Mag Roobe Buufata Fayyaa Baha Biiftu

Mag Roobe Buufata Fayyaa Baha Biiftu Beha Biftu Health Center
Quality healthcare service

Baale Haranna Bulluq Buufata Fayyaa Angeetu hojirra olmaa Riiformii Foyya'insa dhabbilee Fayyaa hojirra olchuun Buufata ...
18/08/2026

Baale Haranna Bulluq Buufata Fayyaa Angeetu hojirra olmaa Riiformii Foyya'insa dhabbilee Fayyaa hojirra olchuun Buufata Fayyaa iddoo Fayyaa dhabanii itti yaalamuuf deeman qofa oso hin taane iddoo bashannaaf boqonnaa sammuu itti argatan ta'eera.
Buufanni Fayyaa Angeetu jijjiirama hojii keessaa fi alaanis yeroo Amma agarsiisa jiru kan jajjabeeffamuudha tiimiin Fayyaa Haranna ko hojii boonsa muxannoo ta'uu hojjataa jirtuu jabaadha

Hirriba ga'aa rafne kan jennu yoo hagam rafne dha?Hirriba ga'aaHirriba ga’aa rafuun fayyaa namaaf baay’ee murteessaadha....
12/08/2026

Hirriba ga'aa rafne kan jennu yoo hagam rafne dha?

Hirriba ga'aa
Hirriba ga’aa rafuun fayyaa namaaf baay’ee murteessaadha. Hagi hirriba ga’aa umurii irratti hundaa’ee addaa adda. Haaluma kanaan hirribni ga’aan:

Umrii Haga hirribaa
▪︎Ji’a 0-3 Sa’aa 14 – 17
▪︎Ji’a 4 – 12 Sa’aa 12 – 16
▪︎Waggaa 1 – 2 Sa’aa 11 – 14
▪︎Waggaa 3 – 5 Sa’aa 10 – 13
▪︎Waggaa 6 – 12 Sa’aa 9 – 12
▪︎Waggaa 13 – 17 Sa’aa 8 – 10
▪︎Waggaa 18 ol Sa’aa 7 – 9

FAAYIDAA FAYYA HIRRIBA GA'AA
▪︎Dandeettii dhukkuba ofirraa dhorkuu qaamaa (madiinummaa) cimsa
▪︎Dandeettii waa yaadachuu, barachuu fi xiyyeeffannoo dabala
▪︎Fedhii nyaataa gaarii fi ulfaatina madaalawaa akka qabaannu taasisa.
▪︎Carraa dhukkuboota sirna onnee fi hiddoota dhiigaan qabamuu hir’isa
▪︎Guyyaa guyyaa dammaqiinsaa fi anniisaa gaarii akka qabaannu taasisa.
▪︎Balaa adda addaa hir’isa

Fayyaan Faaya
BFO

Dhukkuboonni vaayirasii HIV da’oo godhachuudhaan lubbuu namaa galaafatan maal fa’i?HIV/AIDs’n dandeettii dhukkuba ofirra...
11/08/2026

Dhukkuboonni vaayirasii HIV da’oo godhachuudhaan lubbuu namaa galaafatan maal fa’i?

HIV/AIDs’n dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa miidhuun dhukkuboonni biroo akka salphaatti lubbuu galaafataniif haala mijeessa.
Dhukkuboota dadhabuu madiinummaa qaamaa irratti hirkachuun lubbuu galaafatan keessaa hangafoonni:
◇ Dhukkuba Daranyoo Sombaa (Tiibii) (Tuberculosis)
◇Infekshinii sombaa biroobkan fungasii "Pneumocystis jirovecii" jedhamuun nama qabu fi baakteeriyoota biroon dhufan.
◇Infekshinoota sammuu (keessumaa kan jarmoota Cryptococcus fi Toxoplasma gondii jedhamaniin dhufu)
◇Kaanseroota HIV/AIDS waliin walqabatan kan akka NHL fi KS
◇Dhukkuboota Garaa Kaasan (Teessisaa):.

Qoricha vaayirasii HIV dafanii eegaluun maaliif nama fayyadaa?
Qorichi dhibee HIV/AIDs vaayirasichi akka hin baay’anne/wal hin horre taasisuun nama vaayirasii kanaan qabame umurii yeroo dheeraa jiraachisa.
Qoricha battalumatti yoo eegalan dhukkuboota armaan olitti kaasne ittisuun ni danda’ama.
Namni yeroodhaan dafee qoratamee of baree qoricha kana fudhachuu eegale, dhukkuboota kanaan osoo hin qabamiin yeroo dheeraa (umurii guutuu illee ta'uu mala) jiraata.

Qoricha HIV/AIDS addaan kutuun maal namarraan ga’aa?
Qoricha kana addaan kutuun dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama namaa hedduu waan gadi buusuuf dhibeewwan armaan olii kanaaf akka malee nama saaxila.
Dabalataan vaayirasiin HIV qoricha waliin akka walbaru taasisuu danda’a.

