Waajjira Nagaaf Milishaa Aanaa Dubluq

Waajjira Nagaaf Milishaa Aanaa Dubluq Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Nagaaf Milishaa Aanaa Dubluq, Government Organization, Yabelo.

Mariin Haala Yeroo Irratti Xiyyeeffate Hojjattoota Mootummaa Waliin Geggeeffame Jira.‎=================================‎...
11/06/2026

Mariin Haala Yeroo Irratti Xiyyeeffate Hojjattoota Mootummaa Waliin Geggeeffame Jira.
‎=================================
‎WNMA-Dubuluqii Waxabajjii 4/2018 Godina Boorana Aanaa Dubuluqittii dhimmoota akka biyyiti Haala Nageenya Keessa fi alaa irratti akkasumaas Xiinxalaa Aanichaa bu'uureffatu Hojjattoota Mootummaa fi hoggantoota Sekteraalee hirmaachisuun geggeeffameera.

‎Waltajjii kana irratti IA Bulchaa Obboo Isaaq Qallaa barbaachisummaa waltajjii ibsuun marii ifatti eegalchiisaniiru.

‎Waltajjii marii nageenyaa kanaan rakkoowwan nageenyaa sadarkaa biyyaa, naannoo fi Aanaa keennaa beeknee sirriitti hogganuun nageenya sadarkaa hundatti mirkaneessuu qabna jedhaniiru.

‎Haaluma kanaan Dhimmoota haala yeroo hundu hubachuun Nageenya biyyattii fi Aanicha eeguu irratti tokko tokkoon keenya gahee nurra eeggamu bahuu qabna jechuun dhaamame.

Qaamoleen Nageenyaa Utubaa sirnaa fi Nageenyaati!!Aanaa Dubuluqitti Gamaggamanni Hojii baatii caamsaa Qaamolee Nageenyaa...
08/06/2026

Qaamoleen Nageenyaa Utubaa sirnaa fi Nageenyaati!!

Aanaa Dubuluqitti Gamaggamanni Hojii baatii caamsaa Qaamolee Nageenyaa waliin geggeeffamee jira.

IG/Waajjira Nagaaf Milishaa Aanaa Dubuluqi Saj.Maallicha Kuulii Gamaggama kana irratti argamanii Ciminnaa fi Hanqinna jiru adda baasuun qoratanii jiru.
Qorannoo geggeessaniinis Hanqinoota jiran maksuun Ciminoota Hojii keessatti mul'atan itti fufsiisuun imala Badhaadhinna gama hundaan akka mirkanaa'uuf kallattii hojii yeroo itti aanuu kennaniiru.

Caasaa Nageenyaa Cimaa qabaachuun Nageenya amansiisaa lafa qabsiisuun Misooma Itti fufsiisuun imala badhaadhinna dhugoomsuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu isaa ibsaniiru.

Hog/Waajjira Poolisii Aanaa Dubuluqi Insp/Ol Jaarso Guyyo Ciminna fi Qabsoo Qaamoleen nageenya keenya taasisaniin Aanaan Dubuluqi nageenyaa fi Misoomaan bu'aa lakka'amaan argamee jira jedhaniiru..

Qaamoleen nageenyaa Aanaa keenyaa qindoominnan hojjechuun Qe'ee keessaniif waardiyya ta'uun gamatti nageenya Hawaasa bu'uuraan mirkaneessuun misooma hunda galeessa itti fufsiisuu keessaniif galata guddaa qabdu jedhamee dhuma irratti affeerraan nyaata taasifamee jira

*Breaking Information!! *In Northern Shewa zone Degem woreda in a kebele called Lelisa Ali Doro action has been taken on...
05/06/2026

*Breaking Information!! *
In Northern Shewa zone Degem woreda in a kebele called Lelisa Ali Doro action has been taken on the members and leaders of OLF Shene who is called Brigade Senbirtu and Brigade Risa Lege Jama. It is confirmed that 87 members of the group have been destroyed by this measure.

