30/12/2022
CRC Dibbee gayyaatti
Oolmaa gaafa guyyaa 21/04/2015
Waldorgommii Qalamaa
Miira dorgommii barattoota gidduutti uumuun barnoota milkeessuu dhaadannoo jedhu qabannee sadarkaa CRC Dibbee gayyaatti manneen barumsa Wiirtuu gurmuu manneen barumsa keennaa hunda bifa hirmaachiseen barattoota kutaa 1ffaa hanga 4ffaa jiran hunda gidduutti dorgaa dorgee bifa midhaagaan raawwachaa oollee jirra.
akkasumas barattoota dorgommicha irratti hirmaannaa hoo'aa taasisaniif sirnii badhaasaafi beekkamtii raawwatamee jira.
Hojiin akkanaa kun sadarkaa CRC keennaa qofatti dhaabachuu akka hin qabneefi itti fufuu akka qabu hoggantoonnii manneen barumsa keennaa hundinuu dhaamatani jiru.
dabalataan barattoonnii dorgommicha irratti hirmaatanis haallii akkanaa kun nuuf haaraa ta'us cimee itti fufuu akka qabu gaafatan.
Barsiisonnii keennas gama keennaan gahee nurraa eegamu hundaa bahuun barattoota teenna ni gahoomsina jedhu.
Horaa bulaa deebanaa.
Barnoota Qulqullinna qabu Ilmaan teennaaf.