Bale Zone Police Communication

Bale Zone Police Communication Yakka waliin Taanee Haa Ittisnuu

 ‎Himatamaan yakka gudeeddii raawwate hidhaa cimaan adabame!‎Himatamaan maqaan isaa Tolaa Kabbadaa jedhamu, jiraataa God...
15/05/2026


‎Himatamaan yakka gudeeddii raawwate hidhaa cimaan adabame!
‎Himatamaan maqaan isaa Tolaa Kabbadaa jedhamu, jiraataa Godina Baalee Aanaa Sinaanaa Ganda Hisuu kan ta'ee gaafa guyyaa 08/05/2018 ganama keessaa sa'aatii 4:00 yoo ta'u, himatamaan kun miidhamtuu dhuunfaa yeroodhaaf maqaan ishee (Xy) kan taate irratti “kottu mana nama si galchee achii si fudhadha” jedhee erga waamee booda miidhamtuun yeroo dhuftu yakka gudeeddii irratti raawwate achumatti dhisee biraa waan badeefi, eruu miidhamtuuf maatiin miidhamtuu Poolisiif kennan hordoffii taasifameen to'annoo seeraa jala erga oolee booda galmeen qorannaa yakka Waajjira Poolisii Aanaa Sinaanaa fi Abbaa Alangaa waliin ta'uun irratti erga qulqulleessanii booda Mana Murtii Aanaa Sinaanaatiif ergan, Manni Murtii Aanaa Sinaanaa dhimmicha ragaa Abbaa Alangaa irratti hundaa'ee irratti erga qulqulleessee balleessaa dha jedhee Shannacha tibbana ooleen Manni Murtii yakkamaa kanaaf fakkaattota akka isaa ni barsiisa jedhee, adabbii hidhaa cimaa waggaa 5 fi baatii 5n adabee jira.
‎Waliin taanee yakkoota daa'immanii fi dubartoota irratti raawwataman haa ittisnu!
‎Poolisiin nageenya hawaasaa eeguuf hojii ittisaa fi to'annoo yakkaa cimsuun itti fufa.

26/04/2026
 Godina Baaleetti mariin waldaalee deddeebisa ummataafi fe'umsaa waliin taasifame.Mariin kunis hanqina dhiyeessii boba'a...
23/04/2026


Godina Baaleetti mariin waldaalee deddeebisa ummataafi fe'umsaa waliin taasifame.

Mariin kunis hanqina dhiyeessii boba'aa hordofee al-seerummaa raawwatamu maqsuu irratti kan xiyyeeffate ta'uus himameera.

Bulchaan Godina Baalee Obbo Abdulhakiim Aliyyii akka jedhanitti, rakkoo nageenyaa baha giddugaleessaatti uumameen hanqina dhiyeessii boba’aa hordofuun hawaasa irratti gatiin karaa al-seeraatiin akka hin daballeef qaamoleen dhimmi ilaallatu qindoominaan hojjachuu akka qaban himan.

Keessattuu, qaamolee boba'aa sababeeffachuun faayidaa hin malle argachuuf gatii meeshaalee irratti dabalaniifi tajaajila geejjibaa taarifaa ol kafalchiisan irratti hordoffii jabaan taasifamuu akka qabus akeekaniiru.

Hogganaan Qajeelcha Poolisii Godina Baalee Gargaaraa Komishinaraa Jeeylaan Amaan, sababa hanqina dhiyeessii boba'aatiin gochi al-seerummaa akka hin uumamne hordoffii jabaan kan taasifamuufi namoota seera cabsan irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta'uu hubachiisan.

Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Godina Baalee Obbo Ashannaafi Waldayohaannis, hanqina boba'aa sababeeffachuun al-seerummaa raawwatamu ittisuuf qaamolee nageenyaa fi hawaasa waliin hojjechaa jiraachuu kaasanii, rakkoo kana maqsuuf hojii ittisaa fi to’annoo cimsuun barbaachisaa ta’uus ibsan.

Ittigaafatamaan Waajjira Geejjibaa Godina Baalee Obbo Balaay Bojaa gamasaaniin, godinichatti waldaaleen deddeebisa ummataa 7 fi waldaaleen fe'umsa irratti hundaa'an 2 jiraachuu himan.

Sababa hanqina boba'aatiin taarifa humnaa olii kaffalchiisuufi darbaa fe'uun walqabatee komii hawaasa biraa ka'u hambisuuf mariin waldaalee deddeebisa ummataafi fe'umsaa waliin geggeeffamuus dubbatan.

Qooda fudhattoonni waltajjichaa yaada kennaniin, mariin geggeeffame daballii geejjibaa hawaasa irratti dhiibbaa geessisaa jiruuf furmaata kan ta'uudha jedhan.

Address

Bale Goba
Robe

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bale Zone Police Communication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share