Oromiske Media og Kultur Forening

Oromiske Media og Kultur Forening Oromiske Media og Kultur Forening is an independent, nonpartisan and nonprofit association whose mission is to support Oromia media network /OMN/.

27/02/2017
02/10/2016
17/12/2015
04/12/2015

Watch Naasifaay Addunyaa - Tolaan Diddan **NEW** 2015 (Oromo Music) at Oromp3.com

18/10/2015

OMN Fedhinnaa Biyyolessa Oromoo /Oromo national Interneste /Qaama Tiksu kessaa tokko.

Jarra tokkoo fi walakaa oliif ummatni Oromoo angoo siyasaa,dinagdee,hawasummaa,humna ittisa biyyaa akkasumas humna tika nageenyaa akka sabaatti dhabee fedhinnaa Biyolessaa Oromoo/Oromo National Interneste/ gaaffii jalatti akka kufu ta'e.

Sirnootni warra abbaa irree darbanii fedhinnaa Oromoo Biyolessaa kana angoo siyasatti gargaramuun labsii adda addaan dhabamsiisuuf osoo yaalanii itti hin milka'iin ofii isanii iyyuu akka dhadhaa abidda buute godannisa seenaa ta'anii darban.
Sirni bicuu bittaa abbaa irree Woyanee immoo maqaa dimokrasiin afufamee ,ergamaa guddina dinagdee of fakkessee fedhinnaa biyolessummaa Oromoo gaaffii jala galchuu akka itti fufetti jira. Kessaa iyyuu kun kan irratti xiyeffate karoora master plan fi guddina magalaa jedhuun saamicha lafaa irratti bobba'uun qote bulaa keenya lafa abbaa isaa irraa buqisuu fi hiyomsuun of mul'isa jira. Kana qofaa osoo hin taane maqaa guddina magalaan afaan,aadaa,Safuu fi hooda Oromoo balessuun enyummaa halagaan bakka buusuuf darbees Oromiyaa godina adda addaatti gargar ciruun Oromiyaa guddittii xiqessuuf Woyaneen hiriba dhabdee mala adda addaa baafachuun dalagaa jira.

Oromoo fi Oromummaa akasumas fedhinnaa biyolessa Oromoo gaaffii jala galchuuf shirri adda addaa Sirna darban kessatti dalagama turee fi Amalee itti jiramu Ilma, hintala, xiqqaa fi guddaa, beekaa fi walaalaa ,Oromoo biyya kessaa fi alaa hunda yaaddoo kessa galchee kan jiruudha.

Jarreen har'a fedhinnaa Oromoo irratti duulaa jiran kun jalladhuma keenya osoo hin beekiin afanfajja'e yookaan dantaa xixiqqaan sossobanii of dura ofuun ta'uun isaa kan qalbii fi suuryaada namaa cabsuudha.Kessaa iyyuu baqataa sababa Oromummaa isaaf/isheef rakkoo fi gidiraan adda addaa motummaa Woyaneen irra ga'uu isaa himattee /himate qubsuuma
erga argate booda sana dagachuun ykn afanfajjiin ykn dantaa mataa ofii dursuun fedhinnaa saba Oromoo nyaapha cina hiriiruun gaafii jala osoo galchanii hubatamaa jiru.Kun immoo bara kana keessa godannisa Senaa gadhee ta'ee mul'ataa jira.
Kessaa iyyuu fedhinnaa Biyolessaa Oromoo gaaffii jala galchuuf Woyaneen media itti gargaramuun ummata keenya olola sobaan miccaa sammuu/Brain wash/ irratti adeemsisaa jirti. Haqa qabatamaa lafa irratti mul'atuun Oromoo fi Oromummaa xiqessuuf karoorfatame osoo ilaalluu guddina biyaaf, dagagina dinagdeeti nuun jechuu yaalu.Summii Oromoo balessuu dammaan maranii karaa ergamtootaa fi media isanii afaan nu kaa'uu dhama'u.

Asirratti egaa haalli kun kan nu hubachiisu ga'een median tokko hawasa kessatti qabu hangam cimaa ta'uu isaati. Kessaa iyyuu saboota akka Oromoo fedhinnaan biyyolessa isanii gaaffii jala galeef median haala kana ummata barsisuu fi hubachiisun ummatichi fedhinnaa biyolessummaa isaa akka tikfatuu ga'ee guddaa xaphata.

