06/10/2026
"Dinagdee Horsiisee bultootaa ijaaruuf hojiin eegalame hanga maatiitti gadi bu'uu qaba" Obbo Ahmad Haajjii
Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Bulchaan Godina Kibba Oromiyaa Obbo Ahmad Haajjii Koreesaa Waliin Kilastara Yaaballoo Aanaa Eelwayyeetti hojiilee misooma margaa hojjatamaa jirani daawwachuun kallattii hojii kennani.
Muuxannoon omisha margaa kilastara Yaaballo Aanaa Eelwayyeetti mootummaafi namoottan dhunfaan hojjatamaa jirani Aanaale gammoojjii Godina Kibba Oromiyaatti babal'achuun hawaasi horsiisee bulaa marga tuulate yeroo caamaa qofa itti fayyadamuu osoo hintaane gara dinagdeetti jijjiiruu qaba jedhani Bulchaan Godinichaa Obbo Ahmad Haajjii.
Horsiisee bultoonni marga omishatanii tuulachuun biratti raanchiiwwan hawaasaa babal'isuun sanyii fooya'oo loon Booranaa Aananiifi foon gahaa kennu tursiisuun fayyadamummaa hawaasaa dhugoomsuu qabna jedhani.