Mahir Ali

Mahir Ali Walaloo group kan hunfaa dawa qabuu!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf
Page keenyaaf miseensa tahaa!!

Page kanaa
�DA'AWAA
�ANASHIIDDA
�VIDEO FI AUDIO FI PHOTO
�ODEEYFANNOO
�WALALOO ISLAM
�ASOOSAMA JIRU
�SEENAA fi kkf argachuu dandees

Addunyaa kanarra yeroo takka qofa jiraatta. Asirraa dabrinaan lammata asirratti hin deebitu. Gaafa tokko biqiltuu jiruu ...
09/03/2025

Addunyaa kanarra yeroo takka qofa jiraatta. Asirraa dabrinaan lammata asirratti hin deebitu. Gaafa tokko biqiltuu jiruu irraa akka baala gogeetti harca'uun kee hin oolu.
Kanaafuu:
Yoo balleessite dogoggora kee fudhu. Yoo nama miite dhiifama gaafadhu. Yoo jaalatte baasii dubbadhu. Osoo hin du'in badii kee asirraa qulqulleessi. Namni biroo sirraa bakka bu'u hin jiru. Waan har'a hojjatuu qabdu boritti hin dabarsin. Borus hojii mataa isaa waan qabuuf. Qalbii nama tokkos hin cabsin. Haqa nama tokkos hin dabsin. Daangaa kee tarkaanfattee jiruu nama tokkoo hin seenin.
Nama gaafa du'u uffataa fi kopheen isaa qofti irraa haftu osoo hin taane: nama seenaa faana dhalootni irra deemu hojjatu tahi. Nama hundaan wajji amala gaariin jiraadhu. Namni amala gaariin asirratti urgaa'e: osoo dachee jala seenellee hin ajaa'u!

Yaa RABBI anaafis kenni waan an amma himu!

Mana hiyyeessa fuudhee sooreessa hin dhiifne, beekaa fuudhee wallaalaa hin dhiifne, bareedaa fuudhee fokkisaa hin dhiifn...
07/03/2025

Mana hiyyeessa fuudhee sooreessa hin dhiifne, beekaa fuudhee wallaalaa hin dhiifne, bareedaa fuudhee fokkisaa hin dhiifne, arjaa fuudhee doyna hin dhiifne
Gowwaa fuudhee Abshaala hin dhiifne, Goota fuudhee dabeessa hin dhiifne,,,,,,, mana nama hundaaf wal qixaa mana erraa hafiinsi hin jirre……!!!

Of Eeggannoo Cimaa     ==================  Ofii if abaaruun ,  ilmaan abaaruun             khaadima abaaruun  Horii abaa...
07/03/2025

Of Eeggannoo Cimaa
==================
Ofii if abaaruun ,
ilmaan abaaruun khaadima abaaruun
Horii abaaruun dhoorkaadha !
Yeroo Du'aain qeebalamtu hin beeytan waan ta'eef !
روى مسلم في صحيحه عَنْ جَابِرِ بن عَبْدِ اللَّهِ، قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «لَا تَدْعُوا عَلَى أَنْفُسِكُمْ، وَلَا تَدْعُوا عَلَى أَوْلَادِكُمْ، وَلَا تَدْعُوا عَلَى خَدَمِكُمْ، وَلَا تَدْعُوا عَلَى أَمْوَالِكُمْ، لَا تُوَافِقُوا مِنَ اللَّهِ تَبَارَكَ وَتَعَالَى سَاعَةَ نَيْلٍ فِيهَا عَطَاءٌ، فَيَسْتَجِيبَ لَكُم
Keessattuu Dubartiin of Eeggadhaa yeroo Soomanaa kana faa joollee hin abaarinaa .
intaloon takka Mucaa ishii Daa'imaa waggaa Shanii ta'ee osoo jiruu Daawwitii Jidaaraa takka Lafa buusee Caccabxe.
Haati akkana jattee Abaarti osoo itti yaadin .
((LAFEE TEE SIHAACACCABSU))jatteen
Gaafa khaan mucaan Guddatee Barnoota isaa injinara ta'ee Eebbifamee hojii qabate .
Bakka hojii Deemee osoo hojjatuu Gamoo guddaa wahii kan Dulloome jigsanii Haarawa ijaaruuf yeroo jigsan Jidaarri irra bu'ee Lafee isaa Caccabse.
Yeroo haadhatti bilbilan Du'aa ii san Qaxab jattee Booyatti seente .
joollee hin abaarinaa !!!

