Borana Zone Communication Office

Borana Zone Communication Office We serve as sources of information for our community on social economic and political dimension.

03/08/2026
03/08/2026
Jiraattoonni Aanaalee Godina Booranaa hundatti bifa walfakkaatuun kutaaleen hawaasaa hundii guyyaa dhaabbii ashaaraa mag...
03/08/2026

Jiraattoonni Aanaalee Godina Booranaa hundatti bifa walfakkaatuun kutaaleen hawaasaa hundii guyyaa dhaabbii ashaaraa magariisaatti biqiltuuwwan duraan dhaabamani kunuunsuu irratti argamu

Godina Booranaatti biqiltuuwwan mukkeen garaagaraa miliyoona 17 oliif kunuunsi taasifamaa jiraGuyyaa abdii dhaabuu sadar...
03/08/2026

Godina Booranaatti biqiltuuwwan mukkeen garaagaraa miliyoona 17 oliif kunuunsi taasifamaa jira

Guyyaa abdii dhaabuu sadarkaa Biyyaatti geggeeffamaa jiru sababeeffachuun jiraattoonni Godina Booranaa Biqiltuuwwan duraan dhaabani kunuunsaa jiraachuu himani.

Bara kana biqiltuuwwan mukkeen nyaataa, gaaddisaafi bareedinaa miliyoona 17 rooba arfaasaan dhaabamaniif kunuunsi taasifamaa jiraachuu Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Jallaa Dullachaa himani.

Duula ashaaraa magariisaa sadarkaa Biyyaatti eegalamee hojjatamaa jiruun Aanaalee Godina Booranaa hundatti kunuunsi biqiltuu taasifamaa jiraachuu Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdisalaam Waariyoo himuun kunuunsi kuni ittifufuu qaba jedhani.

Biqiltuuwwan dhaabamani naannoo gammoojjii horsiisee bulaatti jijjiirama qilleensaa to'achuufi yeroo ongeetti gaaddisaafi nyaataata horiif kan oolu ta'uu beeknee ammummarraa kan duraan dhaabne kunuunsuu qabna jedhani Gorsaan Biiroo Daandiifi Loojistiksii Oromiyaa Obbo Liiban Areeroo.

03/08/2026

Address

Borana Zone Communication Office
Yabelo
2024

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Borana Zone Communication Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Borana Zone Communication Office:

Shortcuts

Share