02/09/2026
Karaawwan Ijoo Armaan Gadii Kana Hojiin Irra Oolchuun Ittisa Malaammaltummaa Irratti Gahee Olaanaa Taphata.
1.Kenna Tajaajilaa Uummataaf Kennamu Dijiitaalessuu: Tajaajilootni kanneen akka kaffaltii gibiraa, bittaa mootummaa, kenninsa hayyama daldalaa fi bulchiinsa lafaa karaa toora intarnaatiitiin akka kennamu taasisuun tuttuqii namoota giddutti raawwatamu hirdhisuu.
2.Qabeenya Galmeessisuu fi Qabeenya Maddi Isaa Hin Beekamne Dhaaluu:
Qamoota bu'uura labsiiwwan qabeenya galmeessisuu fi beeksisuutiin hin galmeessifne akka galmeessan gochuu, kanneen faallaa seericha dhaabatan irratti tarkaanfii seeraa fudhachuu. Akkasumas qabeenya fi maallaqa maddi isaa seeraan ibsuu hin danda'amne adeemsa seeraatiin dhaaluun tarkaanfii fudhachuu.
3. Qo'annoo Hojimaataa Gaggeessuudhaan Saaxilamummaa Malaammaltummaan Ittiin Uumamuun Duuchuu: Dursanii qo'annoo hojimaataa dhaabbilee mootummaa fi misoomaa keessatti gaggeessuun adeemsa hojimaata badaa fi malaammaltummaaf qaawwa banu sirreessaa deemuu.
4. Eegumsa Seeraa Eeruu Kennitootaaf Taasifamu Mirkaneessuu: Namoota akkasumas hojjattoota hannaa fi malaammaltummaa saaxilaniif eegumsa seeraa mirkaneessuudhaan akka namootni biroos malaammaltummaa irratti duulan jajjabeessuu.
5. Ijaarsa Safuufii fi Barnoota Naamusaatiin Sochii Uummataa Uumuu: Dhalootni akka safuu gonfatee guddatu akkasumas barnootni naamusaa bu'uura jabaa irratti akka ijaaramu maatiin, manneen barnootaa,dhaabbileen amantaa fi hawaasni waloon irratti hojjachuun karaawwan ijoo malaammaltummaan ittiin ittifamuu danda'uun.
Dhaloota Safuun Ijaaruun;Kenna Tajaajilaa Hojimaataan!
Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Damee G/G Kibbaa