12/08/2026
Bulchiinsa Magaalaa Sanbateetti Raawwiin Hojii Gannaa Gamaaggamame
Bulchiinsa Magaalaa Sanbateetti, hojiiwwan mootummaa fi Paartii , keessumaa raawwii hojiiwwan gannaa guyyoota 30 darban keessatti hojjetaman, hoggantoota magaalaa fi gandoota waliin bal’inaan gamaaggamame.
Waltajjii gamaaggamaa kanarratti, hojiiwwan guyyoota 30 darban keessatti hojjetaman, bu’aawwan argaman, hanqinoota mul’atan akkasumas hojiiwwan itti aanan kan ibsu gabaasni hojii, itti gaafatamaa Waajjira Daldalaa Magaalaa Sanbatee Obbo Ahmad Sayiditiin dhiyaateera.
Gamaaggama kanarratti Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Qajeelcha Hojii fi Leenjii, Godina Saba Oromoo Obbo Sayid Indiris, fi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Sanbatee Obbo Nuradiin Ahmad argamuun raawwii hojiiwwanii fi kallattiiwwan hojii itti aanan irratti mari’achuun gamaaggamaniiru.
Gamaaggamichi kan xiyyeeffate hojiiwwan hanga ammaatti hojjetaman madaaluu qofa osoo hin taane, hanqinoota jiran adda baasuun, furmaata waaraa kaa’uu fi hojiiwwan itti aanan bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf kallattii kaa’uurratti ture.
Obbo Sayid Indiriis, gamaaggamni hojii kaayyoo isaa guddaan hojii hojjetame qofa galmeessuu osoo hin taane, hanqinoota mul’atan adda baasuun, itti gaafatamummaa fi qindoomina cimsuun bu’aa caalmaa galmeessuudha jedhan. Kanaafis hoggansi hojii isaa itti gaafatamummaan, qindoominaan fi bu’aa qabatamaan mul’atuun raawwachuu akka qabu hubachiisaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Sanbatee Obbo Nuradiin Ahmad, gama isaaniin, guddinni magaalaa fi fayyadamummaan uummataa kan mirkanaa’u hoggansa qindaa’aa fi hojii qabatamaan bu’aa fiduun ta’uu ibsuun, hojiiwwan eegalaman cimsanii itti fufsiisuu fi hojiiwwan guyyoota 30 itti aanan karoora ifaa, hordoffii cimaa fi qindoomina waliin akka raawwataman hubachiisaniiru.
“Bu’aan caalmaa kan dhufu itti gaafatamummaa, qindoominaa fi hojii qabatamaa irraa ti!”