Sendafa Bake Comunication

Sendafa Bake Comunication Yaa'iinsa Odeeffannoo Waayitawaa fi Haqa Qabeessa Ta'e Ummataaf Mootummaaf!

Labsiiwwan Gubaa Injifannoo Mootummaa Ida'amuu.&====&===&Marii uummataa magaala Sandaafaa Bakkee /2018Bulchiinsa Magaala...
21/12/2025

Labsiiwwan Gubaa Injifannoo Mootummaa Ida'amuu.
&====&===&
Marii uummataa magaala Sandaafaa Bakkee /2018
Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti mariin hawaasa hunda hirmaachise gaggeffamuu eegalee jira.
Marii kanarratti injifannoowwan mootummaa ida'amuutin galmaa'an akkasumaas rakkoowaan sadarkaa adda addaatti komii ta'aa turan irratti iftoominni ni uumama jedhamee eegama.

12/11/2025
14/10/2025
Oolmaa Dhaddachaa!!  alaa argachuuf yaaduun aad-male!!          ___Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa BakkeettiWaajjirri Abba...
05/08/2025

Oolmaa Dhaddachaa!!
alaa argachuuf yaaduun aad-male!!
___
Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti
Waajjirri Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkee
Himatamtoonni yakka hannaa cimaa raawwatan adabbii hidhaa cimaa akka adabamanii ibsani jiru.

Himatamtoonni 1ffaa Tarrafaa Gurmee Dinquu,
2ffaa Dammallaash Nugusuu Dinquu fi 3ffaa Indaalkaachoo Nugusuu Dinquu jedhaman kun badhaadhina isaaniif hin malle argachuuf itti yaadanii gaafa guyyaa 25/11/2017 halkan keessaa naannoo sa'atii 9:00tti osoo abbaan qabeenyaa mana isaa cufatee rafaa jiruu jalaa baasanii, himatamtootich ollaa fi fira abbaa qabeenyichaatiiyoo ta’u Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Jiddaa ganda Ari’aa Qalaaxee iddoo addaa “Gooxii Mooyyee’ jedhamutti halkan dawoo godhachuudhaan mana jireenyaa miidhamaa dhuunfaa seenudhaan hoolota korpheeyyii(choochee) 11(kudha tokko) kan gatiin hoolaa 1(tokkoo) tilmaamaan qarshii 16,000(kuma kudha jaha) ta’u walumatti hoolota korpheeyyii 11(kudha tokko) tilmaamni gatii isaanii walumaagalatti qarshii 176,000(kuma dhibba tokkoo fi kuma torbaatamii jaha) baasan hatanii fudhachuun qabeenya ofii isaanii fakkeessuun ooffatanii gara Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkee fiduun gaafa guyyaa 26/11/2017 guyyaa keessaa tilmaamaan sa’aatii 5:00 yemmuu ta’u Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkee Ganda Bakkee Xaboo iddoo addaa Waajjira Bulchiinsa Ganda Bakkee Xaboo jedhamutti harkaaf harkatti qabamanii Qajeelchi Poolisii Bulchiinsa Magaalichaa fi Waajjirri Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalichaa dhimmicha qorachuun erga qulqulleessanii booda Abbaan Alangaa himatamtoota sadeen irratti bu’uura Seera Yakkaa bara 1996 bahe kewt.32(1)(A) fi 669(3)(B)tiin himannaa hundeessuun Mana Murtii Aanaa Barrakitti dhiyeessee, Manni Murtichaas himata dhiyaate kana irratti falmii bitaa fi mirgaa dhagahuun himatamtoonni gocha ittiin himataman kana raawwachuu fi balleessaa ta’uu isaanii bu’uura seera deemmii falmii yakkaa kewt.134(1)tiin waan amananiif bu’uuruma jecha amantaa isaaniin dhaddacha gaafa guyyaa 27/11/2017 ooleen himatamtoota kanneen tokkoon tokkoon isaanii adabbii hidhaa cimaa waggaa 5(shan) fi Baatii 5(shaniitiin)tiin akka adabaman itti murteessee jira.

Haalummaa Kanaan Uummannii fi qaamoleen nageenyaa Bulchiinsa Magaaliichaa waliin qindoomuun yakkamtoota gara seeratti dhiyeessuun tarkaanfii seeraa barsiisaa ta’e irratti kennisiisuun haaluma kanaan aadeffamuu qabaan dhaamsa keenyas dabarsani jiru.

Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti  sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo gaafa 24/11/2017 gaggeeffamuuf qophi...
29/07/2025

Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo gaafa 24/11/2017 gaggeeffamuuf qophiin taasifamaa jira.
Adoolessa 22/2017 (WKBMSB)_Hojiin ashaaraa magariisaa bara kanaa mata duree "Dhaabuudhaan bayyanachuu!" jedhuun kan gaggeeffamu yemmuu ta'u,Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkee keessatti hojiin boollaafi biqiltuu qopheessuu ciminaan hojjetamaa jira.
Bu'uuruma kanaan Ganda Bakkee Xabootti biqiltuu fi boolli duula dhaabbii ashaaraa magariisaa guyyaa tokkootiif haala gaariin qophaa'eera.

Dhaabuudhaan biyya keenya hiyyummaa jalaa bayyanachiisuu ni dandeenya waan waan ta'eef qaamooleen hawaasaa
hundiyyuu hirmaannaa ho'aa barame sana daran cimsitanii akka itti fuftan dhaamsa dabarsina.
Biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabuun dinagdee magariisa faalama qilleensaa irraa bilisa ta'e ijaaruun Itoophiyaa badhaate dhaloota haa dhaalchifnu.

Dhaabuudhan bayyanachuu!!! Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Adoolessa 24 Biqiltuu Miliyoona 700 akka biyyaatti dhaabuuf Ifo...
26/07/2025

Dhaabuudhan bayyanachuu!!!

Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Adoolessa 24 Biqiltuu Miliyoona 700 akka biyyaatti dhaabuuf Ifoome, haa qophoofnu.

Galiin Utubaa Guddina Biyyaati!____Gibira yeroodhaan iftoominaa fi haqummaan, miira itti gaafatamummaafi jaalala biyyaat...
16/07/2025

Galiin Utubaa Guddina Biyyaati!
____
Gibira yeroodhaan iftoominaa fi haqummaan, miira itti gaafatamummaafi jaalala biyyaatiin kaffaluun qaroomina olaanaadha.

Galiin bu'uura hojiilee misoomaa, nageenyaa fi fayyadamummaa walooti.

Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti Konfiransiin  paartii Badhaadhinaa Sadarkaa Magaalaatti kan  Kurmaana 4ffaa Gagg...
12/07/2025

Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti Konfiransiin paartii Badhaadhinaa Sadarkaa Magaalaatti kan Kurmaana 4ffaa Gaggeeffamaa jira.

Gabaasni bara 2017 keessa hojiiwwan gama ijaarsaa fi Siyaasaa sadarkaa Gamtaa, maatii fi miseensotaatti Bara 2017 keessatti hojjetamaa turan Cimnoonni fi Hanqinnoon tura addaa bahee dhiyaatee jira.

Itti Gaaffatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Sandaafaa Bakkee Obb.Mitikkuu Lameessa hasa'aa taasisaaniin miseensoonni Paartii Badhaadhinaa Sadarkaa sadarkaan jiran ol'aantuummaan yaadamaa paartii Badhaadhinaa fi Hojmaanni sadarkaa hundatti akka dhugoomuu miseensoonni paartii badhaadhinaa gahee guddaa bahachaa akka turan ibsani jiru.

Yaa'iin Idilee  mana Maree Magaalaa Sandaafaa Bakkee.____Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti Yaa'iin  Idilee 49 ffaa...
30/06/2025

Yaa'iin Idilee mana Maree Magaalaa Sandaafaa Bakkee.
____
Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti Yaa'iin Idilee 49 ffaa mana maree 2ffaa Bara Hojii 9ffaa Mana Maree Magaalaa Sandaafaa Bakkee gaggeeffamuu eegalee jira.

Yaa'ii kana irratti Gabaasa Waliigalaa seektaroota Bulchiinsa Magaaliichaa fi labsii Fooyya'iinsa Taariifa Galii Mana Qopheessa bara 2017 akka dhiyaatu ibsamee jira.

Haalumma Kanaan kabajamoon Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkee Obb.Alamaayyoo Tonkoluu Gabaasa Raawwii Hojii waligalaa Seektaroota Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkee kan bara 2017 miseensoota mana maree Magaaliichaatti dhiyaachatti jira.

Gabaasa Raawwii Hojii misoomaa kana keessatti hojii rawwaatamaan kun fayyadamummaa Hawaasa kan mirkaaneessuu ta'u isaa kantiibaan ibsamee jira.
Gabaasa kanaa keessatti cimnoota fi hanqinoota tura addaa bahee miseensoota mana marichaatti akka irratti mari'atuu ibsamee jira.