Dhimma kana irratti ga'een media Oromoo olaanaadha. Kessaa iyyuu kallatiidhaan gurraa fi ija Oromoo miliyoonota heddutti lakkawaman bira ga'aa kan jiru OMN irraa qooda olaanaatu eegama.Median Woyane waan Oromummaa balessuu gaarii fakkessanii yeroo dhihessanitti ,ragaa qabataman farra fedhinnaa Biyolessaa Oromoo ta'uu isaa kallatiin deebii kennuun ijaa fi gurra Oromoo qaqqabsisuutu irraa eegama.Egaa OMN yeroo kana godhu fedhinnaa Biyolessaa Oromaa tiksaa jiraachuu isaa dalagaan waan mirkanessuuf
Fudhatama olaanaa argata,dalaga isaa gaarii kananiis qabatamaan kana mirkanessee jira.

OMN qaama fedhinnaa Biyolessaa Oromoo tiksu kessaa erga tokko ta'e nuti immoo akka Oromotti maal gochuutu nu irraa eegama?

Carraa seenaa ta'ee OMN hundessuu kessatti ga'ee namootni dhunfaa xaphatan enyu iyyuu kan haalu hin ta'u. Haa ta'u malee fedhinnaa Biyolessaa Oromoo tiksuu kessatti ga'ee inni xaphatee fi xaphata jiruun, hadholee fi oboletawwaan Sabbata isanii irraa hiikanii,warri dhiiraa immoo giibii isanii kessaa baasuun OMNiin dinagdeen utubuu fi jirachisuun qabeenya ummata Oromoo godhanii jiru.Kun immoo gaaffii tokko malee itti fufinsa isaaf murtee ejjennoo keenya ta'uu qaba.

Woyaneen si'a sagalii oliif OMNiin ugguruuf yaaluun ishee akeeka fedhinnaa Biyolessaa Oromoo balessuuf karoorfate fashalsisuu kessatti ga'een OMN xaphacuu danda'u dursitee waan hubatteef. Haa ta'u malee jabina bulchisa OMN fi saba Oromootiin shirri Woyanee kun fashalee jira.

OMN dalaga isaa guyyuu guyyuu kessatti akkuma media addunyaa kamuu waan baay'een isa mudachuu ni danda'a. Mudateeras.Kunis akka naaf galutti kabaja mirga of ibsuu nama dhunfaa fi kan waloo eeguu, wal madalchisuu fi tiksuu kesstti haalli gartuu tokko itti dalansiisu hin dhibamu. Egaa yeroo haalli kun dhalatu diinotni keenya OMNiin qilensa irraa yoo isaniif danda'ame dhabamsisuuf gar tokko goranii olola oofuun OMNii fi ummata Oromoo garaa fi dugda gochuuf dhagaa isaan hin buqifne hin jiru.Sagantaa OMN kessatti yaada noomootni dhunfaan mirga of ibsuu qabaniitti maahii ba'anii dubbatan yaada isanii yaadaan mormuu irra OMNiin osoo yakkanii ifatti mul'atu. Kun immoo walalanii osoo hin taane haa ta'u jedhanii yoo isaniif danda'me OMNiin balessuuf karoorfatanii irratti dalagu. Kanafis ragaa kan ta'u biyoota dhihaa biyya qaroomni presii guddate kessatti kun isaan jala dhokateetu jedhanii yaaduuf ni ulfata.

Egaa dhugaan isaa erga kana ta'ee OMN dalaga isaa guyyu guyyuu rawwatu kessatti dogogora akka dhunfatti ykn akka gartuutti ta'uuf OMNiin akka dhabbataatti yakkuun fedhinnaa ummata keenyaa ta'uu hin danda'uu.Sababni isaa akeeknii fi kayyoon OMN fedhinnaa ummata Oromoo tiksuu hanga ta'etti waan nama waccisiisu hin jiru. Warri sagalee ol fudhanii iyyan dhugumaan saba keenyaaf yaadanii osoo hin ta'iin namoota ergaa diinaa fixaan baasuuf olii fi gad jedhan haala kana keessa gugatnii yoo isaniif danda'ame ummata Oromoo bira OMN deggersa akka hin arganne yaali godhu. Yaada namni dhunfaa tokko dubbate fuudhanii kutaa fi amantaan waliin walqabsisuun gartuu OMN abaaru horachuuf yaalii isaan hin goone hin jiru.Haala kana kessa harki Woyanee hin jiru jechuuf ragaan hin jiru.