Walumaa galatti:
◇Namni kamuu qoratamee vayirasii HIV kana qabaachuu fi qabachuu dhiisuu isaa ykn ishee of beekuun hanagafa waan hundaati.
◇Namni vaayirasiin HIV qaama isaa kekessatti argame, osoo mallattoon kamuu hin mul’atiin qoricha vaayirasichaa battalumatti eegaluun hedduu hedduu murteessaa fi dirqama dha.
◇Qoricha addaan kutuun miidhaa hedduu kan qaqqabsiisu dha.

Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Koreen Boordii Buufatalee Fayyaa Magaala Roobee guyyaa har'a bakka miseensi koree hundi jiranitti hojii hanga Amma jiru ...
08/08/2026

Koreen Boordii Buufatalee Fayyaa Magaala Roobee guyyaa har'a bakka miseensi koree hundi jiranitti hojii hanga Amma jiru ilaalan.

Tajaajila fayyaa qulqulluu fi saffisaa hawaasaaf quubsaa ta’e mirkaneessuuf gamaaggamni fi mariin yeroo yeroon taasifamu murteessaa dha.

Sagantaa kana irratti buufata Fayyaa Walta'ii Caffee, Baha Biiftuu,Caffee Horaa,Harawa Siinjaa fi dhimmamtoonni hirmaatanii jiru.

Hojiileen Fayyaa bara 2018 keessa buufataalee fayyaa Magaalaa Roobee keessatti hojjatamaa turan dhihaachuun kan gamaaggamame yammuu tahuu karoora hojii bara 2019 irrattis mari'atamee jira.

Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Roobee Obbo Jamaal Abbaagaroo haasaa taasisaniin hojiiwwan hanga ammaatti hojjetamaniin hanqinoota jiran adda baasuun, rakkoolee mudatan irratti akka mari’ataniifi kallattiiwwan hojii fuulduraa kaa’amuu ibsan.

Hawaasni tajaajila argatu qulqullina fi saffisaan argachuu qaba jedhanii tajaajjilli kennamu sadarkaa isaa yeroo yeroon guddachuu qabaa jedhan.

Komiileen hawaasni kaasu dhaggeeffatamuun furmaanni waaraan kennamaa deemuu akka qabu dhaamanii jiru.

Itti gaafatamtuun Siyaasa paartii Badhaadhinaa Magaalaa Roobee Aaddee Fayyisee Alamuu dhimmi tajaajila fayyaa hawaasaa cimsuu dhimma murteessaa akka tahe kaasanii tajaajjilli kennamus naamusa fi itti gaafatamummaa olaanaadhan tahuu akka qabu ibsan.

Qorichaa fi meeshaaleen yaalaa
Barbaachisanis hamma danda’ameen guuttamuu akka qabuufi hospitaalota jiran wajjiinis qindoominaan hojjatamuu qabaa jedhan.

Itti Gaafatamtuun Waajjira Fayyaa Magaalaa Roobee Sister Maafuzaa Jamaal Kaayyoon gamaaggama kanaa,hanqina adda baasuun furmaata kaa’uufi tajaajila fayyaa fooyyeessuun itti quufiinsa Hawaasaa guddisuuf tahuu ibsan.

Buufataaleen Fayyaa hundi Qulqullinni tajaajila fayyaa bu’uuran jijjiiruun hawaasa fayyaa buleessa uumuuf yeroo kammiyyuu olitti bara 2019 keessatti qindoomina qaamolee hunda wajjiin qaban cimsuun hojjachuu qabuu jedhan

"Adoolessa 24, 2018 Biiroon Fayyaa Oromiyaa gamaggama raawwii hojii bara 2018 fi Karoora ofdanda'uu bara 2019 irratti  b...
31/07/2026

"Adoolessa 24, 2018
Biiroon Fayyaa Oromiyaa gamaggama raawwii hojii bara 2018 fi Karoora ofdanda'uu bara 2019 irratti bakka hooggantootni ol'aanoon naannoo, hospitaalota, giddugala laabratorii, wiirtuulee dhiigaa, godinootaa, magaalotaa fi aanaalee argamnitti Magaalaa Bishooftuutti gaggeessaa ture kallattii gara fuulduraa kennuun xumuree jira.

Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeesar Natsaannat Warqinah sagantaa kana irrattii argamuun hirmaattota waliin marii taasisaniin seektara fayyaa keessatti waggoottan darban milkaa'inoota gurguddoo dhufan itti fufsiisuuf karoora of danda'uu bara 2019 keessatti sirna fayyaa haqa qabeessa, qulqullina qabuu fi dandamataa ta'e inisheetivoota akksumas tekinoolojiiwwan fayyadamuun fayyaa hawaasa keenyaa fooyyessuu qabna jedhaniiru.

