hariiroo hawaasaatiin kabachiisuu, ciminaalee fi hanqinaalee jiran adda baasuu, akkasumas bakka hanqinni jiru irratti kallattii fi deeggarsa barbaachisaa taโ€™e kennuun, hojiiwwan karoorfaman buโ€™a qabeessa, seera-qabeessa fi itti gaafatamummaa qabuun akka raawwataman taasisuuf kan gaggeeffamedha.

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa

01/09/2026

๐ŸคŒ

01/09/2026

Address

Qarsa

Opening Hours

Monday 08:00 - 17:00
Tuesday 08:00 - 17:00
Wednesday 08:00 - 17:00
Thursday 08:00 - 17:00
Friday 08:00 - 17:00

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share