Yeroo kana jedhu OMN dogoggora hin qabu jedhaa hin jiru. Dogoggorri ni sirawa malee OMNiin kan balessuu akkamiin ta'a? Hawiin akkasii maddi isaa eessa? Bu'uressitootni OMN ,board OMN, geggestootni fi hojetootni OMN dogogora dhunfaa rawwachuu ni malu. OMN fi isiniin haalli akkasii yeroo dhalatu gochaa sanaa waliin OMN akka godhetti walitti hidhuun sirrii miti.OMNiin akka dhaabaa Oromotti/Oromo instituition/ kan namootni bay'een ogummaa adda addaa qaban kessatti dalaganii fi wal dalagsisan ta'uu isaa hubchuu fesisa. OMNiin OMN kan isa godhu akka dhaaba Oromoo /Oromo institution/ Akeeka isaa ti .Nutis kan deggarru namoota achi jiran ilaallee osoo hin taane OMN dhaba media fedhinnaa biyolessa Oromoo tiksu ta'uu isaa waan ammanne fudhaneef. Kana immoo gorduba keenya teenyee xinxaluu fi madaluu waan dandeenyuf wawwachuu nu hin fesisu.

Waliigalatti Woyaneen enyummaa keenya balessuu fi lafa qotebulaa keenyaa saamee gurgurachuuf shira Woyaneen itti jirtu ummatni keenya hubatee dura akka dhabbatuuf ummata keenyaaf OMN ni barbaachisa. Dasporaa afanfaja'ee ykn bu'aa bubuutuu barbachaaf fedhinnaa Ummata keenyaa dura ijajjuuf jarri kun nuun bakka hin bu'an jennee saba keenyatti labsuuf OMN biyya alaa kanattis nu barbaachisa. Dimshshatti jiruu fi jireenya Oromoo kan siyasaa, dinagdee,hawasummaa fi hariiroo sabota gidduu kan guyyu guyyuu alaa fi biyya kessaa wal qunamsisuu kessatti ga'een OMN xaphatu ol aanaa waan ta'eef OMN yeroo kamuu caalaa nu barbaachisa.Kanafuu fedhinnaa Biyolessaa Oromoo tiksuu kessatti dirqama Oromummaa ba'aa kan jiru OMN tumsuun dirqama enyumman keenya nu irratti gate tu'uu isaa hubachuu qabna. Kanafuu OMN guddatee bakka feenu ga'uu akka danda'uuf ogummaa fi mallaqaan degerutu nu irraa eegama. OMN qabeenya ummata Oromoo waan ta'eef olola diinotna keenyaan hin diigamu. OMN dogogora isa barachaa ogummaan daran of cimsee ummata isaa sagalee dhorkatameef sagalee ta'uu akka itti fufu kallatii barbaachisaa ta'een dinagdeen utubuu keenya itti fufna.
Ummata keenya afaan qawween sagalee dhorkatameef sagalee haa taanu!

Galtomaa !

Wakshum B. Mijana
[email protected]

15/10/2015

-wrapper { display: none; } ...

12/10/2015

-wrapper { display: none; } ...

10/10/2015

-wrapper { display: none; } ...

Seenaa keenya dhalotaatti labsina,shoora diinaa hundeesaatiin buqqifnaa!!
03/10/2015

Seenaa keenya dhalotaatti labsina,shoora diinaa hundeesaatiin buqqifnaa!!

Visit the post for more.

25/09/2015

-wrapper { display: none; } ...

Adresse

Bergen

Varslinger

Vær den første som vet og la oss sende deg en e-post når Oromiske Media og Kultur Forening legger inn nyheter og kampanjer. Din e-postadresse vil ikke bli brukt til noe annet formål, og du kan når som helst melde deg av.

Del