Meki Town prosperity Parity

Meki Town prosperity Parity Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Meki Town prosperity Parity, Political Party, Mek'I, Shewa.

Carraan Hojii Dargaggootaaf Uumamu,Dargaggootaaf Bu'aa Buusee Biyyaarraa Ba'aa Buusa!Maqii,Eebla 08,2018(MTPP) # # # # #...
16/04/2026

Carraan Hojii Dargaggootaaf Uumamu,Dargaggootaaf Bu'aa Buusee Biyyaarraa Ba'aa Buusa!

Maqii,Eebla 08,2018(MTPP) # # # # # # # # # # # # # # # # # # #
# # # # # # # # # # # # # # #
Godina Shawaa Bulchiinsa Magaalaa Maqiitti, dargaggoota waldaalee IMX gurmaa'an,waldaa afuriif Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa fi Baankii Siinqeee waliin ta'uun liqii mijeessaniin,Baajaajota sadarkaan qulqullina isaanii olaanaa ta'an,tokkoon isaa hanga nama saddeetiitti baachuu kan danda'an,kanneen Chaarjii Elektiriikaan hojjatan dhaabbata Yoo Toongi irraa bitameefii kennameefiit jira.

Dargaggoota diinagdeen gahoomsuu keessatti dameen Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa guddaa ta'uun isaatiin yeroo rakkoo kanatti rakkoo geejjiba magaalaa keenyaa hamma tokko furuu keessatti waan qooda guddaa qabu hojjatamuun isaa abdiidha,jedhan I/Gn Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Bulchiinsa Magaalaa Maqii obbo Xuurii Waltajjii

Kan hojjanne milkeessinee,isa itti aanu raawwachuuf mariin yeroo yeroon raawwatamu karaa ittiin hojii milkeessan tolcha,...
15/04/2026

Kan hojjanne milkeessinee,isa itti aanu raawwachuuf mariin yeroo yeroon raawwatamu karaa ittiin hojii milkeessan tolcha,jedhan I/Gn Paartii Badhaadhina Damee Bulchiinsa Magaalaa Maqii obbo Xuurii Waltajjii.

Maqii,Eebla 08,2018(MTPP) # # # # # # # # # # # # # # # # # # #
# # # # # # # # # # # # # # #
Godina Shawaa Bahaa Bulchiinsa magaalaa Maqiitti,mariin hojii nageenyaa fi misoomaa guyyottaniin hojjatame hoggansa magaalaa fi gandootaa waliin taasifame.

Fayyadamummaa Hawaasaa mirkaneessuuf raawwii hojii guyyaa guyyaan hojjatamuun gamaaggamamuun milkaa'inni hojii madaalama waan ta'eef,marii idilaa'een hojiilee keenya hunda ilaallee ni milkeessa jedhame.

Waan karoorfanne cichoominaan hojjannee,isa itti aanuuf marii itti fufaan imala nageenyaa fi misoomaa ijaarra"jedhan, I/...
13/04/2026

Waan karoorfanne cichoominaan hojjannee,isa itti aanuuf marii itti fufaan imala nageenyaa fi misoomaa ijaarra"jedhan, I/Gn Paartii Badhaadhina Damee Bulchiinsa Magaalaa Maqii obbo Xuurii Waltajjii

Maqii,Eebla 05,2018(MTPP) # # # # # # # # # # # # # # # # # # #
# # # # # # # # # # # # # # #
Mariin nageenyaa fi misoomaa torbanoota darban hojjataman,hoggansa magaalaa fi gandootaa waliin qoratame.Imala Badhaadhina hunda galeessa hojjatamaa jiru milkeessuu keessatti gaheen hoggansa sadarkaa adda addaan jiru murteessaadha.

Har'a irra dhaabbannee kan boruu yaadnee hojjachuun,imaanaa hawaasa tajaajiluuf fudhanne milkeessuuf marii bilchina qabuu fi yeroo isaa eggateen waan karoorfanne raawwannee boqonnaa itti aanuuf of qopheessuu qabna" jedhan,I/Gn Paartii Badhaadhina Damee Bulchiinsa Magaalaa Maqii obbo Xuurii Waltajjii.

Eeggannoo!Ayyaana waggaatti al-tokko kabajamuuf,waan fayyaa keenya miidhan irraa of-eeggannoo gochuun qabna" jedhan, I/G...
11/04/2026

Eeggannoo!