Namni hundi akka dubartii gaarii qabaatu hawwa, garuu wanti namoonni hedduun hin hubanne dubartoonni gaariin onnee gaari...
03/02/2025

Namni hundi akka dubartii gaarii qabaatu hawwa, garuu wanti namoonni hedduun hin hubanne dubartoonni gaariin onnee gaarii qaban miira dhugaa qabatanii dhufu. Gadi fageenyaan itti dhagahamu.
Jabaatanii jaalatu. Isaan akka ajaa’ibaatti miidhamaa fi fedhii qabu, lubbuu isaanii guutuu namoota isaan yaadanitti dhangalaasu.
Dubartoonni gaariin amanamoodha, garuu onneen isaanii laaftuun yeroo wantootni itti dhagahaman salphaatti ni dallanu, ni aaru, yookiin miira keessa galuu danda’u. Kun dadhabina miti-waan isaan baay’ee kunuunsaniifidha.
Eeyyee, yeroo muudii isaanii qabaachuu danda’u, garuu wanti tokko, murtaa’aadha; dubartiin gaariin yoo si jaallatte, jaalala gosa gatii jabeessaa fi gatii qabeessa ta’e siif kenniti. Inni gosa jaalalaati eessayyuu argachuu hin dandeessu. Qabeenya.

Sec 3 qabada aamiiiin jedhi obboleessa ofuma keetii jedhii rabbiinbalaa konkolaataatiin si mokkorin yoo duraan galmeen k...
30/12/2024

Sec 3 qabada aamiiiin jedhi obboleessa ofuma keetii jedhii rabbiin
balaa konkolaataatiin si mokkorin yoo duraan galmeen kee makiinaan
du'uu tahes rabbiin sirraa haa haqu yaa rabbi nama aamin jedheefi like
share godhe hundaa qeebali.

====Good night ====      Ati tiyyuuma...!Rabbitu naf kenne badhaasa kan kooti Bareede fokkadhe isiif homa miti Dhugaman ...
20/12/2024

====Good night ====
Ati tiyyuuma...!

Rabbitu naf kenne badhaasa kan kooti
Bareede fokkadhe isiif homa miti
Dhugaman amanti jaalala dhugaati
Kanaaf jaaladhe hundaara calchise
Isiif kenne kino lubbuu koo dabarse

Fuudhu gifti too yoo sii gamachise
Rabbitu naaf kenne isi Na badhaase.
Gaafa isi argadhe yaadodha of baase.
Umamni ishe adda rabbitu miidhagse
Ala keessa isi hunduma qulqullese.

Maalin sii madala ati anaf addaa.
Jiruu kan kootif yoomu sii barbaada.
garsiiftu Abdi kooti kan naaf jiraatu
Qabaadhe dhabe ati hin jijiramtu
Ogayyu kokolfite tan na bohaarsitu

Naf jiraadhu ati hamtuun sin tuqini
Addaan hin baanu nu hooma hin yaadini
Sii jaaladha seene koo atis Na jaaladhu
Hangaa dhumati Na wajjin jiraadhu.
Dhugaa Siif hima jaalate jibbite
Ati tiyyuuma seene anumaf umamte!