Karoora of danda'uu kaassatti kan ittiin of danda'uuf hojjatamu deeggarsi gama mootummaa akkuma jiruttii ta'ee galma barbaadamu bira gahuuf:
●Madda galii babal'isuun galii maddisiisuu fi sirna faayinaansii dijiitaalawaa gargaaramuu
●Humna namaa barbaachisu adda baasuun guuttachuuf hojjachuu
●Dhiyeessii qorichaa fi meeshaalee yaalaa biyya keessatti oomishuun fedhii dhiyeessii guuttachuu
●Sirna fayyaa bu'uuraa fi yaalaa cimsuu
●Teekinoloojii dijiitaalayizeeshiiniin of danda'uu
●Qorannoo fi beekumsa biyya keessaa cimsuu fi hirmaannaa hawaasaa guddisuun of danda'uuf hojjatamuu akka qabu eeranii jiru.

Xumura irrattis qaamolee sadarkaa sadarkaan jiran milkaa'ina argame keessatti qooda bahaa turan galateeffachuu fi hojiirra oolmaa karoora bara 2019 walii mallatteessuun, galma qabame bira gahuuf kutannoon hojjachuu qabna jedhanii jiru.

30/07/2026
Tajaajjilli Yaalaa manaa manatti Garee Fayyaa maatii (FHT) Ogeessota Buufata Fayyaa Baha Biiftuutin kennama jiru akkuma ...
30/07/2026

Tajaajjilli Yaalaa manaa manatti Garee Fayyaa maatii (FHT) Ogeessota Buufata Fayyaa Baha Biiftuutin kennama jiru akkuma itti fufetti jira.
Tajaajjilli Yaalaa fi Qorannoo dhibee garee Ogeessota kanan hojjatamaa jiru namoota dhibee daddarbaa hinta'in kan akka Dhiibba dhiigaa,Dhibee sukkaara osoo ofirratti hinbeekin miidhama Jiran hedduu bira gahuun tajaajila yaala akka jalqaban godhamaa jira.ogeessotni hojii Mana manaa kanarratti bobbatan hojii eebbifamaa namaafi Rabbi birattis jaalatamuu hojjataa jirtu Team Buufata Fayyaa Baha Biiftu Ogummaa rabbi nama kenneen ummata keessaan hanga manatti deemtanii tajaajiluun boqonnaa sammuu itti argattuu Ogummaanis ogeessa akkana akka taanu nu ajajaa jabaadha

Magaala Roobe Buufata Fayyaa Baha Biiftu Ogeessota Ogummaa garagaraa irraa walitti qinda'aniin ( Family Health Team ) ma...
28/07/2026

Magaala Roobe Buufata Fayyaa Baha Biiftu Ogeessota Ogummaa garagaraa irraa walitti qinda'aniin ( Family Health Team ) manaa manatti deemuudhan namoota nama qarqaaruu hinqabne sababa dhibeetiin manatti Hafaniif Tajaajila Yaalaa kennuu fi Qorannoo dhibee Dhiibba dhiiga,Dhibee sukkaara,Calallii Hanqina nyaata,dhibee daranyoo Sonbaa fi Barumsa Fayyaa kan kennama jiru.
namoota achitti yaalamuun danda'amu dhiheessi qorichaa qabachuun achumatti kan yaala jiraniifi namoota rakko Fayyaa cimaa ta'e qaban Buufata Fayyaa akka deemu gochuun tajaajila yaala bilisaan akka argatan godhama Jira.
Hojii garee Ogeessota qinda'anii mana mana deemuun hojjataa Jiraniin n Haadholii Harka qalleeyyi ta'ani fi Manguddoo nama qarqaaruu hin qabne kan sababa dhibee salphatti yaalamuu danda'un manatti miidha cimaaf saxilamaa Jiran hedduu garee kanan bira gahuun tajaajila yaala isaan barbaachisu godhamaafi jira.kuni hojii namaa fi Rabbi birattis jaalatamuu Garee Fayyaa Baha Biiftu jabaadha itti mudda

Wajjirafayyaa Magaalaa Roobee Adoolessa 17/2018 Eebba Maatii Adda duree Buufanni Fayyaa Baha Biftuu  Ganda Handhuura  Ro...
24/07/2026

Wajjirafayyaa Magaalaa Roobee
Adoolessa 17/2018 Eebba Maatii Adda duree Buufanni Fayyaa Baha Biftuu Ganda Handhuura Roobe irratti gaggeeffame.

‎Maatii Adda duree Kunis paakeejii Fayyaa heddu hojirra oolchuun koree waajjiraa fi BF irraa ijaaramaniin eegga mirkanaahe booda guyyaa har'aa Abbaan Warraa 240 eebbisuun Abbaa Warraa qabxii madaallii ol aanaa galmeesseef sirni beekkamtii fi waraqaan ragaa kennamee jira.

Xumura sagantaa Eebbaa irratti hojii tola Ooltummaa Arjoomni dhiigaa taasifamee jira.

‎Fayyaan Faaya

Address

Beha Biftu
Robe

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mag Roobe Buufata Fayyaa Baha Biiftu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share