Etv afaan

Etv afaan Fuuli oduu, seenna,qabeenya niawwachiisa,comedy,tola oltuummaa ni hojaata

15/03/2026

25/05/2025
29/12/2024

Ministeerri Barnootaa bajanni soorataa barataa yuuniversistii tokkoo guyyaatti birrii 22 ture gara birrii 100'tti akka sirreeffamu erga taasisseen booda, guyyoota muraasa keessatti barattoonni yunivarsiitii "qulqullinnii fi hammi nyaataa hir'ate" jechuun mormaniiru.

Barattoonni yunivarsiitiiwwaan akka Dabaarqi, Dabra Birhaan fi Maqalee kanneen nyaata haaraa kanaan mufachuun, bakka nyaatatti mormii dhageessisaniidha.

Achiis hanga qabeenya barbadeessuu fi humnoota nageenyaatiin reebamuutti ga'uu isaanii maddeen BBC'tti himaniiru.

Bal'ina odeessa kanaaf: https://bbc.in/3PgShws

21/12/2024
04/12/2021
03/12/2021

OBN Sadaasa 23, 2014– Walgahii iccitii gaggeessumma Pirofeeser Efreem Yisihaaq irraatti namoota dhuunfaa hirmaatan irratti qorannoon akka eegalamuu FBI fi Abbaan Alangaa himata akka irratti banuuf gaafataman.

Waldaaleen Sivikii Itiyoophiyaa 4 Ameerikaatti argaman mootummaa Itiyoophiyaa karaa dimookiraasin filatame humnaan jijjiruuf yaadun gaggeessummaa Pirofeeser Efireem Yisahaaqifi Illenii G/Madiin, shorokeessaa Birahaana G/Kiristoos dabalatee Amabaasaaddaroota Ameerkaa duraaniifi namoota dhuunfaa shira kana irratti hirmaatan seeraan akka gaafataman Qajeelcha Haqaa, Biiroo Abbaa Alangaa Niwoorkifi Qorannoo Federaalaa(FBI)’f xalayaan barreeffamera.

Dhaabbileen xalayaa kana barreessaan;- Neksis Advookesii Itiyoo-Ameerikaa, Akshiin Fandii worliid waayidii Itiyoophiyaa, Yuuniti for human raayiit fi dimookirasiifi Kaawunsilii Misomaa Itiyoo-Ameerikaadha.

Torbee tokkoo dura dhalattoonni Itiyoophiyaafi dippilomatonni Awurrooppaafi Ameerikaa iccitin mootummaa ce’umsa ijaaruuf mariin karaa toora intarnetii taasisan Ameerikaan dhimma biyyoota biroo akka gidduseenneefi mootummaa biyyoota biroo dhabamsiisuuf hin hojjetu seera jedhu kan cabsuu sababa ta’eef Qorannoo Federaalaa Ameerikaa (FBI)fi Biiroon Abbaa Alangaa Niwoork namoota dhuunfaa kanneen irratti qorannoo akka gaggeessan gaafataniiru.

Lammiilee Itiyoophiyaafi michuwwaan Itiyoophiyaa waliin ta’uun birmadummaa Itiyoophiyaa, tokkummaa daangaa ni eegsisna akkasumas gochota akka kanaas ni balaaleffanna jedhan dhaabbileen xalayaa barreessan keessatti; humnoota jijjirama dimookirasii Itiyoophiyaatti eegalamee gufachiisuuf yaalan kana booddee haa dhaabbatu jenna jedhan.DHPI

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa odeeffannoo wayitaawaa argachuu yoo feetan:

Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Tiwiiterii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish
Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.

Address

Magedo
Shakiso
9655464

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Etv afaan posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share