Yoon si jaaladhe jedhu Ati maalif  nan amantuu?Sif jedhee dhiphadheMaalif naaf hin naatu Dhugaan si jaaladhee Keessa koo...
14/12/2024

Yoon si jaaladhe jedhu
Ati maalif nan amantuu?
Sif jedhee dhiphadhe
Maalif naaf hin naatu

Dhugaan si jaaladhee
Keessa koot na seente
kunoo onnee kiyya fudhu
Yoo jaalala beekte

Bar ani fayyaan qabaa
Marataa na seetee
Maalif na dheessitaa
Yeroo na argite

Naaf himi mee maloo
Maal narraa jibbetee?
Ni dhuftis ni dhumtis
yoo qabeenya taate

An qabeenya qabu
Sobee qaba siin hin jedhuu
Qabeenya qabeenya caalu
Ani si jaladhee atis na jaaladhu

lakki hin dogongorinii
Jaalalatu caala hundaa
Tole ykn lakkii jedhii
Maalif nan guggubda

Si jaaladhe jennaan
Ittuu natti qoostee
Gaafan abdii sirraa kute
Nan argattu boossee

An sit-hime garuu
Booda ni gaabitaa
Fuuldura kee beeki
Akka sitti taane bitaa

Qabeenyaf jaalala
Mee addaan baafadhuu
Wallaltee yoo ta'ee
Namas gaggaafadhu
Fb.me//MDSmaheeTv

Gaafa bofti mataa raasuAbbaa itti tahuuf dafqa namaaGaafa lootuun sihidduufQoqqottu dhaabaa manaaGaafa ririmi boolla qot...
12/12/2024

Gaafa bofti mataa raasu
Abbaa itti tahuuf dafqa namaa
Gaafa lootuun sihidduuf
Qoqqottu dhaabaa manaa

Gaafa ririmi boolla qottu
Gumbii sobaa ijaaruuf
Gaafa duumessi sobaa
Rooba fakkaatee xuwaaru

Boolla qotuun maal godharee
Yoon baasin mootii rirmaa
Galaanni gaafa roobu
Baatee deema jirma

Gooftaan aangoo qabu
Dirmataan abbaa haqaa
Duumessa nurraa kana
Isatu nurraa saaqa

Dursanii tokko tahuun
Humna guddaa qabaa
Kana sana osoon jenne
Dafaa harka walqabaa

Rabbi nurran kaahin
Dhiibbaaf dhibee namaa
Kan nudhiibu kan nu miidhu
Nurraa kaasu hamaa
/ aamiin yaarabbi

By Mahir Ali

Maqaa fi Ilmoolee Bineensotaa1) Harree___bukurii2) Qamalee___ canoo3) Farda___ ciloo ( Darmii )4) Kuruphee___sophoo5) Xa...
10/12/2024

Maqaa fi Ilmoolee Bineensotaa
1) Harree___bukurii
2) Qamalee___ canoo
3) Farda___ ciloo ( Darmii )
4) Kuruphee___sophoo
5) Xaddee___ xubii
6) Bofa ____ qoqalaa
7) Weenni___ wullee
8) Buutii ___ Lootii
9) Re'ee ___ maqasha
10) Hoolaa___ bukkuula
11) Aduree___ bashoo
12) Huummoo___ cuucii
13) Lukkuu___ hucoo
14) Sa'a___ waati
15) Gadamsa___ gudalaa
16) Saree___ buchila, xuuxilla
17) Kannisa___ barrisaa
18) Hantuta___ajjoo
19) Jawwee___ lootii
20) Raacha____ callee
21) Sololiyaa ____ cuucii
22) Sardiidoo____xulubaa
23) Bosonuu____simboo
24) Illeetii____buchilaa
25) Roobii____heegira
26) Guchi____ruboo
27) Sattawaa____bochoola
28) Qocaa____cuucii
29) Leenca____kubalee
30)Qerransa___linchii
31) Arba____dhoblee
32) Gafarsa____serro
32) Gaala____nyarqoo
34) Jalddeessa___cakkee
35) Simbirroo____cuucii
36) Gogorii____cuucii
37) Booyyee___qoqalee
Afaan Oromoo haa guddifnu
# Erga dubbistee Hiriyoota keef
Mahir Ali

Address

Hawiya
Al Hawiyah
BABILE

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mahir Ali posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Mahir Ali:

Share

Category