Qaamoleen Nageenya   aarsaa kanfalaan injifannoo Oromoo tiksuudhaan nageenyi Magaalaa akka mirkaana'uu  taasisaniif   ga...
29/06/2025

Qaamoleen Nageenya aarsaa kanfalaan injifannoo Oromoo tiksuudhaan nageenyi Magaalaa akka mirkaana'uu taasisaniif galata qabu jedhame.
_____
Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti sagantaan sirna Galateeffanaa Qaamoolee Nageenya Waloo taasifame.

I/Gaafatamaan Paartii Badhaadhina Damee Magaalaa Sandaafaa Bakke Obbo Mitikkuu Lammeessaa sagantaa kanarratti argamuun yaada kennaniin Qaamoleen nageenyaa hawaasaa waliin ta'uudhaan Nageenyii akka mirkaana'uuf hojii isaani bahachaa turtan galatatuu isasniif mala jedhani jiru. Magaalli keenya magaala sabaa fi Sablammoota hedduu qabuudha kan jedhan obbo Mitikkuun Qaamoleen keenya qorraa fi aduu osoo hin jenne diina afoo ejjachuuun magaala keenya qofaa osoo hin taanee nageenya aanoolee ollaa keenyaa tasgabbeessuu keessatti gahee guddaa akka bahanii ibsani jiru.

Obb.Mitikkuun akka ibsanitti gurmaa'insi qaamolee nageenyaa magaala keenya sadarkaa sadarkaan jiru cimsuu dhaan nageenyaa magaaliichaa yeroo kammiiyyu caalaa hojjechuu akka qaban kallatti ka'ani jiru.

I/Gaafatamaan Wajjiraa Milishaa obbo Tasfaaye Alamuu akka ibsanitti Qaamoleen Nageenya keenyaa halkaniif guyyaa osoo hin jedhin hojjechaa turan sirnii galateeffannaa kun godhameef jira jedhanii jiru.

Milishaan ijaaf gurra ummataatti kan jedhan obbo Tasfaayeen qaamolee nageenyaa kun hawaasa Magaalichaa waliin qindaa'uun diinaaf osoo hin jilbiffatin nageenya magaala keenyaa mirkaneessu keessatti gahee isaani bahachaa akkan turun kaasuun ibsani jiru

Itti dabaluunis Milishoota maatii kiyyaa osoo hin jenne ''STANDBY''dhaan waggaa tokko olif hojjechaa turan galateeffatani jiru.
Dhumarrattis Qaamolee sagantaan kun akka milka'uuf taasisaniif sirni beekkamtii kennamee jira.

Guyyaan Kabaja Eegumsa Naannoo sosochii  duula qulqullina magaalaafi Hubannoo dhaadannoo "Faalamni pilaastikaa haa dhaab...
26/06/2025

Guyyaan Kabaja Eegumsa Naannoo sosochii duula qulqullina magaalaafi Hubannoo dhaadannoo "Faalamni pilaastikaa haa dhaabbatu!" jedhuun kabajame.

Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti Guyyaan kabaja Eegumsa Naannoo sosochii duula qulqullina magaalaa fi Hubannoo isaa waliin dhaadannoo "Faalamni pilaastikaa haa dhaabbatu!" jedhuun kabajamee jira.

Guyyaa Kabaja Eegumsa Naannoo kanarrattis miidhaa faalamni pilaastikaa qaqqabsiisurratti barreeffamni gabaabaan kara itti Gaaffatamaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Bulchiinsa Magaaliichaa Obb.Mogoosi Nuguusee dhiyaateera.

Itti Gaaffatamaan Paartii Bashaadhinaa Damee Magaalaa Sandaafaa Bakkee Obb.Mitikkuu Lameessa sagantaa irratti argamuun akka ibsanitti sosochii duula qulqullina magaalaa keenya fi Naannoo keenya qulqulleessuu aadaa gochuudhaan Magaalaa jireenyaaf mijooftu taasisuu keessatti gahee qooda fudhatootni murteessa ta'u isaani ibsani jiru.

Address

Kominikeshiniin Ijaarsa Biyyaaf
Sendafa

Opening Hours

Monday 02:00 - 17:00

Telephone

+251116860036

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sendafa Bake Comunication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Sendafa Bake Comunication:

Share