Ayyaana waggaatti al-tokko kabajamuuf,waan fayyaa keenya miidhan irraa of-eeggannoo gochuun qabna" jedhan, I/Gn Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Maqii obbo Waganee Kibabawu.

Maqii,Bitootessa 03,2018(MTPP) # # # # # # # # # # # # # # # # # # #
# # # # # # # # # # # # # # #
Ayyaana sooma hiikaa (faasikaa)sababeeffachuun,qalmi horii adda addaa fi dhugdoon qopheeffamu fayyummaa keenyaaf ta'uu qaba malee rakkoo fayyaa ta'uu hin qabu.

Ji'oota lamaaf hordoftoonni amantaa kiristaanaa Ortodoksii soomaan dabarsuu isaaniitiin,qaamni isaanii nyaata akka foonii fi killeen hanga tokko waan wal-irraanfatuuf rakkoo fayyaa fiduu danda'a.

Kanaafuu,of-eeggannoowwan taasifamuu qaban namoonni soomarra turan garaan hanga nyaataan walbaru nyaata sasalphaa fi xiqqeessanii nyaachuu,nyaata gaarii ta'ee fi qaamaaf fayyadu filachuu fayyadamuu,yeroo nyaataa walirraa fageessuu,nyaata hin bulle irratti dabalanii nyaachuu dhiisuu,kan sooranne osoo hin bullaa'iin kan biroo itti dabaluu dhiisuu fi alkoolii humna ol fayyadamuun rakkoo fayyummaa dhaqqabsiisuu danda'a waan ta'eef, hawaasni of eeggannoo barbaachisaa ta'e akka taasisan,yoo rakkoo fayyaa kan mudatu ta'e gara dhaabbilee fayyaa akka geessan dhaaman I/Gn Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Maqii obbo Waganee Kibabawu.

Qaamolee nageenya waaressan, ayyaanaan yaadatanii cinaa dhaabbatanii deeggaruun hojii nageenyaa fi misoomaa  cimsa!Maqii...
10/04/2026

Qaamolee nageenya waaressan, ayyaanaan yaadatanii cinaa dhaabbatanii deeggaruun hojii nageenyaa fi misoomaa cimsa!

Maqii,Eebla 02,2018(MTPP) # # # # # # # # # # # # # # # # # # #
# # # # # # # # # # # # # # #
Bulchiinsa Magaalaa Maqii, ayyaana sooma hiikaa(Faasikaa)sababeeffachuun qaamolee nageenyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa,Poolisii,Milishaa Istaandi baayii fi Milishaa gandaaf Bulchiinsi magaalaa sangoota qalmaa bitee kenneef.

Qaamoleen nageenyaa ofiif haala rokkoo keessa taa'anii hawaasa akka nagaan jiraatu taasisu;qaama kana cinaa dhaabbachuun nageenya waaressee misooma cimsa waan ta'eef gara fuula duraas waan qabnuun qaamolee nageenyaa bira ni dhaabbanna" jedhan,kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Maqii Injinar Dilboo Urgeessaa

Hawaasaa itti dhiyyeenyaan waan inni barbaaduun tajaajiluuf Kenni tajaajila hoggansa gandaa sadarkaa sadarkaan jiruu mur...
08/04/2026

Hawaasaa itti dhiyyeenyaan waan inni barbaaduun tajaajiluuf Kenni tajaajila hoggansa gandaa sadarkaa sadarkaan jiruu murteessaadha!

Maqii,Bitootessa 30,2018(MTPP) # # # # # # # # # # # # # # # #
# # # # # # # # # # # # # #
Godina Shawaa Bahaa Bulchiinsa magaalaa Maqiitti,gamaaggammni raawwii hojii Mootummaa fi Paartii Badhaadhinaa gandoota irratti gaggeeffameet jira.

Gamaaggama raawwii hojii taasifamaa jiru kanaan hojiin nageenyaa, misoomaa fi hawaasummaa adeemsifamuun kallattiin hojii itti aanuu kenname.

"Imala Badhaadhinaa eegalame galamaan gahuuf,waan karoorfanne bu'aan madaallee karoora itti aanuuf of-qopheessuu qabna" ...
08/04/2026

"Imala Badhaadhinaa eegalame galamaan gahuuf,waan karoorfanne bu'aan madaallee karoora itti aanuuf of-qopheessuu qabna" jedhan kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Maqii Injinar Dilboo Urgeessaa.

