W/ Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Haruufaa- Harufa Sub-City Attorney Office

W/ Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Haruufaa- Harufa Sub-City Attorney Office Haqaan Haqaaf Hojjanna!

Guyyaa 14/12/2018 leenjiin qindeessummaa waajjira Abbaa Alangaa Bulchinsa Magaalaa Shaashamannee fi waajjira Abbaa alang...
20/08/2026

Guyyaa 14/12/2018 leenjiin qindeessummaa waajjira Abbaa Alangaa Bulchinsa Magaalaa Shaashamannee fi waajjira Abbaa alangaa kutaa Magaalaa Haruufaatiin dhimma Tajaajila Abbaa Alangummaa diijitaalessuu wajjiin wal qabatee ogeessota waajjiraalee Mallaqaa,Bishaan,Mana qopheessa kutaa Magaalaa,waajjira Lafaa kutaa Magaalaa fi Hospitaala Malkaa Odaa irraa waamamaniif karaa Abbaa Adeemsa Hariiroo Hawaasaa Dantaa Mootummaa fi Uummataa Rijoo obbo Adem Muhammadii fi Qindeessa TQO Rijoo Obbo Shimallis Gaashawutiin Haala gaariin kennameera.xumura irrattis waajjiraaleen hunduu dhimma kana xiyyeeffannoon raawwachuu akka qaban kallattiin karaa obbo Adamiin kennamuun xumurameera.

06/08/2026
Sagantaa Duula Ashaaraa Magariisaa guyyaa ar'aa (27-11-2018) geggeeffame!
03/08/2026

Sagantaa Duula Ashaaraa Magariisaa guyyaa ar'aa (27-11-2018) geggeeffame!

Marii Ka'uumsa Karoora bara 2019 fi Sirna beekkamtii raawwii hojii bara 2018Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Haruu...
30/07/2026

Marii Ka'uumsa Karoora bara 2019 fi Sirna beekkamtii raawwii hojii bara 2018

Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Haruufaa gaafa 23-11-2018 Ka'uumsa Karoora bara 2019 irratti marii geggeesse. Mariin ka'uumsa karoora raawwii hojii bara 2019 kun bakka Sekteroonni qindoominaa fi qooda fudhattoonni argamanitti kan eegale yoo ta'u, ka'umsi Karoora bara 2019 karaa Hoogganaa Waajjira keenyaa Obboo Shaaroo Baqqalaatiin hirmaattotaaf erga dhihaateen booda mariin bal'aan irratti taasifameera.

Bulchaan Bulchiinsa Kutaa Magaala Haruufaa Obboo Hamiid Tusii gama isaaniitiin karoorri raawwii hojii Waajjirri keenya karoorfate akka galma ga'uuf kan tumsan ta'uu dhaamanii raawwii hojii bara darbe Waajjirichi raawwate keessattuu Ol'aantummaa Seeraa kabachiisuu waliin wal qabatee kan dinqisiifatamu ta'uu ibsanii jiru.

Xumura Sagantichaa irratti immo raawwii hojii bara 2018 keessatti Abbootii Alangaa fi Hojjattoota Bulchiinsaa raawwii Hojii ol'aanaa galmeessaniif beekkamtiin kennamuudhaan sagantichi goolabameera.

Waajjirri keenya qorannaa raawwii hojii bara 2018 akka Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaala Shaashamanneetti taasif...
24/06/2026

Waajjirri keenya qorannaa raawwii hojii bara 2018 akka Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaala Shaashamanneetti taasifameen raawwii gaarii galmeessuudhaan Waajjiraalee Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa jiran keessaa sadarkaa 2ffaa argatee jira. kanaanis Geebaa fi waraqaa beekkamtii argachuu danda'ee jira.
Hojii kana milkeessuuf qaamonni gara garaa waliin qindoomuudhaan hojjachaa baane hundi ulfina qabdušŸ™

 ================================Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaala Haruufaa Raawwii Hojii waggaa kan bara 2018 bakka...
23/06/2026


================================
Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaala Haruufaa Raawwii Hojii waggaa kan bara 2018 bakka Abbootiin Alangaa fi Hojjattoonni Bulchiinsaa hundi argamanitti gamaggamee jira.

Gabaasni raawwii hojii waggaa karaa hoogganaa Waajjirichaa Obboo tiin dhihaatee, ciminaa fi hanqina bara kana raawwii hojii keessatti mul'atan irratti bal'inaan mari'atamee jira.

Dhuma irratti Abbootii Alangaa fi Hojjattoota Bulchiinsaa raawwii hojii ol'aanaa galmeessaniif beekkamtiin kennamuun sagantichi xumuramee jira.

Leenjiin Moosaajii sirna hooggansaa fi Tajaajila Abbaa Alangummaa haara irratti kenname.怐Waxabajjii, 16, Shaashamannee怑W...
23/06/2026

Leenjiin Moosaajii sirna hooggansaa fi Tajaajila Abbaa Alangummaa haara irratti kenname.

怐Waxabajjii, 16, Shaashamannee怑

Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaala Haruufaa ar'a gaafa guyyaa 16,10,2018 Moosaajii Sirna Hooggansaa fi Tajaajila Abbaa Alangummaa haara Biiroo keenyaan misoome irratti ogeessa affeeruudhaan leenjii gabaabaa Abbootii Alangaa fi Hojjattoota Bulchiinsaa tiif kennee jira.

Leenjii kana kan kennan Ogeessa TQO WAABMSH kan ta'an Obboo Shimallis yoo ta'an, leenjii kenname irratti yaadaa fi gaafileen adda addaa mana keessaa ka'ee irratti mari'atamee jira.

Hojii hordoffii fi deeggarsa waajjira keenyatti ar'a gaafa 11-10-2018 garee Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaala Sh...
18/06/2026

Hojii hordoffii fi deeggarsa waajjira keenyatti ar'a gaafa 11-10-2018 garee Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaala Shaashamannee irraa dhufaniin taasifameen raawwiin hojii keenya Kan bara 2018 ilaalamee jira.

Hordoffii geeggeeffame kanaan ciminaa fi hanqina bara kana akka Waajjiraatti jiru garichi addaan baasuudhaan bakka Manaajimentiin Waajjira keenyaa guutuun jirutti duub-deebii kennuun kallattiin hojii gara fuula duraa kennamee daawwannichi xumurameera.

Address

Shashemene

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when W/ Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Haruufaa- Harufa Sub-City Attorney Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share