Akkas ta'uunis jira.Diinni Iluu Abbaa Boor seentee nagaa bahuu hin dandeessu. Goototni keenya Raayyaan Ittisa biyyaa fi ...
04/06/2026

Akkas ta'uunis jira.
Diinni Iluu Abbaa Boor seentee nagaa bahuu hin dandeessu.
Goototni keenya Raayyaan Ittisa biyyaa fi qaamoleen nageenyaa hunduu galatoomaa!

Shaneen yoomiyyuu diina keenya.

Aanaa Dubuluqitti   Qindoominna Qamoolee Nageenya Aanichaatiin Too'atame.    12/2018 Waajjira Nagaaf Milishaa Aanaa Dubu...
21/05/2026

Aanaa Dubuluqitti Qindoominna Qamoolee Nageenya Aanichaatiin Too'atame.


12/2018
Waajjira Nagaaf Milishaa Aanaa Dubuluqi Daldallii Seeraan Ala Qindoominna Qaamolee Nageenya Aanichaatiin Too'atameera.
Konkolaata Deddeebisa Uummataa Lakkoofsi Gabatee isaa 57347-OR Magaala Olaanaa Mooyyale irra Ka'ee Gara Magaala yaaballootti Kontorbaandi Fe'atee osoo imalaa jiru Eeruu Hawaasnii Qaamolee Nageenya Aanichaatiif kenneen Guyya Keessa Sa'atii 12:00tti Asuma Aanaa Dubuluqii Ganda jigeessa Iddoo Addaa Maadiyaa Dansaa jedhamu Fuulduraatti Qabamee Too'anna Seera Jala oolee jira.
ykn Daldalli Seeraan Ala Qabamee Kun Gumruk Itiyoophiyaa Damee Godina Boorana Magaala yaaballooti argamuti Galii kan ta'ee yoo Ta'uu Tilmaama Qabeenya Qabamee tokko fi Kumaa torbaatamaa fi Dhibba tokkof diddama (1,070,120) ti kan Tilmaame Ta'uu isaa IG/Waajjira Nagaaf Milishaa Aanaa Dubuluq Saaj Mallicha Kuulii ibsanii jiru kontorbaandiin yokiin Daldalli seeraan alaa biyyaafis hawaasa keenyaafis miidhaa ol'aanaa waan qabuuf waliin taane daldala seeraan alaa haa ittimnu

Yaaballoo;-Camsaa,07/2018(QPGB)‎          Oolmaya Dhaadachaa ‎       Murtii Ariifachiisaa (RTD)‎Godina Booranaa Aanaa Du...
16/05/2026

