06/09/2026
Milkaa’inni Damee Qonnaa Olka’iinsa Biyyaa Dhugoomsuu Keessatti Gahee Olaanaa Qabaachuu Eerame
******
Qaammee 1, 2018 (KGB) – Godina Baaleetti milkaa’inni damee qonnaa bara oomishaa 2018 galmaa’e, olka’iinsa biyyaa dhugoomsuu keessatti agarsiistuu ta’uu himame.
Guyyaan Oomishtummaa Qaammee 1, mata-duree “Olka’iinsa Biyyaa Dhugoomsuu, Oomishtummaa Guddisuu” jedhuun, Godina Baalee Aanaa Agaarfaatti hojiilee misoomaa qonnaa daawwachuun kabajameera.
Saganticharratti misooma qamadii, misooma aananii fi hojiiwwan inisheetiviiwwan qonnaa keessatti galma’aan daawwatamaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Baalee, Obbo Birhaanuu Afraasaa, imalli badhaadhinaa wabii nyaataa fi of-danda’uu mirkaneessuuf taasifamaa jiru har’a qabatamaan mul’achuu eegaluusaa ibsaniiru.
Keessattuu, dameen qonnaa oomisha midhaanii guddisuu, qonna ammayyeessuu, misooma jallisii babal’isuu, sanyii filatamaa fayyadamuu, horsiisa beeyladaa cimsuu fi gabaa qonnaa fooyyeessuun bu’aawwan jajjabeessaa galmeessisaa jiraachuu eeraniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Baalee, Obbo Aliyyii Muhammad, misooma qamadii jallisii bonaa, qonna kilaastaraa fi oomishtummaa guddisuun bu’aawwan argaman boqonnaa haaraa bananii jiru jedhan.
Qonnaan bultoonni bishaan jallisii fi sanyii filatamaa fayyadamuun yeroo bonaa qamadii oomishuun oomishtummaa fi galii isaanii guddisuu danda’uus ibsaniiru.
Akka Obbo Aliyyiin jedhanitti, bara oomishaa 2018/2019tti Godina Baaleetti lafa heektaara kuma 580 ol misoomaa jiru irraa callaan kuntaala miliyoona 19 ol argachuuf karoorfamee jira.
Bulchaan Aanaa Agaarfaa, Obbo Abdulqaadir Usmaan, damee qonnaa cimsuu fi ammayyeessuun galmoota ce’umsa misooma qonnaa, kanneen akka al-ergii guddisuu, oomisha biyya alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu fi carraa hojii uumuu irratti bu’aan jajjabeessaan galmaa’aa jiraachuu himaniiru.
Qonnaan bultoonni Aanaa Agaarfaa gama isaaniitiin, xiyyeeffannoo mootummaan damee qonnaatiif kenne, deeggarsa, hordoffii fi gorsa argataniin qonna ammayyeessuun oomishaafi oomishtummaa isaanii guddisuu danda’uu ibsaniiru.
Akkasumas, hojiiwwan horsiisa beeyladaa fi dameewwan qonnaa biroo irratti hojjetamaniin jireenya isaanii fooyyeffachuu fi dinagdee isaanii utubuu danda’uus himaniiru.
Kominikeeshinii Godina Baaleetu Gabaase
fans Oromia Bureau Of Agriculture/Biiroo Qonnaa Oromiyaa Oromia Prosperity Party / OPP /