Maqii,Bitootessa 30,2018(MTPP) # # # # # # # # # # # # # # # #
# # # # # # # # # # # # # #
Godina Shawaa Bahaa Bulchiinsa magaalaa Maqiitti, gamaaggammni raawwii hojii Mootummaa fi Paartii Badhaadhinaa hoggansa magaalaa, gandotaa fi ogeessota karooraa waliin gaggeeffamaa jira.

Hojii jala alaa gamaaggamuun, isa itti aanuu raawwachuuf gamaaggamni raawwii hojii yeroo isaa eeggate barbaachisaa waan ta'eef,hojiilee raawwachuuf karoorfannee hafan yeroo qabnu kanatti duguuganee raawwachuun karoora itti aanuuf of-qopheessuu qabna jedhame.

Barsiisaan ogummaa fi dandeettiin of gahoomsu,dhaloota barnootaan fulla'ee biyyaaf ta'u oomisha!Maqii,Bitootessa 27,2018...
05/04/2026

Barsiisaan ogummaa fi dandeettiin of gahoomsu,dhaloota barnootaan fulla'ee biyyaaf ta'u oomisha!

Maqii,Bitootessa 27,2018(MTPP) # # # # # # # # # # # # # # # # # # # #
# # # # # # # # # # # # # # # # # #
Godina Shawaa Bahaa Bulchiinsa magaalaa Maqiitti,qormaata Madaallii Gahuumsa Ogummaa karoo toora intarneetiitin Bitootessa 28,2018 irraa eegalee kennamu,qophii taasifamaa jiru daawwatame.

Qormaanni MGO kanaan dura fageenya deemamee qoramaa kan ture,yeroo ammaa haala mijataa uumameen barsiisonni hedduun qormaata kana fudhachuun of gahoomsu jedhameet eeggama.
Hojiilee mooraa mana baruumsa Odaa Boqotaa sadarkaa 2ffaa keesatti barsiisota gahoomsuun sarara intarneetiitii diriirfame I/Gn Ijaarsa Paartii Badhaadhina Damee Bulchiinsa Magaalaa Maqii obbo Ballaxaa Baqqalaa, I/Gn Itti Aanaan Waajjira Barnoota Godina Shawaa Bahaa obbo Turii Ahimad fi I/Gn Waajjira Barnoota Bulchiinsa magaalaa Maqii Obbo Gabiyyoo Sulxaan daawwatan.

Fooyya'iinsa Qabxii barattoota qormaata  biyyoolessaa kutaa 12ffaa qoramaniif,tumsi taasifamu barattoota onnachiisee akk...
05/04/2026

Fooyya'iinsa Qabxii barattoota qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qoramaniif,tumsi taasifamu barattoota onnachiisee akka firii gaarii galmeessisan gargaara.

Maqii,Bitootessa 27,2018(MTA) # # # # # # # # # # # # # # # # # # # #
# # # # # # # # # # # # # # # # # #
Bulchiinsi magaalaa Maqii barattoota kutaa 12ffaa qormaata biyyaalessaa qoraman,kanneen mana baruumsaa keessa oolanii bulanii qo'ataniif deeggarsa midhaan nyaataa fi zayita nyaataa taasiseet jira.

Deeggarsa taasifame kana irratti argamuu haasawa kan taasisa I/G Ijaarsa Paartii Badhaadhina Damee Bulchiinsa Magaalaa Maqii obbo Ballaxaa Baqqalaa,I/G Itti Aanaa Waajjira Waajjira Barnoota Godina Shawaa Bahaa obbo Turii Ahimad fi I/Gn Waajjira Barnoota Bulchiinsa magaalaa Maqii Obbo Gabiyyoo Sulxaan walduraa duubaan akka jedhanitti,dhaloota har'aa caarraawaa ta'uu beeknee,boru biyyi tuni isin harkatti kufti waan ta'eef jabaannee yeroo qabnutti fayyadamnee dubbisuun qormaata kana hojjattanii tarkaafachuun boqonnaa biroofa akka of qopheessan dhaaman.

"Kan karoofannee milkeessinee kan itti aanuuf of qopheessuuf,qophiin karooraa misoomawaa barbaachisaadha" jedhan kantiib...
05/04/2026

"Kan karoofannee milkeessinee kan itti aanuuf of qopheessuuf,qophiin karooraa misoomawaa barbaachisaadha" jedhan kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Maqii Injinar Dilboo Urgeessaa

Maqii,Bitootessa 27,2018(MTA) # # # # # # # # # # # # # # # # # # # #
# # # # # # # # # # # # # # # # # #

Godina Shawaa Bahaa Magaalaa Maqiitti Qophii Karoora Misoomaa Bara 2019 Irratti Hooggansa Magaalaa fi Gandootaa Waliin Mariin Gaggeeffame.