Yaaballoo;-Camsaa,07/2018(QPGB)
‎ Oolmaya Dhaadachaa
‎ Murtii Ariifachiisaa (RTD)
‎Godina Booranaa Aanaa Dubuluqi itti
‎Himatamtoonni maqaan isanii ;-
‎1ffaa. Saara Jaatani Gaayyoo fi
‎2ffaa.Tiyyoo Gabaabo Diida jedhaman
‎Himatamaan 1ffaa maqaan isaa Saara Jaatanii jedhamu gaafa guyyaa 05/09/2018 Guyyaa keessaa tilmaamaan naanno sa’aatii 10:00 yommuu ta’u, asuma Aanaa Dubuluqi Ganda Qarsaa Danbii bakka addaa Jiirfata (Marfata) Didila jedhamu Daandii Ispaaltii irrtti Boba’aa Naafxaa Jaarkaana Abbaa Litirii 20 (Digdamaa) baay’inni isaa 11(Kudhanii Tokko) Walumaagalatti kan Boba’aa Naafxaa Litirii 220(Dhibba Lamaaf Digdama) tilmaamni gatii isaa Litiriin 1(Tokko) qarshii 184.91(Dhibba Tokkoof Saddeettamii Afuriif Saantima Sagaltatamii Tokko) kan Naafxaa Litirii 220 (Dhibba Lamaaf Digdamaa) Qarshii 40680.2(Kuma Afurtamaaf Dhibba Jahaaf Saddeettama) ta’u Motorii Goommaa 2 (Lamaa) (Doqdoqqee) Bookserii 150CC ta’e Lakkoofsa Gabatee hin qabnee irratti fe’ee osoo geejjibsiisuu jiru gaafuma guyyaa, bara, Ji’a, iddoo, sa’aatii armaan olitti ibsame kanatti harkaaf harkatti qabamee waan argameef, himatamaan yakka Naafxaa Osoo hayyama seera qabeessa ta’e hin qabaatiin geejjibsiisuu fi Himatamaan 2ffaan maqaan isaa Tiyyoo Gabaaboo jedhamu gaafa guyyaa 05/09/2018 Guyyaa keessaa tilmaamaan naannoo sa’aatii 7:00 irratti Aanaa Dubuluqi Ganda 01 bakka addaa Gorsuma Daandii Goorodaada biratti Boba’aa Naafxaa Jaarkaana Abbaa Litirii 20 (Digdamaa) baay’inni isaa 11(Kudhanii Tokko) Walumaagalatti kan Boba’aa Naafxaa Litirii 220(Dhibba Lamaaf Digdama) tilmaamni gatii isaa Litiriin 1(Tokko) qarshii 184.91(Dhibba Tokkoof Saddeettamii Afuriif Saantima Sagaltatamii Tokko) kan Naafxaa Litirii 220 (Dhibba Lamaaf Digdamaa) Qarshii 40680.2(Kuma Afurtamaaf Dhibba Jahaaf Saddeettama) ta’u Nama maqaan isaa Saara Jaatanii jedhamutti gurguree, gaafuma guyyaa, bara, Ji’a, armaan olitti ibsame kana iddoo addaa Dhaabbata Boba’aa JR maadiyaa jabaa jedhamu biratti sa’aatii 11:00 irratti waan qabameef, himatamaan yakka Naafxaa hayyama seera qabeessa ta’e osoo hin qabaatiin gurguruu raawwachuu tiin
‎to'annoo seera jalaa oolchuun shakkamtoota irratti gareen qorannaa yakka fi murtii haqaa kennisiisa aanichaa galmee ragaadhaan qulqulleessee Abbaan Alangaa Mana Murtii Aanaa Dubuluqittii himata saaquun manii murtiitti Himatamtoonni dhadhachatti dhiyaatani yakka ittiin himatamaan Guutummaan guutuutti Waan amaniif Manni murtii ragaa ragaa abbaa alangaa bira darbuun isaaniifi fakkaattota akka isaanii ni barsiisaa jeedhe dhaadachaa yakkaa gaafa guyyaa 07/09/2018 ooleen Himatamtoota irratti murtii ariifachiisaa (RTD) himatamaa 1ffaa. Saara Jaatani Gaayyoo adabbii hidhaa cimaa waggaa 3 Daanga Waggaa 2 fi adabbii Qarshii 100,000 yoo adabamu himatamaan 2ffaa.Tiyyoo Gabaabo Diida adabbii Hidhaa Cimaa waggaa 2 fi Baati 9 Daanga Waggaa 2 fi adabbii Qarshii 100,000 itti murteese isaa It/G/Kutaa Qorannaa Yakkaa fi Murtii Haqaa Kennisiisa Poolisii Aanaa Dubuluqi It/A/Insp.Liiban Guyyoo beeksisaniiru.

