Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Aanaa Burqaa Dhintuu

Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Aanaa Burqaa Dhintuu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Aanaa Burqaa Dhintuu, Government Organization, Aanaa Burqaa Dhintuu, Tefe.

Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii Waajirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa dhibee Corona kan akka biyyaatti fi A...
07/04/2020

Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii Waajirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa dhibee Corona kan akka biyyaatti fi Adunyaatti namoota hedduu qabuudhaan yaachisaa ta'e kana ofirraa ittisuuf PTC (wirtuu leenjii qonnan bultootaa/horsiisee bultoota) galii qabnu irraa dergarsaan lammiilee keenya cinaa dhaabachu qabna jechuun To'attootni hojjatoota misooma haala kanaan deeggarsa PTC Aradoota qabnu hunda irraa haala kanaan deeggarsa gochaa kan jiruu dha

Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii Waajirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa : ittisa dhukkuba hamaa yeroo amma Ad...
26/03/2020

Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii Waajirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa : ittisa dhukkuba hamaa yeroo amma Adunyaa gaalafachaa jiru vaayrasii Corona (covid 19) ofirraa ittisuuf mooraa waajirichaa keessatti iddoo harka itti dhiqatan haala kanaan qopheessinee jira!! Rabbii tokkicha kadhachaa qajeelfama oggeeyyii fayyaa fudhachaa mee of haa eegnuu lammii too!!!

Guraandhala 8/6 /2012 Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii Cufiinsa hojii Duula Qabeenya Uumamaa Amajjii 1 irr...
16/02/2020

Guraandhala 8/6 /2012
Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii
Cufiinsa hojii Duula Qabeenya Uumamaa Amajjii 1 irraa eegalee yaada Rimee misooma sululaa karaa guutuu ta'een hojjiiwan boonsan hojjatamaa kan turee guyyaa hardhaa sagantaa Eebbaa cufiinsa hojii Qabeenya Uumamaa Araddaa haroo gurraattii magaalaa badhaadhinatti bakka bulchaan Aanaa burqaa dhintuu Obbo magarsaa Awal fi keesumaan kabajaa I/G/Waajira Qonaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Harargee Lixaa Obbo Anasoo sh/Aliyyii jiranitti sagantaan Eebbaa hojjii Qabeenya Uumamaa bifa ho'aa ta'ee fi miidhagaa ta'een Eebbaa kana irratti Badhaadhini hegaree keenyaaf murteesaadha kanaaf Badhaadhinaa waliin fuldurrii keenya ifaadha jechuudhaan Eebbaa midhagaan kan gaggeefamaa jiruudha!!

Guraandhala 2012 Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii : hojiin duula Qabeenya Uumamaa Amajjii 1/2012 irraa eeg...
16/02/2020

Guraandhala 2012
Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii : hojiin duula Qabeenya Uumamaa Amajjii 1/2012 irraa eegalee yaada Rimee misooma sululaa karaa sirrii ta'een gaggeessuudhaan hirmaanaa ho'aa ta'een hojjiiwan fizikaalawaa ogummaa sirrii ta'een hojjachaa kan ture, Araddoota Aanaa hunda keessatti sagantaan Eebbaa cufiinsa hojiidhaan bifa ho'aa ta'ee fi hirmaachisaa ta'een kan gaggeefamaa jiruudha!
Eebbaa kana irratti hirmattoonni Badhaadhini hegaree keenyaaf murteesaadha kanaaf Badhaadhinaa waliin fuldurrii keenya ifaadha jechuun hojjii boonsan Eebbifamaa kan jiruudha!!

Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii hojjiin duula hojjii Qabeenya Uumamaa Amajjii 1 /2012 eegaluun keenya ni ...
18/01/2020

Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii hojjiin duula hojjii Qabeenya Uumamaa Amajjii 1 /2012 eegaluun keenya ni yaadatama haaluma kanaan Raayyaa fi raayyaa qofaan haala gaariidhaan hojjatamaa kan jiruudha

17/01/2020
Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii Guyyaa hardhaa (Amajjii 8/05/2012) Hoomaa Awwaanisaa Godina Baalee irraa ...
17/01/2020

Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii Guyyaa hardhaa (Amajjii 8/05/2012) Hoomaa Awwaanisaa Godina Baalee irraa gara Aanaa keenyaa dhufe Araddaa lama kuniis Araddaa diimtuu bareedaa fi Burqaa waabee yeroo seenuu ossoo miidhaa tokkollee hin gaggeessiin jiraataan Aanaa keenyaa hundii kuniis Qeerroo, qarree, hoggansa Aanaa, barattoota fi hawaasni baldhaan hundii itti bahuudhaan duulaan Hoomaa kana Aanaa keenya irraa dabarsanii kan jiran yammuu tahuu qaamolee duula kana irratti hirmaatan hunda isaanii baayyee baayyee galatoomaa jenaan Waajirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Aanaa Burqaa Dhintuu!!

Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii Guyyaa hardhaa 01/05/2012 hojiin duula Qabeenya Uumamaa Bifa ho'aa ta'eef...
10/01/2020

Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii Guyyaa hardhaa 01/05/2012 hojiin duula Qabeenya Uumamaa Bifa ho'aa ta'eefii fi hirmaachisaa taheen Aradoota akka Aanaatti jiran hunda keessatti haala gaariidhaan kan eegalame yammuu tahuu jiilli Kabajamoo fi jaalatamoo bulchaa Aanaa Obbo magarsaa Awal iin durfamu supervision daawii baniinsa hojjii duula Qabeenya Uumamaa Aradoota irraa deemuudhaan bifa armaan gadii kanaan ummata isaanii keessaa seenuun haala kanaan hojjachaa kan jiranii dha

Ergaa Ariifachiisaa ummata baldhaa Aanaa burqaa dhintuu hundaaf weerarrii Awwaanisaa Aanoota ollaa keenyaa kanneen akka ...
02/01/2020

Ergaa Ariifachiisaa ummata baldhaa Aanaa burqaa dhintuu hundaaf weerarrii Awwaanisaa Aanoota ollaa keenyaa kanneen akka Hawii Guddinaa fi Godina Baalee weeraraa waan jirtuuf kana malees yeroo ammaa daangaa Aanaa keenyaa naannoo laga dhungataa qubatee waan jiruuf of nuttiis akka Aanaa keenyaattii of eeggannoo cimaa gochuu qabnaan ergaa fi dhaamsa WQQU Aanaa burqaa dhintuuttii!!

Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii Leenjii sosochii hojjii Qabeenya Uumamaa guyyaa 22_24 ttii kan gaggeefamu...
01/01/2020

Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii Leenjii sosochii hojjii Qabeenya Uumamaa guyyaa 22_24 ttii kan gaggeefamu guyyaa hardhaa qaamota sadarkaa Araddattii hojjii kana milkeessuu danda'an (Bulchaa gandaa, hojjatoota misooma saddeen kuniis plant science, Animal science and Natural Resource, hojjataa Bulchiinsa itti fayyadama lafa baadiyaa kan sadarkaa baadiyaa yaamuudhaan kana malees gaggeesitoota sadarkaa Aanaa fi Raawatoota seektara Qindaa’aa qonna hunda hirmaachisu dhaan bifa Qindaa’aa taheen kan kennamaa jiruu dha

Mee callaa Oomisha kana wal moggattii ilaalaa lammii koo mee hundii keenya Barataa, Barsiisaa, Hojjatootni keenya hundii...
17/12/2019

Mee callaa Oomisha kana wal moggattii ilaalaa lammii koo mee hundii keenya Barataa, Barsiisaa, Hojjatootni keenya hundii bakka jirtanii Qonaan bulaa keenyaaf haa dirmanuun dhaamsa keenya!!!!

Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii jiila duula Oomisha sassaabbii I/A/Bulchaa Obboo yaayaa seeyfii tiin durf...
17/12/2019

Godina Harargee Lixaa Aanaa burqaa dhintuuttii jiila duula Oomisha sassaabbii I/A/Bulchaa Obboo yaayaa seeyfii tiin durfamu kunoo Oomishnii Qonaan bulaa keenya akkattii Roobaan badee DIRMADHAA issiiniin jedha!!!

Address

Aanaa Burqaa Dhintuu
Tefe

Telephone

+251986713080

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Aanaa Burqaa Dhintuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share