Galmoota gurguddoo misoomaa bara 2019tti hojjachuuf adda bahan sirnaan qindeessuu fi karoorsuun akkaataa raawwachuun danda'amu irratti mari'atamee jira.

Kantiibaa Magaalaa Maqii InjinarbDilboo Urgeessaa,Karoora misoomaa bara 2019 qophaa'e dhiyeessuun karoorichi pootenshaala hundaa fi humna raawwachuu danda'uu keenya hammatee ta'uu ibsuun karaa fayyadamummaa hawaasa keenyaa mirkaneessuun raawwatamuu qaba jechuun dhaamuun kallattii hojiiwwan itti aanus kennaniiru.

Pirojeektoota inisheetivii fayyadammummaa hawaasaaf hojjatamaa jiran irraa,Dargaggoonni IMXn gurmaa'uun Carraa Hojii arg...
04/04/2026

Pirojeektoota inisheetivii fayyadammummaa hawaasaaf hojjatamaa jiran irraa,Dargaggoonni IMXn gurmaa'uun Carraa Hojii argatan daandii Badhaadhinaatti imalaa jiru.

Maqii,Bitootessa 26,2018(MTPP) # # # # # # # # # # # # # # # # # # # #
# # # # # # # # # # # # # # # # # #
Godina Shawaa Bahaa Bulchiinsa magaalaa Maqiitti, pirojeektoota inisheetiviin duraan ijaaramanii fi haaraa ijaaraman irratti dargaggoonni gurmaa'uun of jijjiiruuf hojjachaatii jiru.Hojiileen isaan irratti bobba'anii hojjachaa jiran furdisa horii,horii aannanii, horsiisa lukkuu foonii fi killee kkf.

Keessattuu inisheetivii haaraa kan ta'e ijaarsa oomisha Haroo Qurxumii(fish pond) kilaastara walqabataa beeyiladootaa fi lukkuu biratti ijaaramaa jiru pirojeektoota magaalicha keessatti hojjatamaa jiru hawwataa godheera.

Hojiiwwan hojjataman jiran I/Gn paartii Badhaadhina Damee Bulchiinsa Magaalaa Maqii obbo Xuurii Waltajjii, I/A/ Kantiibaa fi I/Gn Waajjira Daldalaa,CHU fi Investimeentii Bulchiinsa Magaalaa Maqii obbo Maamud Bariisoo, fi I/Gtuun Siyaasa paartii Badhaadhina Damee Bulchiinsa Magaalaa Maqii aadde Sinqinash Araarsaa daawwataniit jiru.

Rifoormiiwwan fayyaa hojiirra oolchuun, fayyummaa hawaasaa keenyaa eeguu keessatti gaheen buufataalee bahaa jiran guddaa...
04/04/2026

Rifoormiiwwan fayyaa hojiirra oolchuun, fayyummaa hawaasaa keenyaa eeguu keessatti gaheen buufataalee bahaa jiran guddaadha jedhan kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Maqii Injinar Dilboo Urgeessaa.

Maqii,Bitootessa 26,2018(MTA) # # # # # # # # # # # # # # # # # # # #
# # # # # # # # # # # # # # # # # #
Bulchiinsa Magaalaa Maqiitti, boordiin fayyaa magaalichaa hojiilee buufata fayyaa Dubbisaa keessatti hojjatamaa turan bakka Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Maqii Injinar Dilboo Urgeessaa fi miseensonni boordii argamanitti hojiin fayyaa hojjatame gamaaggamameet jira.

Hojiilee karoorfanne hundaa yeroo karoorfameefii asitti xumurree,hojii isa itti aanuuf of qopheessinee fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf cimnee hojjachuu qabna jedhan I/Gn Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Maqii obbo Waganee Kibabawu.

Gamaaggama taasifameen booda,hojiileen hojjatamaa jiran daawwatameet jira.

Buufataaleen fayyaa keenya tajaajiloota fayyaa hawaasaa kennuu keessatti gaheen isaan bahaa jiran guddaa ta'uu isaatiin deeggarsa kanaa dura taasisaa turreep caaalaa cimsinee buufatalee keenya moodelessuuf waan nurraa bbarbaadamu ni baana jedhan kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Maqii Injinar Dilboo Urgeessaa.

Address

Mek'I
Shewa

Telephone

+251911504306

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Meki Town prosperity Parity posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share