Aanaa Dubluqitti cuunfaan argeessa seeraan alaa qindoominna qaamolee nageenya Aanichatiin too'atamee WNMADubuluqi caamsa...
14/05/2026

Aanaa Dubluqitti cuunfaan argeessa seeraan alaa qindoominna qaamolee nageenya Aanichatiin too'atamee
WNMADubuluqi caamsa 06/2018 waajjira Nagaaf Milishaa Aanaa dubuluqi Ganda qarsa dambii irratti cuunfaan argeessa seeraan alaa kan jarkaana 10 fi litiriin yoo ibsamu 200 kan ta'e kan yeroof ka'umsii isaa adda hin baanef qoratamee seeraan qulqullaa'aa kan jiru yoo ta'uu qindoominna qaamolee nageenya Aanichatiin too'atamee mottoori tokkon fe'amee kallatti mooyyale geejjibsiifamaa osoo jiru hordoffii Qaamooleen nageenya taasisaniin konkolaachisa mottora waliin harkaaf harkatti qabuun too'anna seera jala oolfamee jiraachuu isa IG Waajjira Nagaaf Milishaa Aanaa Dubuluq Saaj Mallicha Kuulii ibsanii jiru

Godina Boorana Aanaa Dubluqitti naafxaan seeraan alaa qindoominna qaamolee nageenya Aanichatiin too'atamee WNMADubuluqi ...
13/05/2026

Godina Boorana Aanaa Dubluqitti naafxaan seeraan alaa qindoominna qaamolee nageenya Aanichatiin too'atamee
WNMADubuluqi caamsa 05/2018 waajjira Nagaaf Milishaa Aanaa dubuluqi naafxaan seeraan alaa kan jarkaana 11 fi litiriin yoo ibsamu 220 kan ta'e tilmaamii qarshii Kuma afurtamaaf Dhibba shaniif saddeettamaf tuqaa lama kan ta'e (40,680.2) kan yeroof ka'umsii isaa adda hin baanef qoratamaa jiru qindoominna qaamolee nageenya Aanichatiin too'atameera naafxaan kun mottoori tokkon fe'amee kallatti yaaballoo geejjibsiifamaa kan jiru ta'uu hordoffii Qaamooleen nageenya taasisaniin konkolaachisa mottora waliin too'anna seera jala oolfamee galmeen irratti qulqullaa'aa kan jiru ta'uu isaa IG/Waajjira Nagaaf Milishaa Aanaa Dubuluq Saaj.Mallicha Kuulii ibsanii jiru

Aanaa Dubuluqitti   Qindoominna Qamoolee Nageenya Aanichaatiin Too'atame.    04/09/20 Waajjira Nagaaf Milishaa Aanaa Dub...
13/05/2026

Aanaa Dubuluqitti Qindoominna Qamoolee Nageenya Aanichaatiin Too'atame.


04/09/20
Waajjira Nagaaf Milishaa Aanaa Dubuluqi Daldallii Seeraan Alaa Qindoominna Qaamolee Nageenya Aanichaatiin Too'atameera.
Konkolaata Deddeebisa Uummataa Lakkoofsi Gabatee isaa OR Magalaa Olaanaa Mooyyalee irraa Ka'ee Gara Magaala yaaballootti Kontorbaandi Fe'atee osoo imalaa jiru Eeruu Hawaasnii Qaamolee Nageenya Aanichaatiif kenneen Guyya Keessa Sa'atii 11:00ttii Asuma Aanaa Dubuluqii Ganda jigeessa Iddoo Addaa Maadiyaa Dansaa jedhamu Fuulduraatti Qabamee Too'anna Seera Jala oolee jira.
ykn Daldalli Seeraan Ala Qabamee Kun Gumruk Itiyoophiyaa Damee Godina Boorana Magaala yaaballooti Argamuti Galii kan ta'ee yoo Ta'uu Tilmaama Qabeenya Qabamee Dhibbaa tokkoo fi Kuma shantamii Sadii fi Dhibba lama (153,200) ti kan Tilmaame Ta'uu isaa IG/Waajjira Nagaaf Milishaa Aanaa Dubuluq Saaj Mallicha Kuulii ibsanii jiru kontorbaandiin yokiin Daldalli seeraan alaa biyyaafis hawaasa keenyaafis miidhaa ol'aanaa waan qabuuf waliin taane daldala seeraan alaa haa ittimnu

Address

Yabelo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Nagaaf Milishaa Aanaa Dubluq posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share