23/12/2020
ππππππππππππππππππππππππππ
Gaazexeessaa fi artistiin gameessi Ibraahim Hajii Alii addunyaa kanarraa du'aan boqotan
********
Namni ogummaa hedduu qabaniifi aartiifi Afaan Oromoo guddisuu keessatti gummacha guddaa taasisuun beekaman, Ibraahim Hajii Alii addunyaa kanarraa du'aan boqotan.
Namni gameessi kun bara dabrerraa eegalee dhukkubsachaa kan turan yoo taβu, yeroo dheeraaf yaala argachaa turan.
Ibraahim Hajii Alii Koree Waaltina Afaan Oromoo keessatti baroota hedduuf kan tajaajilan yogguu tahu, Faanaa Biroodikaasting Korporet keessatti gaazexessummaan yeroo dheeraaf hojjetaniiru.
Keessattuu sagantaan isaan qopheessanii dhiyeessan "Faana Afaan Oromoo" jedhamu namoota hedduu biratti jaalatama.
ALI bara 1968 gaazexaan Bariisaa yoo hundeeffamu, hundeessitoota keessaa tokko akka turanillee ni himama.
Namni gameessi kun ogummaa hedduu nama qabanidha: weellisaa turan, walaloo fi yeedaloos ni barreessu, gaazexeessaa beekamaadha, xiinxalaa ispoortiifi hayyuu afaanii turan
Beekumsa Afaan Oromoofi gaazexeessummaa qabaniin gaazexeessitoota dargaggoota gorsuuniifi muuxannoo isaanii qooduunis ni beekamu.
Sirni awwaalcha isaaniis har'a (Roobii) waaree booda saβaa 9:00tti magaalaa Finfinneetti ni raawwatama.
BBC Afaan Oromoo maatiifi firoottan isaaniif jajjabina hawwa
π·: OBN